Kooriyaan Kaabaa 'nikulara bishaan jalatti haleellaa raawwatu' yaalte

Kooriyaan Kaabaa shaakala waraanaa Ameerikaa, Kooriyaan Kibbaa fi Jaappaan raawwataniif deebii kennuudhaaf yaalii ''sirna meeshaa waraanaa nikulaaraa bishaan jalaltti haleellaa raawwatuu'' gaggeessuu miidiyaan mootummaa biyyattii gabaase.

Kooriyaan Kaabaa yaaliin "Haeil-5-23" jechuun kan moggaafte humni niikulaara diirooniin bishaan jalatti haleellaa dandeessisu kanaatiif kan raawwatame qarqara daangaa bishaansheetti ture.

Biyyattiin kana duras yaalii meeshaa waraanaa wal fakkaatu raawwattee turte. Haata'u malee kan tibbanaa kunis kan raawwatame haasaa holola muddamaa biyyattiin taasiftu waliiniidha.

Kooriyaan Kaabaa waraana ''yeroo kamiittuu'' karaa qarqara galaanaatiin mudachuu danda'u qolachuuf hidhannoo waraanaa qopheessaa akka jirtu irra dedebiindubbatti.

Hoogganaan biyyattii Kiim Joong Un torban kana keessa kaayyoon deebiisanii walitti makamuu xumurachuu labsuudhaan, Kooriyaa Kibbaatiin ''diina cimtuu'' jedhanii turan.

Ibsi dursaa kanaattis duulawwan bishaan jalaa dabalatee, waa'ee dandeettii waraanaa fi nikulaaraa ciccimoo hedduus kaasee ture.

Fulbaana darbe, Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraana niikulaaraa bishaan jalatti dhukaasuuf dandeettii qaba jette kan jalqabaa ifa gootee turte.

Erga Bitooteessa 2023tii as, niikulaara bishaan jalaaa diroonnii hidhate kan maqaan adda hin baane sirna ishee Haeil jedhamuun yaalii taasisuu himtee turte.

Waa'een meeshaa kanaas ta'ee waa'een milkaa'ina isaa baayyee kan hin beekamne yoo ta'u, xinxaltoonnis kun miisaa'eloota baalistikii niikulaaraa biyyattiin qabduun gadi akka ta'e kaasu.

Kooriyaan Kaabaa bara darbe keessa yaaliiwwan miisaa'eloota dheerina fagoo imalan hedduu taasifte turte.

Akkasumas baruma darbe keessa saataalaayitii basaasaa hawaa irra kaa'uu kan beeksiifte yoo ta'u, bara kanas dabalataan akka ergitu dhaadattee jirti.

Guyyaa Jimaataa, ministeerri waraanaa biyyattii ''sochiiwwan waraana jibbiinsa Ameerikaafi michoota humnoota galaanaashee ittisuudhaaf'' sirna bishaan jalaa yaaluu beeksiisuu miidiyaan biyyattii KCNAn gabaase.

Ameerikaa, Kooriyaan Kibbaafi Jaappaan shaakala waloo guyyaa sadii xiyyaaroota waraanaa Ameerikaa hirmaachise bishaan naannawa qarqara Kooriyaatti jalqaba torban kanaa gaggeessanii ture.

Piiyoongiyaang shaakaliichi, ''kan haala naannichaa caalaa jeequufi gochaa nageenya Kooriyaa Kaabaa haalaan boorreessuudha'' jechuun ibsite.