Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayyaanni ‘yaadannoo warra abbaa Oromoo’ kan Waaqeffattoonni tibbana kabajan maali?
Hordoftoonni amantaa Waaqeffannaa tibbana Ayyaana yaadannoo warra abbaa Oromoo jedhamu kabajan.
Ayyaana kana hordoftoonni amantichaa galma waaaqeffannaa Boosatitti kumaatamaan bahuun yoo kabajan muldhata ture.
Ayyaanni warra abbaa Oromoo maali?
Obbo Lammaa Bayii dhaabbata Hordfoftoota Amantaa Waaqeffannaatti itti gaafatamaa kutaa odeeffannoo fi qunnamtiiti. Ayyaana warra Abbaa Oromoo jedhamu kana akkas jechuun ibsu.
“Ayyaanni kun yaadannoo warra abbaa Oromoo jedhama. Ayyaana dhaloota keenya warra darbanii jechuudha. Warra aadaa duudhaa kana nudhaalchisanii darban, kan ayyaantummaan isaanii amma nu faana jiru yaadachuudha” jedhan.
Oromoon yeroo duudhaa, aadaafi eenyummaa isaatiin bulaa turetti Ayyaanni Abbaa oromoo jedhu kun ayyaana Hangafaa guddaadha kan jedhan Obbo lammaan, yeroo amantiin waaqeffannaa dhiibbaa jala turetti ammoo ayyaana dagatamee turedha jedhu.
“Ayyaanni kun ayyaana Oromoo kan waaqeffattoonni waaqeffatanii irraa milkaa’aa turan waan ta’eef erga amantichi deebi’ee babal’achuu jalqabee ayyaantummaan abbootii Oromoo adda cite ture sun akka haaraatti hordoftoota amantichaatiin kabajamuu eegale” jedhan.
Ayyaanichi erga dagatamee waggoota dheeraa lakkoofsiseen booda deebi’ee kabajamuu kan jalqabe Fulbaana 19, bara 1990 Harargee Lixaa galma waaqeffannaa Daaroo labuutti yeroo jalqabaaf irra deebiin kabajamuu kan eegale ta’uus himu.
Ayyaanni yaadannoo Warra Abbaa Oromoo jedhamuun beekamu kun wiirtuu waaqeffattoota Boosatitti amma marsaa 14ffaa kan kabajame.
Yaadannoo kan jedhames dhaloota nuduraa duudhaa waaqeffannaa fi eenyummaa akkasumas ayyaantummaa nuuf dhiisanii darban yaadachuuf akka ta’es himu obbo Lammaan.
“Oromticha ilmaan Booranaa bareentuu, ilmaan kuush kan Afrikaa keessa jiran yaadanna. Isaan yaadachuu jechuun aadaa, afaan, eenyummaa, jaalala isaan waliiqabaataa turan, waaqeffannaas, Gadaas ijaaaranii warra nuuf dhiisanii darban yaadanna” jedhu.
Yaadachuu jechuunis waan isaan bu’uura kaa’anii deemaniif galateeffachuu akkasumas haftee isaan lafa kaa’anii deeman ammoo dhaallee itti fufsiisuu kan of keessaa qabudhas jedhan.
Sirnootni Ayyaana kanarratti raawwataman maali?
Ayyaanni Yaadannoo warra Abbaa Oromoo jechuun Waaqeffattoonni kabajan kuni qabiyyeewwan hedduun dabaalama jedhu Obbo Lammaan.
“Gaafa Ayyaana kanaa waaqeffattoonni galmatti walgahanii duudhaan waaqeffannaa, dhimmootni amantichaan walqabatan nibarsiifamu. Jeekkarsi nijeekkarama. Nyaanni aadaa Oromoo gosa gosaa dhihaata. Uffannaa fi shubbisni aadaa Oromoos qabiyyee ayyaanichaati” jedhan.
Kana malees ilmaan Booranaa fi Bareentuu bakka tokkotti walitti dhufuun tokkumaa isaa mul’isuuf Haaduu tokkoon korma qalatee waliin nyaata jedhan.
Ayyaana Yaadannoo warra abbaa Oromoo kan waaqeffattoonni tibbana Galma Boosatitti kabajan kanarratti hordoftoonni amantichaa kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhufan kuma 15 hanga kuma 20 ta’an hirmaataniiru jedhan.
Ayyaana Yaadannoo waggaa 14ffaa kabajan kanarrattis Galmi guddichi waaqeffattootaa Boosatitti ijaarame eebbifameera.
Waaqeffattoonni ayyaana Yaadannoo Warra abbaa Oromoo kana waggaatti si’a lama kabaju. Fulbaana 19 fi Amajjii 3.
Amantiin Waaqeffannaa dhiibbaa irra ture jalaa bahaa jira
Akka Obbo Lammaan jedhanitti amanitin Waaqeffannaa dhiibbaa irra tureerraa deebi’uun biyyattii keessatti heeyyama seera qabeessummaa argatee yeroo ammaa haala Fooyya’aa keessa jjiraachuu himu.
Amantichi bara 2005 heeyyama seera qabeessummaa argatee sochii taasisaa ture. ta’ulleen bakka waaqeffannaa fi bakka awwaalchaa dhabuun jaboo rakkachaa turuu eeran.
Hordoftoonni amantichaa yeroo ammaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti bakka waaqeffannaa fi Awwaalchaa sera qabeessa argachaa jiraachuus eeran.
“Amma kutaalee Oromiyaa adda addaatti bakka ijaarsa galmaatif bakka awwaalchaaf lafa bakka 234 argannee jirra. Galmoota waaqeffannaa gurguddootu ijaaramaa jira. shawaa bahaatti qofa amma galma waaqeffannaa gurguddoo torbatu ijaarsarra jira” jedhan.
Haala amma dura turerraas hordoftoonni amantichaa bilisummaan dhimma amantaa isaanii gaggeessuu irratti fooyya’iinsii gaariin jiraachuus eeran.
Ayyaanotni hordoftoonni amantaa Waaqeffannaa kabajan akkuma amantaawwan biroo beekamtii argatanii kaalandara biyyaa keessatti akka hammatamaniif irratti hojjechuuf karoora qabaachuus eeran Obbo Lammaan.