Waldhabdeen Naannoo Amaaraa garamitti deema? Gaaffiin jiru maali?

Namamqawwee qabatee dhaabbatu

Madda suuraa, Getty Images

Naannoo Amaaraatti waldhabdeen ji’ootaaf tureefi torbaanota darban keessa hammaachaa dhufe magaaloota naannichaa tokko tokkoo keessatti mudachuun gabaafeera.

Waggoota darban keessa Itoophiyaan waraana hamaafi walitti bu'insa bakka adda addaatti ka'e keessa darbite.

Waraanni naannoo Tigiraay Sadaasa bara 2020 jalqabe waggoota lamaaf gaggeeffameen lubbuu namoota walakkaa miliyoonaa tahan galaafatee, marii nagaa Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti taa'ameen xumurame.

Waggoota shanan darban keessa naannoo Oromiyaa keessumaa gara Lixaa, Kibbaa fi Giddugaleessattis Waraanni Bilisummaa Oromoo humnoota nageenyaa mootummaa waliin wal lolaa jira.

Kun kanaan osoo jiruu muddamni naannoo Amaaraatti hidhattoota Faannoo, milishootaa naannichaa fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti dhalate akkaan hammaachuun naannichatti Labsii Yeroo Muddamaa labsame.

Waldhabdee kanarratti kanneen hirmaachaa jiran, hubannoo fi ogummaan sababa waraanaa darbee rakkoo umamee irraa barachuun, dhimmichi karaa nagaafii tasgabaa'een akka furamuuf dhaabbileen amantaa, paartileen siyaasaafi waldaaleen siivilii waamicha dhiyeessaa jiru.

Eenyutu eenyu waliin wal lolaa jira?

Naannoo Amaraatti hidhattoota Faannoo fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti waldhabdee fi dhukaasaa gaggeefamaa ture.

Wal dhabdeen kunis torbaanoota darban keessatti hammaatee dandeetti naannichaa ol waan ta’eef mootummaan federaalaa gidduu akka seenuuf gaafaatamee, Labsiin Yeroo Mudamaa Kamisa Hagayya 3, 2023 Mana Maree Ministeerotaan labsamuun tarkaanfiin fudhatamuu akka eegalame ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Labsii Yeroo Mudamaa torban darbe mana maree ministeerotaan labsame raggaasisuufis manni maree bakka bu’oota ummataa boqonnaarra jiru guyyootii dhufan keessatti akka mari’atu eegama.

Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatti Daarektarri Daareektoreetii Quunnamtii Hawaasaa Koloneel Geetinat, raayyaan ittisaa “kanneen maqaa Faannootiin socho’aa nagaa booreessan irratti tarkaanfii ni fudhatama,” jedhanii ture

Hayyuun siyaasa naannichaa itti dhiyeenyaan hordofanii fi eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan tokko, turtii BBC waliin taasisaniin, naannichaatti raayyaa ittisa biyyatti fi qaamolee nageenyaa naannichaa hidhattootaa Faannoo waliin walitti bu'aa jiraachu kaasan.

“Gama tokkoon Faannoo hidhatetu jira. Haata'u malee naannicha keessatti kan deeggaru waan qabuuf deeggarsa uummataa bal’aa qaba jechuun hin danda'amu... Uummatarraa, keessumaa gama dargaggootaan deeggarsa guddaa qaba,” jedhu.

Namni kun kana haa jedhan malee aanga'onni naannichaa qaamni hidhatee Faannoo ofiin jechuun naannicha keessa socha'u kun humannan sirna naannichaa diiguuf naannichatti madda tasgabbii akka ta'e yoo dubbatan dhagahamu.

Akkasumas mootummaan hidhattoota kanneeniin yeroo garaa garaatti ''finxaaleyyii Amaaraa'' jechuun waamaa turuun ni yaadatama.

Namni BBCn dubbisee kuni garuu hidhattoota kanneen maqaa akkanaan waamuu irraa of qusachuun barbaachisa jedhan.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad osoo gara aangootti hin dhufiin dura maqaan Faannoo kan ka’u qabsoo hidhannoo dhoksaatiin ture.

Yeroo sanatti kutaalee biyyatti adda addaa keessatti, hiriira mormii turan hordofee, Faannoon naannoo Amaaraatti keessummaa Goondaritti warraaqsa qindaa’ina dargaggootaan socho’aa akka ture ni himama.

Sana booda garuu rakkoo tasgabbii biyyattii keessatti uumamaa ture hordofee maqaan isaanii kan ka’u, “qindaa’ina hidhatootaa seeraan alaa” kan jedhuun ta’e.

Mootummaan fedeeraalaa humnoota Tigraay waliin yeroo waraanaa gaggeessaa turetti, keessuma yoo humnoonni TPLF naannoo Amaaraa keessatti kutaalee tokko tokko to’aatanii turanitti, Faannoon humnoota mootummaa waliin dhaabbachuun lolarratti hirmaachun himame.

Gareen kun mootummaa naannichaan akka waayilaatti wayita ilaalamaa turetti, mootummaan naannoo Oromiyaa garuu waan daangaa qaxxamuruun yeroo garaa garaatti haleellaa raawwataa turaniif ''hidhatoota finxaaleyyii Amaaraa'' jedhuun balaaleeffataa ture.

Akkasumas garee Faannoo kun waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame keessatti dhaabbilee mirga namaatiif falamaniin sarbama mirga namoomaa hedduu raawwachuun himatamu.

Gaaffileen ijoon kaasan maali?

Hayyuun BBC’n dubbise akka himanitti, gaaffiileen naannichaarraa ka’an kan yeroo dheeraaf naanna’aa turanifi kan mootummaa naannichaas ta’e mootummaa federaalaa beekamanidha.

Ittanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, waldhabdee naannichatti uumamee hordofe ergaa fuula Fesbuukii isaanii gubbaatti barreessaniin, waldhabdeen naannichati uumame “gaaffii jiruuf daandii furmaataa irratti gufuu kan uumudha” jechuun ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa kun gaaffileen kun maal akka ta’an ifatti ibsuu baatanis, “dhimmootii itti fufiinsaan ilaalamu qabu jennuuf furmaata argachuuf kun adeemsa rakkoo uumudha,” jedhaniiru.

Dabaluunis, “jijjiirama kanarraa wantoonni nuti eegnee turre garuu deebii itti hin arganne, kan nu hin qubsinee rakkooleefi miirri jiraachuu malu,” jechuun ergaa isaanii irratti ibsaniiru.

Namni BBCn dhimma kanarratti dubbise ammoo, gaaffiin hidhattoota kanneenii dursaa kan dhimma eenyuummaa fi daangaa wal qabatu ta’uu ibsuun, dhimma “Walqaayiit, Raayyaa fi Xalamti,” ta’uu kaasan.

Ummaanni Amaraa naannichaa ala jiraatu nagaan akka jiraatu, deeggarsa sirrii ta’es akka argatu kan jedhus gaaffii biraa ta’uu eeraniiru.

“Inni sadaffaa dhimma haqa argachuudha,” kan jedhan hayyuun kun, dhimoota siyaasa, diinagdee fi hawaasummaa irratti dhiibamneerra amantaan jedhu waan jiruuf, “kun akka sirraa’uuf gaaffii qaba,” jedhu.

“Ummanni Amaaraa naannaa Finfinnee jiru mirgii fi fayidaan isaa sirriitti hin kabajamne, kunis kabajamuu qaba. Finfinneen kan hunda keenyaadha malee sochiin kan saba tokkottii jedhu dhaabbachuu qaba kan jedhus gaaffilee ijoo turani,” jedhu.

“Ajjeechaa fi qe’ee irraa buqqa’uun,” dhaabbachuu dhabuu isaa caalaa “yaaddoon xiinsammuu nurra ga’eera sadarkaa jedhurra ga’eera,” kunis gaaffii guddaa ta’ee dhufuu isaa ibsaniiru.

Gaaffileen kun dhufaatii Badhaadhina dura kan uumaman ta’uu ibsuun, kana geeddaruufis ummatichi warraaqsa bal’aa taasisuu isaa eeraniiru.

TPLF angoo irraa ka’ee yommuu Badhaadhinni bakka bu’u, “abdiin gaaffii uummata Amaaraa ni deebi’a jedhu kan ture ta’us hammaachaa deemuun isaa haala amma irra ga’ameeruu kana kan hammeesse ta’ee itti fufeera,” jedhu.

“Ariitii fi hatattamaan yaaddoo xiinsammuudha kan jedhaman utuu hin sirraa’iin,” boodarra “humni addaa gaaffiikoo naaf deebisiisa ykn hirkoo naaf ta’a jedhamee eegamaa ture diigamuun isaa uummata Amaaraa dheekkamsiiseera,” jedhu.

Adeemsi Faannoo qabachuu fi hoogganuuf taasifamees itti dabalamuun “dheekkamsa Amaaraa argaa jiruuf ka’uumsa akka ta’etti natti dhaga’ama,” jechuun dubbataniiru.

Galmi isaa hoo maali?

Galmi dhumaa hidhattoota kanneennii maalii kan jedhuuf deebii kan kennan namoota sochii kana hogganaa jiran osoo ta’e akka filatan himan maddi BBC dubbis kun. Haata'u malee, eenyuu sochii hidhattootaa kanaa hoogganaa akka jiru ifatti dubbachuun cimaa akka ta’e eeraniiru.

“Hoogganaa qabuu danda'u jedhamee amanamulleen garuu eenyuun dursamaa jira kan jedhu ibsuun garuu xiqqoo rakkisaadha. Namoonni as bahanii miira fi adeemsa akkamiin hoogganaa akka jiran ifa waan hin taaneef, gaaffii bilchinaa irratti ka'uu danda’a.”

Haalli kunis “sochiin naannichatti eddoowwan garaa garaatti taasifamu hooggansa waliigalaa tokko qabaa? gaaffiin jedhu akka ka'u akka taasisu dubbachuun,” kunis “galma barbaadamu gahurratti akka shakkitu taasisa,” jedhe.

Haata'u malee dhaadannoo yeroo hunda isaan kaasaniin miira Itoophiyaa'ummaa akka qabaatan kaasu.

Namoota milkaa’ina sochii kanaa irratti shakkii qaban keessaa ani tokkodhas jedhan hayyuun kun.

“Dheekkamsa uummataa hedduutu jira, uummanni gaaffilee deebii akka argatan barbaadan qabu. Gaaffileen kun hanga hin deebinetti uummata Amaaraa irratti bulchiinsa tasgabbaa’aa uumuun rakkisaa natti fakkaata,” jechuun yaaddoo dhunfaasaanii kaasu.

Kana malees, mootummaan gaaffii jiru kan Faannoo fi kan hidhatootaa kaanii qofa taasise yoo ilaala ta’e dogoggora uuma jechuun, “ummata bira miirri miidhamaa jira. Kana hubannoo keessa galchuun tasgabbaa’uun akka mootummaatti takka takka mo’amaniillee mo’achuun ni danda’ama,” jedhu.

Dabaluunis, mootummaan gaaffilee ka’aniif deebii kennuun ala bulchiinsa tasgabbaa’aa uumuuf yaaduun “baayyee rakkisaadha” jechuun yaada isaanii xumuraniiru.