Haleellaa hidhattoonni Faannoo N. Oromiyaa Mandiidaatti raawwataniin lubbuun darbe - Qondaala

Madda suuraa, Abbichu Communication
Hidhattoonni Faannoo magaalaa Naannoo Oromiyaa kan Naannoo Amaaraa daangessitutti haleellaa raawwataniin lubbuun darbuu qondaalliifi jiraataan BBC'tti himan.
Bakki guyyaa Wiixataa haleellaan raawwate jedhame Magaalaa Mandiidaa kan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuufi Nya’aa keessatti argamtudha.
Haleellaa ALI Hagayya 01, 2015'n lubbuun kan darbe kan miseensota Poolisii Oromiyaa lamaafi barataa tokko ta'u qondaalli aanichaa himaniiru.
Taateen kuni yeroo humnoonni federaalaa sochii hidhattoota kanaa to'achuuf Labsiin Yeroo Muddamaa Naannoo Amaaraatti labsame dhagahame.
Dhimma kana irratti gama naannolee lamaan wal daangessan, Oromiyaafi Amaaraa, wanti jedhame hin jiru.
Haa ta'u malee, Naannoon Oromiyaa, naannolee kaan waliin ta'un, tarkaanfii mootummaan federaalaa Naannoo Amaaraatti fudhataa jiru akka deeggaru ibseera.
Hidhattooti kun ganama naannoo sa’aa 4:00'tti gara magaalichaa seenuu kan himan qondaalli kun, “Gocha kana kan raawwate humna Faannoo jedhamudha.
''Konkolaataadhaan toora magaalaa Dannabaa irraa daangaa isaanii cabsanii gara keenya dhufan,” jedhan I/Gaafatamaan Kominikeeshinii aanichaa Obbo Abdataa Haayiliyyee.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dannabaan magaalaa Naannoo Amaaraa aanaalee Abbichuufi Nya’aa daangessan keessaa tokko kan ta’e Siyaadabirii fi Waayyuu keessatti argamtudha.
Hidhattootni maqaa Faannoo jedhamuun waamaman kunneen konkolaataa fee’umsa meeshaa sadiin Dannabaarraa gara Magaalaa Mandiidaa akka deeman odeeffannoo qabaachuu isaaniifi magaalaa osoo hin seenin konkolaataarraa bu’uun dhukaasa banuu isaaniis Obbo Abdataan himaniiru.
“Baay’inni isaanii qabatamaatti ani kanin ofii kiyyaaf arge toora nama 100 ni ta’u. Mooraa Waajjira Bulchiinsaa fi Waajjira Poolisii seenanii dhukaasanii bahan,” jedhan.
Hidhattoonni kunneen meeshaalee waraanaa dhuunfaa dabalatee kunneen Isnaayippariifi Bireenii jedhaman hidhachuu dubbatan angawaan kun.
''Dhukaasaa dhufanii Waajjira Poolisii seenanii meeshaa hiikkachuu barbaadan garuu hin milkoofne, gadi deebi’an,” jedhan.
Gama Naannoo Oromiyaatiin immoo poolisiin idilee aanichaa fi milishaan tarkaanfii ofirraa qolachuu fudhachuu isaanii himameera.
Kaayyoon hidhattootni kunneen Magaalaa Mandiidaa itti seenuu danda’an magaalicha qaxxaamuranii gara magaalota naannoo Amaaraa birootti ce’uu ta’uu akka danda’u himan Obbo Abdataan.
''Garuummoo magaalaa gaafa gahan dhukaasa banan. Kaayyoon isaaniis jeequmsa, waan argatan saamuufi meeshaa hiikkachuu barbaadu. Sun immoo hin milkoofne,” jedhan.
Yaada jiraataa magaalaa
Jiraataan Magaalaa Mandiidaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafataniifi BBC'f yaadasaanii kennan lakkoofsi hidhattoota Faannoo magaalicha seenanii '300 kan ta'u' akka ta’e odeeffachuu himaniiru.
“Akkuma seenaniin magaala naanna’anii dhukaasaa turan. Guutuu magaalichaa keessa deemanii sakatta’anii dhukaasaa turan,” jedhan jiraataan kun.
Caasaaleen nageenyaa mootummaa magaalicha keessa turan haleellaa hidhattoota Faannoo ofirraa qolachuuf dhukaasaa turuu kan himan jiraataan kun, “hanga danda’amaa ta’e ofirraa dhorkanii humnaa ol itti taanaan jarri cabsee seene kan jedhutu jira,” jedhan.
Lubbuun darbuu
Dhukaasa humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduu tureen lubbuun namaa darbuu qondaalliifi jiraataan magaalichaa BBC'tti himaniiru.
“Lubbuun nama siiviilii tokkoofi kan poolisii lamaa darbeera. Faannoo keessaa nama 8 kan ta’u lubbuun darbeera kan jedhu odeeffannoo qabna” jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii aanichaa Obbo Abdataa Haayiliyyee.
Hidhattootni Faannoo ganama sa’aa 4:00 hanga waaree booda sa’aa 11:00'tti magaalicha keessa turuu kan himan qondaalli mootummaa kun, sa’aa 11:00 booda garuu magaalicha gadhiisanii bahu himan.
“Akka waan magaalaa qabattee jirtutti kan odeessu jira. Garuu amma magaalaa keessa hinjiran, gadhiisanii bahanii jiru. Kan magaala keessa jiru humna mootummaati” jedhan.
Kana malees odeeffannoowwan baankiiwwan magaalicha keessatti argaman saamamuufi hidhamtoonni gadhiisifamuu himanis oduuwwan sobaa ta’uu himaniiru.
“Baankiin tuqame hinjiru, namni butames hinjiru. Namoota sadeen du’an siviilii barataa tokkofi qaama nageenyaa poolisii lamaan alatti lubbuun darbes, qabeenyi saamames hinjiru” jedhan.
Jiraataan magaalichaa BBC'n haasofsiises “odeeffannoo meeshaa saamaniiru, baankii cabsanii fudhataniiru jedhutu jira. Garuu oduu sobaati. Wanti saamame hinjiru” jedhan.
'Ammatti qabbana garuu yaaddoon jira'
Haalli guyyaa Kibxataa Magaalaa Mandiidaa keessa jiru qabbana ta’uu qondaalli aanichaafi jiraataan magaalaa Mandiidaa himaniiru.
“Ani mataa kootti daandiirran jira. Qaamni nageenyaa magaalicha keessa socho’aa jira.
''Hawaasnis akka barbaadetti bahee galaa jira” jedhan qondaalli aanichaa Obbo Abdataan.
Jiraataan Magaalaa Mandiidaa gama isaaniitiin, “namni magaala keessa socho’aa jira. Tajaajilli tokko tokko kan cufame jira, kan banames jira” jedhan.
“Wanti akkasii kanaan dura hin uumamne. Namni waliigalee karaa nageenya qabuun jiraachaa ture” jechuun ibsu jiraataan BBC'n dubbise.
Haala yeroo ammaa Naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee garuu yaaddoon jiraachuu himaniiru.
“Yaaddoon jiru toora Dannabaatti wal gurmeessaa jiru kan jedhu odeeffannoo ni qabna. Yaadni hawaasaafi nubiras jiru qaamni nageenyaa akka as turuufi humni dabalataa dabalamuu akka qabudha” kan jedhan immoo Obbo Abdataa Haayiliyyeeti.
Aanaan Abbichuufi Nya’aa aanaalee Naannoo Amaaraa sadii: Baasoofi Waraanaa, Aangolalaafi Xaraa fi Siyaadabir fi Waayyuu jedhamaniin wal daangessa.
Kana dura yeroo adda addaatti keessumaa gama Shawaa Bahaafi Shawaa Kaabaan hidhattooti Faannoo daangaa cabsuun badii raawwatuu himatamu.
Hidhattoonni kuni garuu ni waakkatu.












