'Raayyaan Ittisaa magaalota Naannoo Amaaraa jaha bilisa baaseera' - Mootummaa

Magaalota Naannoo Amaaraa walitti bu'iinsi jabaan keessatti mudate keessaa tokko Gondaridha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalota Naannoo Amaaraa walitti bu'iinsi jabaan keessatti mudate keessaa tokko Gondaridha

Magaalota Naannoo Amaaraa tibbana hidhattooti lola bananitti mootummaan tarkaanfii fudhachuun ‘’bilisa baasuu’’ beeksise.

Qajeelchi Waliigalaa Labsii Yeroo Muddamaa ibsa Roobii baaseen Baahirdaariifi Gondar dabalatee magaalota jahatti tajaajilli mootummaa akka eegalu, balaliin akka jalqabuufi uggura sochii kaa’uu ibseera.

Magaalota kanatti, ‘’garee badiinsaa meeshaa akka lafa kaa’uufi harka akka kennu carraan itti kenname waan itti hin fayyadamneef tarkaanfiin irratti fudhatameera, olaantummaan seeraas akka kabajamu ta’eera,’’ jedhe.

BBC’n waan lafa jiru qaamolee walabaarraa hin mirkaneeffanne. Jiraattoti Gondariifi Laalibalaa Rooyitarsiifi AFP’tti dubbatan garuu humnoonni mootummaa milishoota magaalota keessaa moggaatti baasuu himani.

‘’Yeroo ammaa magaalonni garee saamtotarraa bilisa bahaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaafi qaamoleen seera kabachiisan,’’ kanneen hafanirratti tarkaanfii fudhataa akka jiran mootummaan ibse.

Ibsi bahe magaalaa Finfinnee keessatti shakkamtooni 14 to’annoo jala oolchuus ibseera. Eenyu akka ta'an garuu hin ibsine.

Magaalonni jaha ibsaman Baahirdaar, Dabira Maarqos, Dabra Birahaan, Laalibalaa, Gondariifi Shawaa Roobitidha.

Akkaatuma kanaan, ALI Kamisa Hagayya 04, 2015 eegalee magaalota kanatti balaliin xiyyaaraa akka eegalu ibse.

Magaalota eeraman keessaa buufata xiyyaaraa kan qaban Baahirdaar, Gondariifi Laalibalaadha.

Torban dura hidhattooti Faannoo dhukaasa bananiin balaliin gara Laalibalaa taasifamu danqamuu jiraattoti ibsanii turan.

Guyyaa Kibxataa Naannoon Amaaraa ibsa baaseen magaalota naannichaa keessa nagaan deebi’aa akka jiru ibsee ture. Ibsi bahe garuu deebi’ee badee ture.

Walitti bu’iinsiifi wal dura dhaabbannaan humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo hammaatuu hordofee torban darbe ture Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa Labsii Muddamaa kan labse.

Jiraattoti BBC’n magaalota adda addaarraa dubbise walitti bu’iinsa mudaten lammiileen nagaan lubbuu dhabuufi hospitaalota keessammoo hanqinni dhiigaafi oksijinii dhalatuu himan.

Doktaroonni BBC’n magaalaa Baahirdaarirraa dubbise lammiileen nagaa ‘’baay’ee’’ lubbuu dhabuu himan.

Rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraatti mudateen hospitaala Gondaritti hanqinni qorichaa, oksijinii fi dhiigaa mudachuu maddeen hospitaalichaa BBC'tti himaniiru.

Jiraattonni maal jedhan?

Akka jiraattonni AFP fi Rooyitars dubbise jedhanitti, Kibxata waaree boodaa ture humnoonni mootummaa giddugala magaalaa Gondar kan to’atan.

Hidhataan Faannoo Rooyitars Gondarirraa dubbise ‘’lola jabaa ture. Raayyaan taankii fayyadamaa ture. Hidhattooti keenya Kilaashinkovii qofa qabu ture,’’ jechuun magaalaa keessaa akka baafaman hime.

Jiraataan biraa AFP’n dubbisees, waraanni Itoophiyaa ‘’lola jabaa guyyootaaf ture booda bakkeewwan magaalattii gara caalu to’achuu,’’ hime.

Akka jiraataa kanaatti, waraanni Itoophiyaa taankiifi konkolaattota waraanaan dhimma baheera. Hidhattooti Faannoo bakkee magaalattii tokko qofatti hafuu hime.

Magaalli Laalibalaa bakkeewwan hawwata turizimii Itoophiyaa keessa argaman keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalli Laalibalaa bakkeewwan hawwata turizimii Itoophiyaa keessa argaman keessaa tokko

Walitti bu’iinsa guyyaa Kibxataa ture hordofuun Roobii ganama immoo humnoonni mootummaa magaalaa Laalibalaa seenuu jiraattonni himaniiru.

Jiraataan Laalibalaa AFP’n dubbise ‘’Faannoon magaalaa gadhiisee bosona seeneera,’’ jechuun magaalaa keessa sochiin akka hin jirre himan..

Walitti bu’iinsa guyyootaaf ture booda guyyaa Roobii Magaalaan Baahirdaar tasgabbiitti deebi’u jiraattoti kuni himaniiru.

Ibsi bahe maal jedhe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhattoota Faannoo yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa Raayyaa Ittisaa bira dhaabataniifi yeroo ammaa humnoota mootummaa lolaa jiran ‘’mootummaa naannichaa fonqolchuuf’’ yaada qabu jechuun mootummaan himata.

Hidhattooti kuni Raayyaan Ittisaa keessumaa naannolee ollaarraa humna balaa ofirraa ittisuu ummata Amaaraa laaffisuf socho'a jechuun himatu.

Walitti bu’iinsi naannichati gabaafaman magaalota keessadha. Kunneenis sababa barbaachisummaa isaaniif filatamuu ibse mootummaan.

Magaalonni jaha kunneen ‘’ummanni heddu waan keessa jiraatuf, sochiin daldalaafi turizimii olaanaa waan keessa taasifamuuf, giddugala siyaasaafi indastirii waan ta’aniif’’ jedhe.

Ibsi qaama naannicha jireenya idileetti deebisuuf hundaa'e baase hidhattooti Faannoo ‘’mo’aman bakkeewwan hambaafi dhaabbilee amantaa keessatti dhokachuuf yaalaa jiru,’’ jedhe.

Yeroo gabaabaatti magaalonni kunneen ‘’sochii nagaa idileetti’’ akka deebifaman ibse.

Magaalota kanatti dhaabbileen fayyaa, kan mootummaafi kaan tajaajila akka eegalan ajajamuu ibsa bahe mul'isa.

Dabaluunis, bajaajiifi doqdoqqeerraan kan hafe kaan geejiba magaalaa akka eegalan ajajuu ibse. Ajaji kuni ALI Hagayya 17, 2015 kan turudha.

Akkaatuma kanaan, magaalota jahatti galgala sa’aa tokko booda socho’uun akka dhorkame ibsameera.