'Tarkaanfii fudhatameen magaalota hedduutti nagaan bu'aa jira'- Naannoo Amaaraa

Haala Magaalaa Baahirdaar gaafa Sambataa ture
Ibsa waa'ee suuraa, Haala Magaalaa Baahirdaar gaafa Sambataa ture

Tarkaanfii gama humnoota mootummaan fudhatamaa jiruun magaalotni rakkoon nageenya keessatti mudate gara nagaafi tasgabbiitti deebi’aa jiru jedhe Mootummaan Naannoo Amaaraa.

Mootummaan naannichaa ibsa Kibxata galgala baasen hidhattoota Faannoo humnoota mootummaa lolaa jiran ''finxaaleyyiifi garee aangoo dheebotan'' jechuun ibse.

Tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa hokkara naannicha keessa jiru to’achuuf fudhachaa jiruun ‘’magaalonni hedduu keessatti kan duraarra gara nagaatti deebi’aa jiru’’ jedhe.

Naannoo Amaaraa baatiiwwan muraasa darbaniif rakkoon nageenyaa mudataa ture hammaatee torban darbe Labsiin Yeroo Muddamaa labsameera.

Guyyoota muraasa darbanis magaalaa guddoo naannichaa Baahirdaar dabalatee magaalota naannichaa birootti humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu walitti bu’iinsi itti fufeera.

Naannoon Amaaraa ibsa Kibxata baaseen sochiin hidhattoota Faannoo magaalota naannicha keessa jiran bu’uura kan godhatedha jedhe.

Kaayyoon isaas mootummaa naannichaa fonqolchuun mootummaa federaalaa raasuudha jechuun Ajajaan Waliigalaa Labsii Yeroo Muddamaa ibsee ture.

Akka jiraattonni jedhanitti, hidhattooti Faannoo yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa raayyaa tumsaa turan Baahirdaariifi Gondar dabalatee magaalota naannichaa keessa mul'ataniiru.

Keessumaa magaalaa Baahirdaar, Gondar, Laalibalaafi Dabra Birhaanitti gaafa Kibxataallee walitti bu’iinsi mudachuu BBC’n maddeen garagaraa irraa odeeffateera.

Mootummaan naannichaa ibsa baasen ‘’humna mootummaa morkatee meeshaa waraanaan lolurratti mootummaan dirqama seera kabachiisuu’’ fudhachuu eegaluu ibse.

Akkaatuma kanaan, Walloo Kibbaa, Walloo Kaabaa, Waag Himraa, Shawaa Kaabaa, Dabra Birhaan, Kaabaafi Kibba Gondaritti hawaasi jireenya idileetti deebi’uu ibse.

Dabaluunis, magaalota Baahirdaariifi Gondar hidhattootarraa bilisa gochuuf Wiixata galgala eegalee tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru ibse.

Jiraattonni Baahirdaariifi Gondar BBC’n gaafa Kibxataa dubbise Wiixata waaree booda eegalee sagaleen dhukaasa guddaa akka dhagahamu himan.

Dhukaasi kuni bakkeewwan magaalattii qarqararra jiranitti akka ta’e himan.

Bakkeewwan rakkoon nageenyaa itti qunname keessaa tokko magaalaa guddoo naannichaa Baahirdaaridha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bakkeewwan rakkoon nageenyaa itti qunname keessaa tokko magaalaa guddoo naannichaa Baahirdaaridha

Rakkoo Naannoo Amaaraatti dhaqqabeen tajaajilli intarneetii adda citeera. Geejibi qilleensaafi daandiis danqameera.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa walakkeessa torban darbe eegalee balalii gara Laalibalaa, Gondariifi Kombolchaa taasisu adda kuteera.

Kibxataa jalqabaa immoo imalli gara Baahirdaar taasifamu adda cite.

Walitti bu’iinsi naannicha keessa mudataa jiru lubbuu lammiilee nagaa akka galaafate BBC’n ogeeyyii Hospitaala Magaalaa Baahirdaar jiranirraa odeeffateera.

Walitti bu’iinsi kuni karaa nagaan akka furamu qaamoleen garagaraa waamicha dhiheessaniiru.

Mootummaanis mariif qophii ta’u ibsee tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisu jedhe akka itti fufu ibse.