Lammiileen Ertiraa 125 Jarmaniitti 'hokkorarratti hirmaatan' yakkaan himataman

Madda suuraa, SM
Lammiileen Ertiraa 125 kanneen hokkora Sambata darbe magaalaa Jarman kan taatee Giisan keessatti mudatee ture irratti hirmaataniiru jedhaman irratti himannaan yakkaa banamu poolisiin biyyattii beeksiise.
Sambata Adooleessa 8, 2023 magaala Giisaniitti qophii feesitivaala aadaa qophaa’ee tureen wal qabatee hookkora mudateen poolisoota Jarmanii hedduufi qabeenyarratti miidhaan qaqqabuu ibsameera.
Hokkorri lammiilee Ertiraan uumamee kunis naannicha keessatti yaaddoo uumee kan ture yoo ta’u, namoota siyaasaafi qondaalota Jarmanii dheekkamsiiseera.
Ministirri Dhimma Biyya keessaa Jarman, Naansii Feeyisar hokkora miidhamuu miseensota poolisii biyyattiif madda ta’e cimseen balaaleeffadha jedheera.
Kantiibaan Magaalaa Giisan, Firaank Tiiloo Biichar gamasaanitiin, daandiiwwan Giisan yoo ‘‘gochaan yakkaa irratti raawwatamu agarree jirra’’ jedhan.
Dabaluunis, sababii hokkorichaatiin jiraattonni magaalichaa kumaatamaan lakkaa’aman sochiin idilee isaanii daangeeffameera jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin namoota hokkora guyyaa Sambataa keessatti hirmaataniiru jedheen 131 to’annoo jala kan oolche yoo ta’u, isaan keessaayis 125 irratti himannaa yakkaa baneera.
Poolisiin biyyattii lammiilee Ertiraa dhibbaan lakkaa’aman kanneen festivaala aadaa magaalaa Giisaniitti qophaa’ee jeequuf bahan bittinsuuf uleefi dhangala’aa ija gubuutti fayyadamaa turan.
Poolisiin hilikoptarii illeen naannichatti bobbaasee ture.
Festivaala aadaa sana jeequuf yaaliin taasifamulleen, festivaalichi haaluma karoora qabameefiin adeemsifamuun Dilbata xumurameera.
Polisoonni 26 miidhaman
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hokkorichi kan mudate qophii deeggartoota mootummaa Ertiraatiin qophaa'ee jedhamee jeequuf kanneen dhibbaan laka'amaniifi mormitoota mootummaa Ertiraa kannen ta'an, yaalii gara bakka fetivaalishi itti qophaa'ee humnaan seenuuf taasisan hordofee akka ta'e miidiyaa Jarman gabaaseera.
Kanneen fesitivaalicha mormuun adabaabaayiitti bahanis, qophichi holola mootummaa Ertiraatiif qophaa'e jedhu.
Magaalaan Jarman Giisan keessatti hokkarrii ka'ee ture kunis sa'aatiiwwaniif turuuf yoo xinnaatee poolisiinni 26 irra miidhaan qaqqabuu Sambata gabaafamee ture.
Poolisoonni Jarman dhibbaan lakkaa'aman lammiilee Ertiraa festivaala aadaaf magaalaa Giisan jedhamtutti walitti qabaman tasgabbeessuuf ulee fi daakuu mimmixaa biifamu fayyadaman.
Mormitoonni festivaalli magaalaa Jarman, Giisanitti qophaa'e olola mootummaa abbaa irree Ertiraati jechuun aarii ibsataniiru.
Walitti bu'insi kuni gaafa Sanbataa sa'aatii dheeraaf waan adeemaa tureef poolisoonni 26 miidhamaniiru.
Kana malees, poolisiin namoota 100 caalan to'annoo jala oolcheera, sochiin tiraafikiis yeroof dhabbatee ture.
Hiriirtoonni qaruuraafi dhakaa poolisitti darbachaa turanis konkolaataawwan yoo caccabsan, mooraa iddoo festivaallii qophaa'ee tures faayidaan ala godhaniiru jedha ibsi poolisii.
Kanaan alas konkolaataa hirmaattota festivaalaa fe'ee ture irrattis dhakaa darbachaa turan.
Viidiyoon Tiwiitarii irratti qoodame akka agarsiisutti mormitoonni poolisii waliin wal fiigsaa turan.
Qondaaloti biyyattii haala wal-fakkaataa bara darbe mudateen booda festivaalli akkanaa akka hin adeemsifamneef dhorkanillee manni murtii naannoo sana dhorkaa kaa'ame kuffiseera.
Giisan jiraattota 84,000 kan qabdu yoo tahu Firaankfart irra gara kaabaa km50 fagaatti.
Festivaalichi Wiirtuu Gumii Lammiilee Ertiraa Jarman jiraataniin qophaa'e, innis lafa Embaasii Ertiraatti dhihoo jira.
Yeroo dhihootiin asitti Jarmaniin koolugaltoota Eritiraa baay'eef eeyyama kenniteetti.
Lammiileen Ertiraa Afrikaarraa Awurooppaatti godaanuun lakkoofsa guddaa qabatu.
Dhaabonni mirga namoomaa Ertiraatti sarbamni mirgaa bal'aa akka adeemsifamu galmeessaniiru.












