Gaambiyaatti yaalin fonqolchaa gaggeeffame fashaluu mootummaan beeksise

Mootummaan Gaambiyaa yaalii fonqolchaa taasifamee ture fashalsuu hime.

Fonqolcha kanaan wal qabatee loltoonni afur to’annoo jala oolanii, shakkamtoonni biraa sadii ammoo baqaarraa akka jiran, mootummaan ibsa baaseen eereera. 

Pirezdaant Adamaa Baaroo, kan wagga darbe marsaa lammaffaaf filannoo injifate aangoo irraa kaasuuf yaalii fonqolchaa Kibxata taasifame duuba eenyu akka jiru ifa miti.

Yeroo yaalii fonqolchaa gaggeeffame jedhame kana keessatti dhukaasii dhaga’amee hin turre, akkasumas humnootiin nageenya bakkootii ijoo eeguuf bobbaafaman hin turre.

Ta’us, ibsi mootummaa akka jedhutti, humni waraanaa qophiin akka turu godhameera.

Dabaluunis, “haalli isaa guutummaatti to’onnoo jala ooleera,” jedheera. 

Yeroo Kibxta irratti gabaasi yaalii fonqolchaa jalqaba ba’e, humni waraanaa yakki raawwatamuu isaa haaluun “shakala waraanaa” qofa gaggeessaa akka ture himeera.

Pireezdaant Baaroo kan aangootti ba’e pirezdaaantii duraanii biyyatti Yaahya Jaamee, kan wagga dheeraaf aangoorra ture, filannoo Muddee 2016 irratti sagalee guddaan injifachuunidha. 

Gaambiyaa keessatti, nama beekkamtii qabu ta’e itti fufus, Jaameen, biyyattii keessaa baqatee Iquwaatoriyaal Giinii keessa jiraachuuf dirqameera.

Erga Pireezdaant Baaroo aangootti ba’ee, qondaaltonni waraanaa olaanoo hedduun humna waraanaa gadhiisanii ba’aniiru.

Baaroon human waraanaa biyyatti hin ammanu, humnootiin nageenyaa dhuunfaa isaa biyya olla Senegaal irraa kan dhufanyo ta'u, buufati xiyyaarraa idil addunyaa ijoo fi buufati doonii biyyatti loltoota Naayjeeriyaa fi Gaanaa irraa dhufaniin eegama.

Kun ammoo lammilee Gaambiyaa hedduu, kan pirezdaantichi humnoota biyyootii biraa irratti hirkachuun walabummaa biyyatti salphiseera jechuun yaadaniin akka hin jaallatamne taasiseera.

Dabalaataanii Baaroon ummata biratti fudhatamaa kan dhabaa dhufe erga Paartii Gamtaa Dimokraatiik (UDP) kan bara 2016’tti aangootti isa fide keessaa ba’uun, filannoo wagga darbeef Paartii Uummataa Biyyaalessaa (NPP) hundeesseedha.

Caalaatti Baaroon kan beekkamtii dhabaa dhufe yemmuu carraa filannoo maarsaa lammaffaa injifachuuf jecha paartii duraanii Jaamee waliin gamtaa uumuusaa beeksisedha.