Raashiyaan daariktera olaanaa buufata nuukilera guddicha Awurooppaa hiite

Daariktera buufata nuukilera Zaporizhiyaa

Madda suuraa, ENERHOATOM

Loltootni Raashiyaa daariktera buufata nuukileeraa guddicha Yuukireen Zapoorizhiyaa hidhan jedhe bulchiinsi nuukileera Yuukireen Enerhowatam.

 Ihoor Muraashoov buufaticha irraa gara magaala naannichatti argamtu Enerhodar jedhamtuutti osoo imaluu qabame jedhe.

 Loltootni Raashiyaa ija isaa hidhanii gara mana hidhaa magaala Enerhodaaritti geessuu hin hafne jedhe pirezidaantiin Enerhowatoom.

 Raashiyaan dhimma kana irratti deebii hin laatne.

 Mooskoon buufata nuukileeraa guddicha Awurooppaa kan tahe kana ji’a Bitootessaa keessa to’achuun hojjettoota buufatichaa lammiilee Yuukireen tahan garuu achumatti hojii akka itti fufan goote.

 Buufaticha irra dedeebiin haleeluun Yuukireenii fi Raashiyaan quba walitti qabaa turan.

Mallattoon buufatichaa bahaa ture sodaa balaa hamaa Awurooppatti tahee hin beekne fiduu danda’a jedhu kaaseera.

 Ibsa Sanbata baheen, Pirezidaantiin Enerhowaatom Petro Kotin, Obbo Muraashov nageenya nuukileeraa fi raadiyeeshinii buufatichaaf ‘’addatti itti gaafatamummaa ol fudhatu’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhaan Jimaata darbee kun ‘’nageenya oppireeshinii buufata nuukileeraa guddicha Yuukireenii fi Awurooppaa balaa irra buusa,’’ jedhan.

Itti dabaluun BBCtti akka himanitti hidhaan kun yeroo pirezidaanti Putiin naannolee afur Zaaporizhiyaa dabalatee biyya isaaniitti dabaluuf labsanitti mudate.

Kootin akka jedhanitti bakka buutotni kaampaanii nuukileeraa Raashiyaa Rosatom ‘’guyyaa lama dura’’ buufaticha daawwataniiru.

Labsii naannichi Raashiyaatti makamuuf darbe hordofee buufatichi bulchiinsa Yuukireen jalaa bahuun bulchiinsa kaampaanii Rosatom jala gala jedhaniiru. Daarikterri buufatichaa Murashov ukkaamsamuun buufatichi Yuukireen jalaa bahuun Raashiyaa jala galuu isaa akka fudhatu amansiisuuf jedhan.

Obbo Muraashov kana duras yaada Raashiyaa kana didaa turan, ammas hin fudhatu jedhan pirezidaantichi.

Pirezidaantiin buufata Nuukilera Yuukireen Kootin Ejensii Atoomawaa Idil-adunyaatti daarikterri buufatichaa hatattamaan akka gadhiifamaniif iyyatan. Raashiyaa ‘’shororkeessummaa nuukileraa’’ uumte jechuun himatan.