Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchister Siitiin walitti aansuun waggaa arfaffaaf shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingilizii tahe
Maanchister Siitiin West Haamiin 3-1'n injifachuun shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingilizii tahuu mirkaneesse.
Hawwiin eegamaa kan ture dorgommiin Piriimer Ligii Ingilizii torban 38ffaa har'a xumura yoo argatu, Maanchister Siitiin ammas shaampiyoonaa tahuun xumure.
Maanchister Siitiin waanchicha yeroo afur walitti aansee mo’achuun Piriimer Liigii Ingilizii keessatti seenaa haaraa galmeesse.
Taphataa cimaa Piriimer Liigii bara kana tahuun kan filatame Fiil Fooden taphni jalqabee daqiiqota jalqabaa irratti galchii lakkoofsisuun Maan Siitii dursa qabachiise.
Fooden tapha kana irratti galchii lama lakkoofsisuun waliigalaan galchii Piriimer Liigii bara kanaa 19 xumure.
Mohaammad Qudus galchii jalqabaa West Haamiif yoo lakkoofsisu Arsenaaliif abdii xinnoo kennee ture.
Tahus, waggaa 20 booda waancaa Piriimer Liigii injifata jedhamee eegamaa kan ture Arsenaalis Everteen waliin tapha gaggeesseen erga dursamee booda galchii wal qixxeesituu lakkoofsise.
Arsenaal morkii Everteen waliin taasisiseen daqiiqaa xumuraatti lakkoofsisuun 2-1'n mo'ate.
Everteen Liiverpuuliin dirree isaa irratti injifachuun kanneen dorgommii waancaa keessaa baasan keessaati. Har'as Arsenaalitti qormaata tahanii ture.
Waancaa Piriimer Ligii Ingiliz hanga dorgommii torban 38ffaatti kamtu mo’ata kan jedhamu osoo hin baramiin turuun har’a gareen Peep Gaardiyoolaa irra aane.
Arsenaal morkii jabaa agarsiisuun bara dorgommii kana qabxii 89 xumure. Maanchister Siitiin dorgommii bara kanaa qabxii 91'n xumure.
Taphataan isaanii sarara duraa Erlingi Haalaandi bara kanas galchii 27 lakkoofsisuun badhaasa kophee warqii taphataa galchii hedduu lakkoofsiseef kennamu mo'ateera.
Kool Paalmer taphataa cimaa ol adeemaa Piriimer Liigii tahuun filameera.
Aston Viilaan waggoota 50 booda hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigiif darbeera. Tahus booda kana gahumsa guddaarra kan jiru Kiristaal Paalaasiin 5-0 mo'ameera.
Tootenhaam hirmaannaa Awurooppaa Liigii bara dhufuuf yoo darbu Cheelsiinis Barnimaawuziin mo’achuun qabxii 63 xumuree hirmaannaa Awurooppaa Liigii bara dhufuuf darbeera.
Niwkaastil hirmaannaa Konfireensii Awurooppaaf yoo darbu Maanchister Yuunaayitid baay'ina galchiin caalamuun saddeettaffaan xumure.
Liiverpuul dirree isaa irratti Wolvisiin injifachuun sadaffaan xumure. Yargen Kiloop har'a tapha xumuraa isaanii gaggeessuun Liiverpuul gadhiisan.
Bara dorgommii kanatti Piriimer Liigiitti kan guddatanii ture Luutan, Barnilee fi Sheefiildi Yuunaayitid deebi'anii Piriimer Ligii keessaa bu'aniiru.
Nootingihaam Foorest qabxii lama irraa citus guyyaa xumuraatti Piriimer Liigii keessatti hafuu isaa mirkaneeffateera.
Miidhama taphattootaa hedduu kan miidhamee fi akkasumas taphattoota haaraa hedduu mallattesise kilebichatti hanga baranitti rakkataa kan ture Cheelsiin jahaffaan xumureera. Bara dhufu hirmaannaa Awurooppaa argteera.