Waraanni Sudaan waajjira muummee TV biyyaalessaa deebi'ee qabate

Waraanni Sudaan waajjira muummee TV biyyaalessaa Sudaan kan baatiiwwaniif to’annoo Humna Addaa Sudaan (RSF) harka ture fi magaalaa Omdurmaan keessatti argamu deebisee to’ate.
Waraanichi buufata TV kana deebisee to’achuuf baatiiwwan 11 kan itti fudhate yoo ta’u, akka injifannoo olaanaatti fudhatameera.
Humna Saffisa Sudaan (RSF) Janaraal Haamdaan Daagaaloon durfamu, buufata TV biyyaalessaa kana kan to’ate akkuma lolli waraana biyyattii kan Janaraal Abdul Fattaah al- Burhaaniin durfamu waliin baatii Eblaa eegaleen ture.
Waraabbiiwwan viidiyoo miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamanis, loltoonni waraana biyyattii buufata TV fulduratti yoo gammachuusaanii ibsatan mul’isa.
Waraanni wal walii waldhabdee janaraaloota waaraanaa lama jidduutti umameen biyyattii keessatti eegalame waggaa guutuuf baatii muraasatu hafa.
Waraana kanaanis lammiileen Sudaan miiliyoona sadi ta’an bakka jireenyaasanii dhiisanii kan baqatan yoo ta’u, kanneen kumaatamaan lakkaa’aman ammo lubbuusaanii dhabaniiru.
Qabeenyaafi bu’uraalee misoomaa irras miidhaa olaanaan qaqqabeera.
Ammatti waraanni miidhaa namoomaa olaanaa qaqqabsiisuu akka danda’u akeekkachiifni kennamaa jira.
Humna Saffisa Sudaan (RSF) buufata TV baatiiwwaniif to’ate turulleen, osoo tajaajila irra oolchuu hin danda’in tureerra.
Buufanni TV biyyaalessaa naannolee garaa garaa irraa tamsaasa isaa akkuma itti fufetti tureera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga waraanni Sudaan keessatti eegalee kaasee, waraanni biyyattii fi Humna Saffisa Sudaan (RSF) magaala guddoo biyyattii Kaartuum fi magaalota ollaa kaan to’achuuf waraana cimaa gaggeessaa turan.
Manni Maree Nageenya Biyyoota Gamtoomanii - UNSC baatii sooma Ramadaanaa keessa gareewwan wal waraanaa jiran kunneen dhukaasa akka dhaabaniif waamicha taasisulleen, Kaartuumitti eddoowwan garaagaraatti lolli cimaan gaggeeffamaa jira.
Waraanni Sudaan kan eegalame mootummaa biyyattii gara siiviliitti ceesisuudhaaf karoora ture irratti janaraaloota lamaan; Janaraal Abdul Fattaah Al- Burhaaniifi dursaa Humna Saffisa Sudaan, Janaraal Mahaammad Hamdaan Daagaloo jidduutti wal dhabdeen erga mudateen booda ture.
Waraanichi lubbuu namoota nagaa galaafachuu fi hedduu bakka jireenyaasanii buqqaasuun alatti, Kaartuumitti badii bu’uraalee misoomaa olaanaan qaqqabeera.
Janaraaloonni waraanaa kunneenis wal dhabdee isaanii karaa marii nagaatiin akka furaniif yaaliiwwan idil-addunyaa taasifaman bu’aa malee hafaniiru.












