'Miira waancaa sadii injifachuun qabu Arnooldi hin beeku'-Haalaand

Haalaandii fi Aarnooldi, Tapha Maan Siitii fi Liiverpuul, Sadaasa 25, 2023

Madda suuraa, Getty Images

Tapha jabaa bara kanaa keessaa tokko kan taheefi imala gara waancaatti taasifamuuf murteessaa tahe Dilbata dhufu Liiverpuulii fi Maanchister Siitii gidduutti gaggeefamu dursuun taphattootni kileboota lameenii dubbiin wal tuquu jalqabaniiru.

Dorgommichi Aanfiildi irratti gaggeeffama. Dorgommii kana dursuun taphataan Liiverpuul Tireenti Aleeksaander Aarnooldi injifannoo waancaa Liiverpiuul haga ammaa Kiloop jalatti argate injifannoo Maan Siitiin Pep Gaardiyoolaa jalatti argate ''caalaa hiika guddaa qaba'' jedhe.

Kana hordofee Erliingi Haalaand ''waggaa tokko guutuuf kileba kana keessa turee waancaa sadan bar tokkotti injifadheera. Miira addaa qaba'' jechuun Sky Sport irratti dubbate.

''Inni [Aarnooldi] miira akkamii akka qabu waan beeku natti hin fakkaatu. Bara dorgomii darbe garuu anaaf miira addaa qaba ture'' jedhe.

Maanchister Siitiin bara darbe qofa waancaa Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA injifatateera.

''Yoo dubbachuu baraades haa tahu,'' kan jedhe Haalaandi ''hamma barbaadan odeessuu danda'u, ykn hamma barbaade [Arnooldi] odeessuu danda'a. Maaliif akkas akka jedhe hin beeku, anaan maaltu na dhibe'' jechuun deebiseef.

Gaardiyoolaa fi Kiloop erga leenjisummaa kileboota isaanii ammaa bara 2015 fi 2016 fudhatanii as waancaawwan hunda jiran injifataniiru.

Lameenii Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii FA mo'ataniiru.

Maan Siitiin waliigalaan waancaa 14 Gaardiyoolaa jalatti, Liiverpuul ammoo torba Kiloop jalatti mo'ataniiru.

Garuu Maan Siitiin seerota faayinaansii 100 ol bara 2009 hanga 2018 gidduu cabsuun himatameera. Guyyaan itti himatichi ammas dhagahamu beellamamee eegamaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon 'CIES Football Observatory' jedhu ammoo bara 2014 -2023 gidduu Liiverpuul jijjiirraa taphatootaan Maan Siitii caalaa kasaaraan isa mudateera jedhe.

Liiverpuul Yuuroo miliyoona 249 Maan Siitii ammoo Yuuroo miliyoona 213 kasaaraaf saaxilamuu ibsa.

Gaaffii fi deebii dhiyeenya kana sagantaa FourFourTwo' jedhamu irratti Tireenti Aleeksaander Aarnooldi kenneen ''duubatti deebinee yoo ilaallu, nu caalaa waancaa hedduu mo'ataniyyuu [Maanchister Siitii] akkasumas nu caalaa kan milkaa'an tahanis gama maallaqa kilebootni lamaan qabaniin yoo ilaallu, injifannoon keenya nuuufi deeggartoota keenyaaf hiika guddaa qaba,'' jedhe.

Bara dorgommii darbetti Maanchister Siitiin waggoota 24 erga Maanchister Yuunaayitid waancaa sadan [Piriimer Liigi, FA fi Shaampiyoonsi Liigii] bar tokkotti mo'ateen booda seenicha irra deebiin galmeessan.

Yeroo sana Maanchister Siitiin Piriimer Liigii keessa osoo hin taane Liig Waan kan jedhamu diviiziyoona sadaffaa keessa taphata ture.

Waa'ee dubbii Aarnooldi kana irratti taphataan sarara ittisaa Maan Siitii, Ruuben Diyaaz yoo gaafatamu, ''kuni nuufis tahe deeggartoota keenyaaf waanuma beekamudha, hiika akkamii akka nuuf qabu'' jedhe.

''Dhumarratti yoo waan tokko mo'attu miira akkamii akka qabu barta, waancaa sadan mo'achuun maal akka tahe ammoo gaafa mo'attu sana siif ala'' jedhe.