Yaadni Furmataa UN Gaazaa ilaalchisuun raggaasise jijjiirama fidaa?

Erga Hamaas Onkololeessa 7 Israa'el haleeluun waraanni Gaazaa eegalamee as, Manni-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC), Yaada Furmaataa (Resolution) dhukaasni akka dhaabatu gaafatu raggaaseera.

Manni-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) Bitootessa 25 yaa'ii taa'een ture yaada furmaataa (resolution) kana kan raggaase.

Akka sanada kanaatti waraanni Israa'el fi Hamaasa jidduu adeemaa jiru "hatattamaan akka dhaabbatu" gaafata. Kunis "ji'a Ramadaanaa keessa kan tahuufi qaamolee lachuun kabajamuun, dhukaasa dhaabuu waarawaa taheef kan karra saaqudha," jedha.

Ergasii booda, mootummoonni biyyootaa yaadi furmaataa kun dirqamsiisaadhamoo, miti kan jedhurratti walfalmaa jiru.

Yaadni Furmaataa UN 2728 kun, haal-duree tokko malee kanneen butaman akka gadhiifaman, akkasumas ulaan qarqaarsa namoomaa Gaazaa akka banamus gaafata.

Eenyufaatu Yaada Furmaataa UN 2728'f sagalee kenne?

Yaada furmaataa kanaaf miseensonni UNSC 14 sagalee deeggarsaa kennan. Kan morme hinturre, garuu US sagalee kennurraa of qusatteetti.

US sanada kana sagalee qabdu (veto) fayyadamuun hin kuffisne - kunis Israa'elitti dallanuushee kan agarsiisudha. Ameerikaan kana dura wixinee yaada furmaataa sadii kuffisuun, lamarratti ammoo sagalee kennuurraa of qusattee turte.

Israa'el tarkaanfii US irratti maal jette?

The US move has prompted tensions with its ally Israel over the offensive in Gaza.

UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gilaad Erdaan: "Haala nama gaddisiisuun har'as, Manni Maree kun ajjeechaa jumlaa Onkololeessa 7 balaaleeffachuu dide; waan cigaasisaati," jedhan.

Haatahu malee yaani furmaataa kun lammiileen Israa'el butamuusaanii eeruu himan.

Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniytaahuu, imala qondaalota olaanoo Ameerikaatti taasisuuf turan haqan. Boodarra garuu Ministirri Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalaant fi Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan walarguun mari'ataniiru.

Dubbi-himaan Mana Maree Nageenyaa US Jon Karbii akka jedhanitti, "Imaammata keenyarratti wanti jijjiirame hinjiru."

Waajirri MM Netaaniyaahuu ibsa baaseen garuu, US yaada furmaataa kana kuffisuu dhabuusheetti gadduu hime.

Biyyoonni yaada furmaataa Gaazaa maaliif kuffisu?

Raashiyaa fi Chaayinaan amma dura wixinee yaada furmaataa US dhiyeessite kuffisanii turan - Onkololeessa keessaa fi gaafa Jimaata dabree.

Jimaatarra UN'tti ambaasaaddarri Raashiyaa Vaasilii Nebenziyaa, yaadni furmaataa Ameerikaan durfame kun "garmalee siyaasa ofkeessaa qaba," jedhan.

Akka qondaalli kun jedhanitti, sanadni kun Israa'el duula waraanaa Raafaah keessa gaggeessaa jirtuuf kan eyyeentaa kennudha jechuun waan itti mormaniif himan.

Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaang Jun ammoo, wixineen US dhiyeessite oppireeshinii waraanaa Israa'el Raafaatti gaggeessuuf karoorsite akki itti mormitu hin ibsamne jechuun kuffisan.

Ambaasaaddarri US Lindaa Tomaas-Giriinfiild, wixineen Chaayinaa-Raashiyaan dhiyeessan, waan barbaadamu hin guutne jedhan.

"Akkuma amma jiruun, barreeffamichi dippiloomaasii naannichaa miiraan guutame hin deeggaru. Inumaa hammeessa... Hamaas marii jirurraa akka goru sababa kennaaf," jedhan.

Yaadni furmaataa UN 2728 dirqamsiisaadhaa?

Keewwatni 25 Chaartara UN waan jedhu: "Miseensonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, chaartara amma jiru irratti hundaa'uun murtee Manni Maree Nageenyaa dabarsu simachuufi hojiirra oolchuuf waliigalan."

Marsariitiin UN akka himutti: "Sanadni yaada furmaataa seeraan hojiirra oolfamuuf dirqamsiisuu malu kan Mana Maree Nageenyaan ragga'e qofadha."

Haatahu malee US Yaada Furmaataa Resolution 2728 kanaan, kan dirqamsiisu miti jetti. Sababni isaas, jechoota "dhukaasa dhaabuun gaafatame" kan jedhudha malee, sanada furmaataa kana keessa "barbaachisummaa dhukaasa dhaabuun murteessa" kan jedhu hinjiru kan jedhudha.

Dubbi-himaan Waajira Dhimma Alaa Ameerikaa Maatiiw Miilar, "sanada furmaataa dirqamsiisaa miti," jechuun gaazexeessitootatti himan.

Anga'oonni UN biroo ammoo faallaa kanaan dubbatan.

Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaang Jun, sanadoonni yaada furmaataa UNSC seeraan hojiirra oolchuuf kan dirqamsisanidha jedhu.

UN'tti ambaasaaddarri UK duraanii Mark Lyall-Grant BBC'tti akka himanitti, ragga'uun seera kanaa, Israa'el "guyyoota 15 ittaananiif duula waraanaashee dhaabuuf dirqamti jechuudha," jedhan.

Dabaluunis, barreeffamni kun Israa'el irratti kan raawwatu ogguu tahu, Hamaas garuu hojiiirra oolchuuf seerri dirqamsiisu hinjiru jedhu. Maaliif jennaan, gareen Filisxeem kun biyya waan hin taaneef.

Dubbi-himaa ittaanaan UN Farhaan Haaq akka jedhanitti ammoo, yaadoleen furmaataa (resolutions) UNSC dabarsu seera idil-addunyaati jechuun, "kanaafis, akkuma seerri idiladdunyaa dirqamsiisaa tahe isaanillee akkasuma [hojiirra oolchuun dirqama]," jedhan.

Chaartara UN Keewwata 7'n yaada furmaataa dirqamsiisaa gochuun ni danda'amaa?

Keewwatni 7 Chaartara UN yaadolee furmaataa biyyoota bira dirqamsiisaa gochuuf meeshaalee cimoo jiran keessaa tokko.

Keewwanni kun Onkololeessa 2023'tti Heeyitii keessa nagaa kabachiisuuf humnoota poolisii biyyoota akka akkaarraa walitti babba'an erguuf hojiirra ooleera.

Koreen Addaa Libaanoosiif (STL) kan hundeeffame Keewwata 7 bu'uura gochuun.

Qaamni kun kanneen bara 20025 keessa ajjeechaa ministira muummee Lebaanoon Raafiq Hariirii fi namoota 20 biroo keessaa harka qaban qorachuun himateera.

Bara 2006 keessa Iraan biyyoota biroof meeshaa waraanaa akka hin ergine kan qoqqoobbiin irra kaa'ame bu'uuruma keewwata kanaani.

Paatrik Johaansan Jornaalii Seera Idiladdunyaa Nordik gubbaa, yaadni furmaataa Mana Maree Nageenyaa akkitti 'yaada furmaataa Keewwata 7' itti tahuu danda'u barreesseera.

Innis ennaa haalli dubbiirra jiru kun yoo "yaaddoo nagaa tahe, sarbama nagaa taheefi gochaa aggaammii" tahe, akka Keewwata Torbaatti ilaalamuu mala jedha.

Murteen 2728 marii nageenyaa Dohaa ni danqaa?

Gaafa Kibxataa, Qataar yaadni furmaataa ragga'e marii dhukaasa dhaabuu Dohaatti adeemaa jirurratti dhiibbaa ammatti uume akka hinqabne himte.

Biyyi kun qaamolee lamaan walitti fiduun marii marsaa hedduu gaggeessaa jirti.

"Marii kanarratti dhiibbaan ammatti fide hinjiru. Wayita murteen [UN] adeemaa turetti, akkuma amma dura adeemaa turetti mari'atamaa jira," jedhan dubbi-himaan ministeera Dhimma alaa Qataar Majiid Al-Ansaarii.

Ibsi Qataar kun kan dhagahame, sanadni UN dhukaasa dhaabuu ragga'uu hordofee, Israa'el gareeshee mari'achuuf Qataar jiran waamuuf erga murteessite booda ture.

Miidiyaan Israa'el akka gabaasetti jilli Israa'el marii guyyoota saddeetiif Qataar ture, Dohaa dhiisee deebi'uu asiin dura gabaasee ture. Akka gabaasa kanaatti kan jarri deebi'an, Hamaas dhukaasa dhaabuu fi namoota butaman gadhiisuuf yaada dhiyaate erga kuffisee boodadha.