Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iloon Maask waajira Tiwiitaraa hojjettootasaaf gara ‘hoteelaatti’ geeddare
BBC’n suuraa waajjirri Tiwiitar gara kutaalee ciisichaatti geeddarame agarsiisu argateera.
Qondaaloti Saan Firaansiiskoo immoo sarbamni namuusa gamoo yoo jiraateef qorachaa jiru.
Suuraan tokko kutaa siree lama qabu, saanduqa wayyaa keessa kaawwataniifi kopheen siliipheeriitu irraa mul’ata.
Hojjetaan duraanii, Tiwiitar Iloon Maask erga dhaabbaticha biteen asitti waajira mummeedhuma jiraata jedhe.
Baatii darbe Iloon, ‘’hojii kanarratti milkaa’uudhaaf kutannoo jabaan,’’ isin barbaachisa jechuun imeelii hojjettootasaaf barreesseefii ture.
Waajirri Qorannoo Gamoowwanii Saan Firaansiiskoo, erga komiin isa qaqqabee booda sarbamani naamuusa gamoowwan jiraachuu mala jechuun qorachaa jira.
Iloon garuu magaalattiin dhaabota, ‘’hojjettoota dadhabaniif siree kennan qoccolaa jirti,’’ jedhe.
Ergaa Tiwiitaraa amma haqameeru irratti abbaan dhaabbataa Iloon barreesseen, ‘’hamma dhaabbatni kuni sirratutti,’’ achuma bulaa akka hojjetu himee ture.
BBC’n illee suuraawwan waajira Tiwiitar keessatti soofaawwan akka sireetti fayyadan argateera.
Galmi walgahii ededa irraa sa’aatii dammaqsituufi siree afame qabus mula’ateera.
‘’Kutaa ciisichaa hoteelaa fakkaata,’’ jedhe hojjetaan waajirichaa duraanii tokko. Iloon Maask yeroo baayyee waajira mummee Tiwiitar Saan Firaansiiskoo jiru akka bulus himeera.
Tiwiitar dhimma kanarratti deebii akka kennu BBC’n gaafatus, deebii saffisaa kennuu hin dandeenye.
Dureessi Onkololeessa keessa dhaabbata Tiwiitar bite, hojjetoonni,’’sa’atii dheeraa xiyyeeffannoo jabaadhaan,’’ akka hojjetan imeelii itti barreessee ture.
‘’Nama cimina addaa agarsiise qofatu qabxii darbaa argatas, ‘’ jechuun barreessee ture.
Senaatariin bulchiinsa Kaalifoorniyaa Iskoot Wiinar,’’ amma hojjetootasaa waajira akka bulan gochaa jira,’’ jechuun Roobii kaleessaa BBCtti himan.
‘’Namootaaf homaa akka hin yaadne ifa dha. Waa’ee namoota isaaf hojjetanii homaa hin yaadu,’’ jedhan.
Waajirri Qorannoo Gamoowwanii,’’gamoon kaayyoo hojjetameefiif oolaa jiraachuusaa ni mikaneessina,’’ jedheera.
Tiwiitar irratti deebi gaazexeessaaf kenneen Iloon magaalaan kuni ijoollee miidhaa qoricha sammuu namaa hadoochu irraa eeguuf dursa kennuu qabdi jeedh.
Dhaabbata Qorannoo gamoowwaniitti, hoggantuu kan taate, Haanaan, gamoowwan jireenyaafi kanneen yeroo gabaabaa jiraachuuf fayyadaniif seera garagaraatu jira jechuun gaazexaa biyyattii the San Francisco Chronicle jedhutti himaniiru.
Bara 2020 otoo Iloon dhaabbata Tiwiitari hin bitiin, dhaabbatichi hojjettoonni manaa akka hojjetan eeyyamee ture. Sababiinsas yeroo kooviid manaa hojjetaa turanitti milkaa’inatu ture jedhe ture.
Iloon garuu baatii darbe manaa hojjechuun ni dhaabbataa jedhe.