Biyya addunyaan qoollifatte Kooriyaa Kaabaa kan bulchu Kim Jong Un akkamiin gara alaa imala?

Madda suuraa, Getty images
Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un magaalaa handaara galaanaa taate Vilaadivostok keessatti hiriyaasaanii Vilaadmiir Putiin arguuf gara Raashiyaa imalanii turan. Kan imalaniis baabura rasaasa dandamatuuni.
Aab Kim baabura dulloomaa suuta deemuun kiilomeetira 1,180 sa'atii 20 imaluun Raashiyaa seenan.
Baabura rasaasi hin seennee fi soorata barbaachisu hunda of keessaa qabu kanaan imaluun duudhaa maatii Kim Jong Un.
Baaburri kun meeshaalee waraanaa hedduu waan fe'ateef sa'atiitti kiilomeetira 50 qofa imala.
Birqabaan baaburri saffisaan Landan sa'atiitti kiilommetira 200, kan Jaappaan ammoo sa'atiitti kiilomeetira 320 imalu.
Baaburri Kim Jong Taeyangho jedhamee moggaafame, afaan Kooriyaan biiftuu akka jechuuti. Hundeessaan Kooriyaa Kaabaa Kim II Sung kan ittiin yaadatamaniidha.
Baabura bara baraan kabajamu
Baaburaan sa'atii dheeraa fudhatanii karaa dheeraa imaluun aadaa bara Kim II Sung eegaleedha. Akaakayyuun Kim Jong Un baabura dhuunfaasaatiin gara Veetnaam fi Baha Awurooppaa imalaa ture.
Imalli baaburaa akkaan qananii qabu kun qaamolee nageenyaa hidhannoo cimaa qabaniin eegama.
Qaamoleen nageenyaa gameeyyiin kunneen daandii fi buufataalee baaburaa afoo isaanii jiran dursanii ilaaluun (scan) balaa boombii fi haleellaa biroo sakatta'u.
Bara 1994 irraa hanga bara 2011 du'utti Kooriyaa Kaabaa kan bulche abbaan Kim Jong Un, Kim Jong II , xiyyaaraan imaluu waan sodaatuuf baabura rasaasi hin seennee fi eegumsa cimaa qabuun imalaa ture.
Kim Jong II bara 2001 gara Raashiyaatti imaluun Pireezidant Putiin arguuf guyyaa 10 itti fudhate.

Madda suuraa, Getty images
Ajajaan humna waraanaa Raashiyaa baabura 2001 Kim Jong II ittiin imale dabaalee ture Konistaantiin Pulikoviskii, waa'ee baabura kanaa akkasiin ibse.
''Soorata biyya Raashiyaa, Chaayinaa, Kooriyaa, Jappaan fi Firaansi kan feete argatta,'' jechuun qananii baaburicha keessa ture ibse.
''Haala mijataa baaburri Kim Jong II qabu kan Putiiniyyuu hin qabu,'' jedhe.
Dippiloomaatiin Raashiyaa baabura 2001 sana keessa ture bara 2019 muuxannoosaa barreesseera.
Soorati akkaan qaalii fi mi'aawaadha jedhamu kan akka foon harree fi bineensota bishaan keessaa baabura keessatti akka ajaayibaatti qophaa'uu hime.
Nyaataa fi dhugaatii Voodkaa Raashiyaa kan sadarkaasaa eeggate akkasumas bashannanaa fi paartii...kan baaburicha keessaa dhabame hin jiru jedhu namoonni Raashiyaa kunneen.
Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa akka gabaasetti Kim Jong Il bara 2011 osoo baabura kanaan imalaa jiruu dhibee onneen du'e.
Bara 2009 gaazexaa Kooriyaa Kibbaa 'Chosun Ilbo' jedhamurratti akka maxxanfametti, baaburri meeshaalee waraanaan dabaalame kun kutaalee imaltoonni keessatti fe'aman 90 qaba.
Kutaan halloo magariisaa fi keelloon faayame galma walga'ii, iddoo namoonni taa'anii hoogganaa dhaggeeffatanii fi kutaa ciisichaa qaba. Bilbiloonni saatalaayitii fi TV ammayyaawaanis kutaa kana keessatti argamu.
Kim Jong Un akka abbaasaa sodaa xiyyaaraan imaluu hin qabu, jeettii dhuunfaa isaa kan Raashiyaatti hojjetameeniyyuu yeroo hedduu imaleera.
Bara 2019 wayita Vilaadvostok keessatti Aab Putiin waliin wal arge garuu baaburaan imale.
Waa'ee xiyyaara dhuunfaa
Kim Jong Un baaburaan cinaatti maloota geejjibaa qananii ta'an biroonis imalee beeka.
Mana barumsaa bultii addaaa Siwiizarlaanditti kan barate Kim Jong Un, xiyyaaraan imaluun isaaf haaraa miti.
Erga aangoo qabatee imala idiladdunyaa yeroo jalqabaaf bara 2018 Caamsaa keessa taasiseen gara Chaayinaa imaluun Pireezidant Shii Jiinpiing waliin walarge.
Xiyyaara oomisha Sooviyeet ta'ee fi fageenya dheeraa imaluu danda'u- Ilyushin jedhamuun gara Chaayinaa imale.
Xiyyaarri kun haala adda ta'ee fi eenyummaa Kooriyaa Kaabaa calaqqisiisuun bocame.
Halluu adii fi diima muraasa ta'een kan faayame xiyyaarri kun cinaasaa bitaa fi mirgaa irratti maqaan Kooriyaa Kaabaa fi alaabaan cinatti bocameera.

Madda suuraa, AFP
Keessoon xiyyaarichaa akkaan ammayyaawaadha. Darbee darbee Kim Jong Un xiyyaaricha keessatti osoo hojii hojjetuu akkasumas wayita walga'ii gaggeessu suuraan kaafameera.
Xiyyaarri IL-62 jedhamu kun bara 2018 Olompika Gannaaf wayita qondaaltota mootummaa Kooriyaa Kaabaa, obboleettii Kim Jong Un dabalatee, gara Kooriyaa Kibbaatti geessu ijoo dubbii ta'ee ture.
Kim Jong Un xiyyaara Yukireenitti hojjetame Antonov-148 (An-148) wayita fayyadamus argameera.
Dokumantarii bara 2014 TV biyyattiin tamsa'erratti xiyyaara kanarratti asxaan daandii qilleensaa Kooriyaa Kaabaa irratti bocamee, Kim Jong Un keessa taa'ee mul'ate.
Bara 2015 ammoo osoo Kim Jong Un xiyyaara biyya keessatti hojjetame balaliisuu akkasumas kutaa balalii xiyyaara AN-2 keessa osoo taa'uu TV biyyattiirratti mul'ate.
Konkolaattota qananii
Kim Jong Un bara 2018 Caamsaa keessa baaburaan magaalaa Chaayinaa, Beejiingi, daawwatee ture, garuu magaalaa keessa imaluuf konkolaataa isaa gosa Mercedes-Benz S-Class jedhamuu fayyadame.
Gaazexaan Kooriyaa Kibbaa 'JoongAng Ilbo' jedhamu akka gabaasetti konkolaataan kun kutaa adda ta'etti eegumsa addaan fe'amuun bulchaa kana waliin Chaayinaa gale.
Akka gabaasa kanaatti konkolaataan bara 2010 oomishame kun gatiinsaa maallaqa Kooriyaa Kaabaa (won) biiliyoona 2 (doolaara miiliyoona 1.8).

Madda suuraa, KOREA SUMMIT PRESS POOL
Konkolaataan Kim Jong Un- Mercedez Benz S-Class jedhamu kun bara 2018 wayita korri Kooriyaa lamaanii Panmunjom keessatti gaggeeffamaa ture baayyee beekamee ture.
Eegdota hedduun bitaa fi mirgaan dabalamee konkolaataa addatti isaaf bocame kanaan daangaa qaxxaamuree gara iddoo walga'iitti imalaa ture Kim Jong Un.
Qondaaltonni isa dabaalanis konkolaataa mana fincaanii mataasaa qabuun imalu, dhimma kamiifuu konkolaataa keessaa bu'uun hin jiraatu.
Doonii iccitii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaan Kooriyaa Kaabaa bulchaan biyyattii wayita dooniidhaan imalu mul'iseera.
Malli geejjibaa inni fayyadamu kan biroonis jiru, garuu ammatti ifa hin taane.
Caamsaa 2013 Kim Jong Un wayita buufata kiyyeessa qurxummii humna waraanaa biyyattii daawwachuuf garas imalu, dooniin duubaan dabaalaa turuu miidiyaan biyyattii suuraadhaan deeggaruun gabaasee ture.
Doonii gatii qaalii doolaara miiliyoona 7tti tilmaamu kun kan dhuunfaa Kim Jong Un ta'uunsaa mirkana miti.
Osoo qoqqobbiin idiladdunyaa irratti heddummaatee jiruu dooniin gatii qaalii kun akkamiin biyyattii seene kan jedhus gaaffii namoota hedduuti.
Gatiin doonii qananii kanaa wayita ilaalamu, Kim Jong Un qabaachuu akka danda'u miidiyaaleen gabaasaniiru.
Kanaanis bulchitoota biyyattii keesaa tarii kan jalqabaa ta'uu danda'a.
Waxabajjii 2015 raadiyoon Waashingtan jiru 'Free Asia' jedhamu, qeyee Kim Jong Un kibba Piyoongi Yaangi handaara haroo jiru cinaatti qorattoonni buufata helikooptaraa arguu gabaasee ture.












