Walargaa Kiim Joong Uun fi Vilaadmiir Putiin biyyoota Lixaa yaaddesse

Kiim Joong Uuniifi Vilaadmiir Putiin

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES

Hoogganaan Kooriyaan Kaabaa Kiim Joong Uun ji'a kana keessa pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin daawwachuuf akka jedhan aanga'aan US BBC'tti himan.

Hoogganoonni lameen Kooriyaan Kaabaa Moskoof meeshaa waraanaa haala dhiyeessitu irratti mariyachuu maluu jedhan aanga'aan US kun.

Bakki qondaaltotni lameen itti wal-argan garuu ammatti ifa hin godhamne.

Dhimma kanarratti qaama biraan yaada kenne hin jiru. Kooriyaan Kaabaas ta'e Raashiyaan hin dubbanne.

Maddeen New York Times'tti akka himanitti Kiim baabura hidhannoo waraanaa qabuun imaluu malu.

Mariin aanga'oota lamaan kanaa kan dhagaahamaa jiru Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa gidduu bittaa meeshaa waraanaarratti dubbiin taasisan milkaahaa dhufuu isaa US ragaa argachuu hordofeeti.

Dubbii Himaan Mana Maree Nageenyaa US Joon Kirbiiy, Ministirri Ittisaa Raashiyaa Serjee Shoguu dhiyeenya wayita Kooriyaa Kaabaa daawwatan Piyoongyaang meeshaalee waraanaa Raashiyaatti akka gurgurtu amansiisaniiru jedhaniiru.

Yeroo Piyoongyaangitti marii godhan misaayelootni baalastikii Hwasong intercontinental mul'achaa turan.

Daawwannaan Ministira Ittisaa Raashiyaa kun erga weerara Covid 19 booda biyyattiin keessummaa yoo simattu kan jalqabaa ture.

Ergasii Putiiniifi Kiim tumsa waloo isaanii cimsuurratti xalayaa walii barreessaniiru jedhan Joon Kirbiiy.

''Piyoongiyaang waadaa meeshaalee waraanaa Raashiyaaf akka hin gurgurre galte akka kabajju fi dubbii gurgurtaa meeshaa waraana Raashiyaa waliin itti jirtu akka adda kuttu waamicha goona'' jedhan Kirbiin.

Kooriyaan Kaabaa diddee Raashiyaatti meeshaa waraanaa qabdu ni gurgurti taanaan US qoqobbii kaahuu dabalatee tarkaanfii akka fudhattu himan.

Waliigaltee kana keessatti Raashiyaan waraana argattee Piyoongiyaangiif maal kenniti kan jedhu Waashingtaniifi Siwuulitti yaaddoo uumeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waajirri tikaa Kooriyaa Kibbaa Shooguun marii isaanii keessatti Raashiyaa, Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinaan waliin ta'uun shaakallii waraana galaanarraa akka US, Kooriyaan Kibbaa fi Jaappaan taasisanii akka godhan yaada dhiyeessaniiru jedheera.

Yaaddoon biraan warra Lixaa bira jiru Raashiyaan amma yeroo hedduu ishee barbaachisutti meeshaa waraana Piyoongiyaang irraa fudhattee, booda akkasuma Kooriyaan Kaabaas wayita yeroon meeshaan akkaan ishee barbaachisu dhufutti hidhachiisuufi jedhudha.

Inni kana caala isaan yaachisu garuu Kiim Joong Uun Putiin teeknolojii waraanaa ammayyaa fi beekumsa ammayyaa gaafatachuun sagantaa meeshaa waraanaa Niikulkeeraa isaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuu malu kan jedhudha.

Ammoo waliigalteen kun akka amma tilmaamamaa jirus ta'uu dhabee, bittaafi gurgurtaa qofa ta'uus danda'a. Raashiyaan meeshaa waraanaa barbaaddi, kan qoqqobbiin laaffise Kooriyaan Kaabaa ammoo maallaqaa fi nyaata.

Mariin Putiiniifi Kiim kun qarqara galaanaa Baha Raashiyaatti argamtu iddoo Vilaadivostook jedhamutti gaggeefama tilmaama yedhu miidiyaaleen US gabaasaa jiru.