Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Misirroo shirrishirriitti jiran lolaan galaafate
Misirroo shirrishirrii gubbaa jiran lolaan manatti seenee lubbuun isaanii darbe. Taateen gaddisiisaa kuni Giriikitti mudate.
Lammummaan misirroo kanneeni Ostiriyaadha.
Misirroon cimdii kuni Rizortii Poristikaa jedhamutti qubatani. Ta’us, roobni jabaan roobee lolaan yaa’ee mana keessa jiran fudhatee qajeele.
Boodarra qorannoon qaccee sanyii (DNA) taasifame kanneen du’an misirroota ta’un mirkanaa’e.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ostiriyaa akkana jedhanii BBC’tti dubbatan: ''Lammiileen Ostiriyaa lama Girikiitti lubbuun isaanii darbu yoon mirkaneessu gadda guddaani.
''Qorannoon DNA taasifame eenyummaa namoota achi buuteen isaanii dhabame nu beeksiseera. Maatiifi fira isaanii maraaf jajjabina hawwina,'' jedhan.
Namoonni embasii Ostiriyaatti hojjetan, maatii misirroo kanaaf deeggarsa taasisaa turuu isaanii dubbii himaan dabalanii ibsaniiru.
Ministirri Muummee Giriik guyyaa Sambataa rakkoo biyyattii qunname yoo ibsan ''bara nagaa waraanni nu qunname,'' jechuun ibsan.
''Ibidda saafaa cimaa ta'eefi balaa lolaa hamaa ta’e torban lama keessa agarre,'' jedhan.
Bubbeen hamaan rooba makate Istoormi Daani’el jedhamu torban darbe Giriikii, Turkiifi Bulgaariyaa erga rukutee booda namoonni baay’een achi buuteen isaanii baruun hin danda’amne.
Lolaan kuni lubbuu namoota 15 kan galaafate yoo ta’u, kumaatamnimmoo qe’eerraa buqqa’aniiru.
Dhibeewwan bishaan faalamuun daddarban akka hin mudanne sodaatameera.
Namni misirroowwaniif mana kireessan osoo roobi cimaan giddugaleessa Giriikiitti roobaa jiru misirroowwan lamaan mana kireeffatan keessa turuu barbaaduu isaanii himan.
Inniifi keessummoonni kaan garuu lafa ol ka’aatti adeemuu himan.
"Haalichi baay’ee hamaa ture. Yeroo sanatti waan gochuu qabdu murteessuun baay’eema rakkisaa ture,’’ jedhan.
Ibiddi saafaa bona keessa Giriik keessa babal’ate yoo xiqqaate namoota 20 galaafateera.
Ganna keessa garuu bakkeewwan Giriik muraasni rooba jabaatu keessatti roobe.
Sababa kanaan bakki Kaarditisaa jedhamuufi giddugaleessa Giriikii keessatti argamu gara harootti jijjiirameera.
Akkasumas qe’eewwan Paalmaas keessatti argaman bishaaniin liqimfamuun isaanii dhagahameera.