Suuraa samiirraa kaafame: Waan Ardiin Afrikaa fakkaattu

Afrikaa Kibbaatti laggeen kosii warshaa albuuda daayimandii baasaniin faalaman, saamii irraa yemmuu mul'atu

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaa Kibbaatti laggeen kosii warshaa albuuda daayimandii baasaniin faalaman, saamii irraa yemmuu mul'atu

Waggootii 40 darbaniif, Eedwaardi Burtiniskii, dhiibbaa industiriin dhala namaa addunyaa irratti uumaa jiru agarsiisuuf suuraalee hedduu kaaseera.

Hojii isaa dhiyeenya ba’een ammoo, Ardii Afrikaa guutuurra imaluun, lafa ol ka’aa irraa suuraalee kaaseera.

Mudannoo isaa akka armaan gadiitti BBC’tti himeera.

Akkan xiyyeeffannookoo ardii Afrikaarra kaa’uuf, karaa hedduun kan na gargaare Chaayinaadha.

Gara waggootii 20 booda, guddina omishaa, warshaalee fi kanneen biroo Chaayinaa keessatti garmalee dabalaa dhufe suuraaleen kaaseera.

Dhabbilee kanaan gaasiin kaarbonii maddisiisamu ammoo ardii Eshiyaa keessatti miidhaa inni geessiseeru ni mul’ata.

Ammma wanti ani argu, kan waggoota digdamman duran argee waliin hedduu wal fakkaata.

Chaayinaan gara dinagdee tajaajilaatti akka ce’uu eegalteen, warshaalee gurguddoo gara biyyoota akka Afrikaa Kibbaatti ijaaraa jirti.

Warshaa kophee Huwaanjiyaan kan Chaayinaa ta'eefi magaalaa Duukam, Finfinneerraa 30km fagaattee argamtu jiru

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Warshaa kophee Huwaanjiyaan kan Chaayinaa ta'eefi magaalaa Duukam, Finfinneerraa 30km fagaattee argamtu jiru

Kanaaf ammoo hojii ijaarsaa gurguddaa kana guddisuuf ammoo qabeenya ardii Afrikaa baasaa jirti.

Suuraaleen kun hedduun kan kaafaman samii irraadha, xiyyaara, helikooptaraa fi diroonii irraati.

Wantoota lafarraa mul’achuu hin dandeenye, kan akka dizaayinii, ijaarsaa fi guddina wantoota dhalli namaa addunyaa kana irratti dhiisee darbuu suuraaleen kun mul’isu.

Keeniyaa

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Qonnaa shaayee, Kerichoo lixa Keeniyaatti argamu

Akkuma industirii, qonnaanis yeroo samii irraa ilaalamu suuraa adda ta’e mul’isa.

Hojjeettonni baala shaayee funaanuu fi qonnaa abaaboo irratti hojjetan oobdiin ykn dirreen isaan irratti hojjetan bocaa fi bifa ajaa’iba akka qabu beekuu laata jedhe nan yaada.

Afrikaa Kibbaa

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Sarara boollaa qonnaan bultoonni Afrikaa Kibbaa qotanii jiran

Namootni dirree kana irratti hojjetan, lafichi qonnaaf tola ykn hin tolu yoo ta’es, takka takka bareedina isaa geeddaru garuu hin balleessani.

Afrikaa Kibbaa keessatti, qonnaan bultoonni gogiinsa hambisuuf, biqiiltoonni naannoo hamaa ta’e keessatti akka lalisaniif jecha boolla hedduu yoo bokkaan roobu bishaan kuusuu danda’u qotuun tolchu.

Itoophiyaa, Danaakil

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Gaalota bakka Danaakil Itoophiyaa jiru keessa imalan

Dacheen Afrikaa qabeenyaan kan guutedha, gariin isaanii teeknoolii ammayyaan argamani, kaan ammoo mala jaarraa hedduuf ture fayyadamuun argamu.

Itoophiyaa keessatti, ho’iinsa qilleensaa 50C ta’een ashaboo gasootiin yemmuu sassaaban arguun akka yeroo dudduubatti deebiisuudha.

Guyya guyyaan ashaboon kun gaalotatti fe’amee deema.

Danaakiil sarara galaanaa gaditti meetira 125 irra waan jirtuuf, meeshaan teeknoolojii keenya waan galaana jala jirru itti fakkaate hojii dhaabee ture.

Boolla ashaboo, Senegaal

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Bishaan erga hurkee dhumee booda, halluu babbareedoo boolla ashaboo Senegaal keessatti mul'atan

Senegaal keessatti namootni ashaboo baasan, boolla xiqqaa harkaan soqanii bishaan ashaboo galaana dhiyoo jirurraa waraabanii itti guutu.

Yeroo bishaanichi hurkee dhumu, albuudi, halluu fi algeen adda addaa calaqqisa samii waliin wal makee halluu bareeda ija hawwatu uuma.

Naajeeriyaa, Niijer Deeltaa

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Naayjeeriyaatti, boba'aan dhangala'eeru lafa Laga Niijeeritti marsee jiru gurraachesseera

Bu’aan ofittummaa warshaaleee, hiyyummaa fi hojiin saamicha lafa naannaa Laga Niijeer kan Naayjeriya keessa jirtuu fi kan boba’aan badhaate keessatti mul’atu, dachee barbadaa’aa fi gaddisiisaa dhala namaan uumame keessaa isa hamaadha.

Dachee kana arguunkoo hangam dhalli namaa pilaaneta keenya balleessuu akka danda'u natti mul’iseera.

Itoophiyaa, Finfinnee

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Finfinnee babal'isuuf jecha ijaaarsa manneenii hedduu gaggeefamaa jiru

Adda addummaan guddaa warshaalee Afrikaa fi Chaayinaa giduu jiru, Afrikaa keessatti hojjettootni humnaa barbaachisoo magaalotaa fi gandoota biyyatti keessaa yoo ta’an, harka caalaa namootni aangoo hoggansaarra jiran ammoo lammilee Chaayinaadha.

Yeroo ummatni hedduu hojii barbaacha gara magaalotaatti godaanutti, Chaayinaan sochii omishaa yeroo hedduu lafa bareedaa baadiyyaa balleessuu irratti bobbaatee jirti.

Namibiyaa Gaarreen Tisawuus

Madda suuraa, EDWARD BURTYNSKY

Ibsa waa'ee suuraa, Gaarreen Tisaawus, Namibiyaa keessa jiran samii irraa yemmuu ilaalaman fakkii kaartaa fakkaatu

Garreen Tisawuus, Naamibiyaa, dachee babbareedoo ani jireenyakoo keessatti suuraa kaase keessaa isa tokkodha.

Bakki kun kanaan dura Sperrgebiet jedhamuun kan beekamu yoo ta’u naannoo albuudi daayimandii itti baafamudha.

Dhalli namaa, Hoomoo Saappiyeensii Afrikaa keessaa ba’uun godaanuu kan eegalan gara waggootii 200,000 duradha.

Amma jaarraa 21ffaa keessa ofirra deebi’uun, bakka addunyaa keessatti industirii maashinii dhala namaan hin miidhamiin turtetti deebi’aa jira.

Ardiin Afrikaa da’oo laaftuu fi ishee xumuraa keenyadha.