Oda Award Muuziqaa 500 olii fi fiilmii torba waldorgomsiisee, ogeessota 22 badhaase

Badhaasni ODAA marsaa jahaffaan dhaabbata Maltii Miidiyaa Bashaatuu Tolamaariyaamiin qophaa'u hojiilee Muuziqaa 500 fi fiilmiiwwan torba ta'an wal-dorgomsiisee Kibxata magaalaa Finfinnee paarkii michoominaatti raawwate.

Badhaasni kun bara 2016'tti ''ogeeyyii gidduutti miira dorgommii uumuun aartii Oromoo jajjabeessuuf'' eegalame.

Hundeessituufi hooggantuun Maltii Miidiya Bashaatuu Tolamaariyaam, Aadde Bashaatuu Tolamaariyaam yaada BBC'f kenniteen, badhaasni marsaa jahaffaa ODAA milkaa'inaan xumurame jette.

Wantoota badhaasa bara kanaa adda godhan yeroo ibsitus, ''badhaasichi yeroo duraatiif galma keessatti gaggeefamuu irraa bahee paarkii tokkummaa magaalaa Finfinnee keessatti haala miidhagaa ta'een gaggeeffame,'' jette.

''Badhaafamtoota umrii guutuu Beenishaangulii fi Harar irraa badhaafnee ture. Innis baayyee miidhagaa ture. Miirri isaanii baayyee namatti tola ture.''

Dhukkubsatee waldhaansa hordofuu erga eegalee kan bubbule Artiist Zarihuun Wadaajoo, badhaafamaa umrii guutuu badhaasa ODAA alanaa akka tures himte.

''Baankiin siinqee Artist Zarihuun gargaaruu isaatti gammadeera. Maatii Artiist Abbabaa Tasammaas badhaafamtoota turan,'' jette Aadde Bashaatuun.

Badhaasni kun dameewwan sadiin- jechuunis Fiimii, Kitaabaafi Muuziqaan ogeeyyii kan badhaasu yeroo ta'u, damee sadan kana jalatti ammoo badhaasota gosa adda addaa 22 ta'antu qophaa'e.

Badhaasni kun waggaa waggaan birrii miiliyoona sadii ol baasisaa akka jiru Aadde Bashaatuun himteetti.

Baasii isa olaanaa kan baasisu ammoo geeba badhaafamtootaaf kennamu ta'uu himte.

''Badhaasicha yeroo eegallu METEC [geeba] ni hojjeta yoo ta'e jennee gaafannee ture. Hin dandeenye amma biyya keessatti bakka tokko qofatti hojjetama. Isatu baasii keenya guddaa isaa fudhata.''

Badhaasa ODAA bara kanaa weellistoota injifatan keessa weellisaa Yoosan Geetahuun fi weellisaa Adu'aalem Gosaa ni argamu.

Hojiileen badhaasa kanaaf dorgoman hunduu kan fulbaana tokko hanga Qaamme guyyaa dhumaa ALI bara 2014 hojjetamaniidha.

''Kaayyoon keenya sagalee uummataafi murtee abbootii seeraan namoota hojjetan jajjabeessuudha. Miira waldorgommii keessa galchuun wanta haaraa akka hojjetan jajjabeessuudha.''

Sagantaan badhaasaa waggaa waggaan hojiilee aartii Afaan Oromoon hojjetamaniif beekamtii kennuuf hundaa'e ta'uun kan jalqabaa kan ta'e badhaasni ODAA, tarii akkuma yaaliiwwan isa dura godhamanii itti fufinsa dhabaa laata jedhamaa ture.

Aadde Bashaatuun ''gumaachaa fi itti fufiinsa isaarra yaaddoon hin jiru, badhaasni kun hojiilee Afaan Oromoon hojjetaman irrayyuu darbee sadarkaa aardii Afrikaatti badhaafamutti ni ce'a,'' abjuu jedhu qabaachuu himte.

Hojiin aartii Oromoo qulqullinaanis baayyinaanis wayyaa'aa jiraachuus himteetti.

Bara kana weelluwwan dorgommiif dhiyaatan 515 ta'uu, fiilmiinis torba ykn saddet hojjetamee dorgommiif dhiiyaachuus dubbatte.

Bara jalqaba badhaasicha hojjetan hojii fiilmii dorgomssiisan dhabuun bara shan fi jaha boodatti deebi'anii walitti qabuu yaadatteetti.

Badhaasni kun firii buusaa, milkaahaa jiras jetteetti.