Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan diroonota Itoophiyaaf erguu ishee US ibsite
Iraan diroonii Iraan xiyyaaroota nama-maleeyyii Mohaajar-6 jedhaman Itoophiyaaf ergite akka turte Ameerikaan ibsite.
Ittaanaan Dubbii Himaa Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Onkoolooleessa 18, 2022 ibsa kennaniin, Iraan wagga tokkoon dura dirooniiwwan Itoophiyaaf ergushee dubbataniiru.
Dubbi himaan Veedaanti Paateel akka jedhaniitti, Iraan Itoophiyaan alattis biyya Yukireen weerarte Raashiyaafis xiyyaaroora nama-maleeyyii kanneen ergite jirti.
‘‘Iraan xiyyaaroota nama-malleeyyii kanneen biyyoota lamaaniis kan ergite yaada murtoo Mana Maree Nageenya Mootummoota Gamtoomanii lakkoofsa 2231 cabsuudhaan’’ jedhan.
Dubbi himichi dabaluun akka jedhaniitti, Iraanxiyyaaroota nama maleeyyii gara Raashiyaatti ergushee Ameerikaan Mootummoota Gamtoomaniitti beeksiifte jirti.
Haala yaada murtee Mana maree Nageenyaa 2231tti Iraan mana maree Nageenya Mootummoota Gamtoomaniitiin dursitee hayyama yoo argatteen alatti tajaajilootaa fi meeshalee teeknoolojii gara biyyootii birootti dabarsuu hin dandeessu jedhaniiru.
Akkasumas oomishaa diroonota kunneen keessaa inni tokko Kodsi Aviyeeshin akka yaada murtee kanaatti, qabeenyi isaa akka hin sochosneef dhorkameera jedhu dubbi himaan kun.
“Biyyootiin hundi qabeenyi dhaabbata kanaa akka hin sochooneef dhorkuu qabu,” jedhaniiru Obbo Pateel.
Yeroo waraana wal waliinii Kaaba Itoophiyaatti gaggeefamaa jirutti mootummaan federaalaa diroonota Iraan, Turkii fi Chaayinaatti oomishaman fayyadamaa akka ture gabaasaaleen ibsan jiru.
BBC’n diroonota kamtu qaama kamiin hojii waraanaaf fayyadamame kan jedhu adda baasee mirkaneessuu dhabus, MM Abiy Ahmed garuu waraana kana irratti dirooniin hojirra akka olfameeru ibsanii turan.
Ajajaan humna waraanaa qilleensaa Itoophiyaa Meejar Janaraal Yilmaa Mardaasaan A.L.I Sadaasa 2013 irratti TV biyyaalessaa irratti yemmuu dhiyaatanitti, Itoophiyaan waraana kanaaf diroonii fayyadamuu ishee mirkaneessanii turani.
Ta’us garuu ajajaan kun, humni waraanaa diroonota kam akka fayyadame adda baasuun hin dubbanne.
Mohaajar-6
Mohaajar-6 diroonii basaasaaf, naannoo qorachuufi bakka haleelamu adda baasee haleeluun milkaa’aa ta’edha.
Dubbii himaan Pateel akka jedhanitti dirooniin Mohaajar6 dhabbata Koorsi Aviyeeshiniin oomishamu erga lakkaffaa ol ka’ee hanga km300 balali’uu danda’a.
Mohaajar-6 ulfaatina kg40 fe’ee, lafarraa gara km 5.5 ol fagaatee qilleensarra gara sa’aatii 12f turuu danda’a.
Itoophiyaan waraanaa wal wariinii kabaa biyyatti keessa jiru irratti diroonoota isheen fayyadamte keessaa inni biraan diroonii Tarkiitti oomishame Baayraktar TB-2 jedhamudha.
Dirooniin dhaabbta Baaykar Diffeensiin oomishamu kun, fe’umsa ulfaatin hanga kg 150 ulfaatu fe’ee balali’uu kan danda’u yoo ta’u, fageenya hanga km 300 irra taa’amee diroonii kana to’achuun ni danda’ama.
Akka odeeffannoo marsiriitii oomishaa kanarra jirutti, dirooniin kun kocho bal’ina meetira 12, hojjaa meetira 2.2 fi dheerina meetira 6.5 kan qabu yoo ta’u boba’aa hanga liitiraa 300 qabachuus danda’a.
Dirooniin kun namaan utuu hin to’atamiin sirna ofiin akka lafaa ol ka’uu fi lafrra qubatuuf isa dandeessisu kan qabu yoo ta’u, qilleensarra km5.5 hnga km 8.2 ol fagaatee hojii isaa hojechuu danda’a.