Naannoo Amaaraa, Wagal Xeenaatti dirooniin ambulaansii haleelee namoonni shan ajjeefaman -Jiraattota

Madda suuraa, SM
Naannoo Amaaraa, godina Walloo Kibbaa, magaalaa Wagal Xeenaatti haleellaa diroonii ambulaansiirratti gaggeeffameen shufeerichaafi ogeessa fayyaa tokko dabalatee namoonni nagaa bakka sanatti dhiyoo turan ajjeefamuu namoonni ijaan argan himan.
Jiraataan sodaa nageenyaatiif jecha akka maqaan isaanii hin dha’amne gaafatan tokko BBCtti akka himanitti, ambulaansichi magaalaa Daseerraa qoricha fe’ee deebiyaa osoo jiruu ture haleellaan sun kan raawwatame.
Haleellaa kanaan shufeera ambulaansichaafi ogeessa qorichaa (Faarmaasistii)n yoo ajjeefaman, hoji-gaggeessaa hospitaalichaarra ammoo miidhaan qaqqabuu jiraattonni ibsaniiru.
Walitti bu’insa humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti naannoo Amaaraa keessatti dhuma bara darbee irraa kaasee gaggeeffamaa jiruun naannicha keessa bakka gara garaatti haleellaa diroonii raawwatameen namoonni baayyeen ajjeefamuun gabaafameera.
Haleellaa kanarraa lubbuun kan ole hoji-gageessaan Hospitaala Sadarkaa Tokkoffaa Dalaantaa Dr. Getaachoon achuma hospitaalicha keessatti wallaansi taasifamaafiif jiraachuu haati-warraa isaa Aadde Itsagannat Addaamuu BBCtti dubbatteetti.
“Harka bitaasaarra miidhaan gaheera, balaa haaraan ukkaamfamuu, akkasumas rakkoon waa yaadachuu isa mudateera, haata’u malee, hamaaf kan kennu miti,” jechuun haati-warraa isaa haala keessa jiran ibsiteetti.
Jimaata darbe A L I Sadaasa 20, 2016 waaree booda naannoo saatii 11:00 irratti haleellaa raawwate kanaan, hojjetoonni humnaa bakka sanatti hojii ijaarsaatti bobba’anii turaniifi abbaan manichaa haleellaa kanaan miidhaan irra gaheera jedhu.
Jiraataan BBCn dubbise akka jedhutti, haleellichaan yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamanii, sadii ammoo madaa’aniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Ambulaansichi qoricha ture kan fe’ate. Haleellaa sanaa boda wayita gara bakka deemnu osoo aaraa jiruu argineerra,” jedhe jiraataan kun.
Dhuma bara darbee mootummaan humnoota addaa naannoo akka haaraatti gurmeessuuf murtee dabarse hordofee hidhattoonni Faannoofi humni ittisaa mootummaa walitti bu’insa keessa galaniiru.
Torban dura Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibsa baaseen, sababa walitti bu’insa naannicha keessatti deemaa jiruun haleellaawwan diroonii raawwatamaa jiraniifi walitti bu’insawwan biroonillee akka isa yaaddesse ibsuun isaa ni yaadatama.
Naannoo haleellaan ambulaansiirratti raawwatame kana sochiin bal’aa hidhattoota Faannoo akka jiru kan ibse jiraataan kun, dhaabbileen mootummaa cufaa ta’uu isaaniifi sochiin guyyaa guyyaallee gufatee jiraachuu dubbata.
Waqtii waranni kaabaa turetti naannoo sun qaxanaa waraanaa guddaa kan ture yoo ta’u, namaafi qabeenyarra miidhaan guddaan akka gahe gabaafamuun isaa ni yaadatama.
“Magaalicha keessa humna ittisaas ta’e Faannoon galus bulchiinsi tasgabbaa’e hin jiru,” kan jedhu jiraataan BBCn dubbise biraan, gatiin midhaan nyaataa qaala’uufi qoricha dhabuutiin rakkachaa jiraachuu dubbata.
Ji’a Caamsaa darbee keessa mootummaan tarkaanfii humna addaa naannichaa hidhannoo hikkachiisuufi irra deebiin gurmeessuu erga eegaleen booda ture naannicha keessatti nageenyi kan boora’uu jalqabe.
“Takkaa Faannoon yeroo seenu, yeroo biraa ammoo humni ittisaa yeroo naannicha to’atu mula’ataa tureera,” kan jedhu jiraataan kun, erga ji’a tokko darbee as garuu nannichi to’annoo hidhattoota Faannoo jala akka jiru ibsaniiru.
“Yeroo humni ittisaa bahu aanga’oonni mootummaa ba’anii deemu. Tajaajila hin kennani. Manneen-barnootaa darbee darbee banamaata’us garuu yeroo allaattiin marsu barattoonni yaadda’anii faca’u,“ jedha.
Jiraattonni yeroo ammaa naannawaa sana lolli jiraachuu baatullee, jiruu yaaddoo keessa akka jiran dubbata. Jaarmiyaaleen mirga namoomaafi dhaabbileen idil-addunyaa biroo walitti bu’insi kun walbira taa’amee mariin akka furamuuf waamicha dhiyeessaa kann jiran ta’us, daandiiwwan gara sanatti geessan agarsiisan hin mul’atan.
Haleellaawwan raawwataman jedhaman kanarratti mootummaan hanga ammaatti wanta jedhe hin qabu. Carraaqqiin BBCn aanga’oota naannoofi Federaalaarraa deebii argachuuf irra deddeebiin taasise hin milkoofne.












