Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ronaaldoon si'a 200 biyya bakka bu'uun seenaa addunyaa haaraa galmeesse
Dursaan taphattoota Porchugaal Kiristiyaanoo Ronaaldoo taphataa kubbaa miilaa dhiiraa jalqabaa taphoota idil-addunyaa irratti taphoota 200 taphate ta’e.
Ronaaldoon Kibxata galgala tapha gulaallii Waancaa Awurooppaa 2024 Porchugaal Ayirlaand waliin taphatte irratti galchii galchuun biyyi isaa akka injifattu taasiseera.
Galchiin daqiiqaa 89 irratti galte jalqaba taphaan ala jedhamtuus deeggarsa VAR’dhaan mirkanoofteetti.
Galchiin kuni taphataa kanaaf galchii idil-addunyaa 123ffaadha. Kuni isaaf riikardii addunyaadha.
Taphataan kilaba Sa’udii Al-Naasiriif taphatu baatii Guraandhala keessa ture riikardii taphataa Kuweet Baader Al-Mutawaa kan taphoota idil-addunyaa 196 taphatee jiru kan cabse.
Tapha Ayislaand waliin taphate duras riikardii haaraa galmaa’ef waraqaa ragaa Galmee Dinqisiisoo Addunyaa harkaa fudhateera.
‘’Anaaf, milkaa’ina amanuunu rakkisudha. Bareedaadha,’’ jechuun Ronaaldoon tapha booda dubbate.
‘’Galchii itti injifanne galchuunimmoo, inumaa adda taasisa.
‘’Sirriitti hin taphanne, takka takka kubbaan miilaa akkasi. Garuu galchii galchine.
''Akka yaada kootti nuuf mala. Taphoota 200 taphachuu kiyyaan baay’een gammade.‘‘
Bara 2003 tapha idil-addunyaa Porchugaaliif taphachuu kan eegale Ronaaldoon barana biyya isaaf erga taphatuu eegalee waggaa 20ffaa ta'eera.
Tapha Waancaa Addunyaa booda liigii Awurooppaa gadhiisuun gara Sa’udii Arabiyaa imaluus ammallee garee biyyaa keessa jira.
Badhaasa Baalon d’Or si’a shan kan mo’ate Ronaaldoon Ispoortiing Liizban, Maanchistar Yunaayitid, Riyaal Maadiriidiifi Yuveentuusiif taphateera.
Taphoota gulaallii Waancaa Awurooppaa 2024 irratti galchiin shanaffaa galche Porchugaal taphoota afur taphatte keessaa afranuu akka injifattu taasiseera.
Ayislaand garuu takka qofa injifatte.