Ispeen waancaa Liigii biyyoota Awurooppaa mo'attee Luukaa Moodrich onnee cabsite

Ispeen tapha xumuraa waancaa Liigii biyyoota Awurooppaa (Nations League) irratti rukuttaa adabbiitiin Kirooshiyaa mo'achuun gulantaa mo'ichaa ardii Awurooppaa keessatti qabdu ol kaafatte.

Haala kanaan Ispeen abjuu Kirooshiyaan waancaa idil-addunyaa mo'achuuf waggootaaf abjootaa turte yeroo jalqabaaf milkeessuuf wayita jettutti jalaa dukkanneessite.

Rootardaamitti kan gaggeeffame taphi xumuraa Waancaa Biyyoota Awurooppaa, daqiiqaa 120 erga taphatamee booda, rukuttaa adabbiitiin adda bahe.

Daanii Karvahaal Raamoos biyyasaa Ispeeniif goolii isheen ittiin mo'atte galchuun akka waancaa fudhattee galtu tumsa olaanaa taasise.

Gareen biyyaalessaa Ispeen erga bara 2012 Waancaa Awurooppaa erga mo'atee booda kun waancaa idil-addunyaa jalqabaati.

Taphataa collee dorgommii kanaa ta'uun kan filatame Roodriin taphichi akkaan ulfaataa akka ture ibsee, injifannoo argatanitti guddoo gammaduu ibse.

Roodriin Maanchistar Siitii waliin waancaa sadi nyaatee ji'a osoo hin guutin garee biyyaalessaa isaa waliin waancaa Neeshinsi Liigii nyaate.

Injifannoon kun garee biyyaalessaa Ispeeniif hamilee fi kaka'umsa guddaa ta'a jedhe taphataan kun.

Taphattoonni haaraa fi dargaggoota ta'an [kanneen duraan mul'atanii hin beekne] kanneen akka Yeremii Piinoo, Gaavii fi Ansuu Faatii garee Ispeeniif taphataniiru.

Ispeen waancaa Awurooppaa, kan Neeshinsi Liigii fi kan addunyaa mo'achuudhaan Firaansitti aantee garee Awurooppaa lammaffaarra jirtuudha.

Tapha waancaa addunyaa yeroo darbe Qaataaritti taphatamerrattis Ispeen marsaa 16ffaa keessa seentee rukuttaa adabbiitiin Morokoodhaan injifatamtee dorgommii keessaa baate.

Gama biraan biyyasaaf waancaa argamsiisuuf guddoo kan tattaafatu Luukaa Moodrich osoo hin milkaa'in hafeera.

Bara 2018 waancaa addunyaa xumuraaf ga'ee mo'amee, kan bara 2022 ammoo sadarkaa sadaffaan kan xumure gareen biyyaalessaa Kirooshiyaa dorgommii neeshinsi liigii kanarratti dheebuu waancaaf qabu dharraa bahuuf qarqara irra ga'ee dhabeera.

Falmii Rootardaamitti gaggeeffame kanarratti deeggartoonni Kirooshiyaa kumaatamaan lakkaa'aman garee biyyaalessaa isaaniif hamilee ta'uun jajjabeessaa turan.

Yeroo 166 biyyasaaf kan hiriire Luukaa Moodrich dandeettiisaa ajaayibaa dirree kubbaa miilaa keessatti qabu kan ittiin goolabu ture taphi kun.

Tapha falmiin cimaan irratti gaggeeffame kanarratti warri Kirooshiyaa jalqaba tasgabbaa'anii taphicha eegalan.

Taphni idilee taphatamee sa'atii sagaltamni erga xumuramee booda daqiiqaan dabalataa boqonnaa boodatti wayita ce'amu gareen Kirooshiyaa warra Ispeen irratti dhiibbaa guddaa uumuu eegalan.

Haata'u malee gareen lamaanuu goolii galchuu hin dandeenye.

Boodarra gara rukuttaa adabbiitti wayita ce'amu Ispeen 5 fi 4n injifattee waancaa fudhatte.

Taphataan umrii ganna 37 Moodrich gareesaa waliin taphachuu itti fufuu fi dhiisuun falmisiisaadha.

Taphataan kun bara dhufu dorgommii waancaa Awurooppaa Jarmaniin qopheessitu irratti hirmaachuu mala jedhamaa jira.