'Mootummaan keessan isin hin fudhannu jechuu nutti himame'-Lammilee Sa'udiitti hidhaarra jiran

Lammiileen Itoophiyaa dhibbaan lakkaa’amaniifi Saa’udii Arabiyaatti yeroo hidhaa isaanii obbaasan, biyyatti deebi’uuf fedhii qabaatanis akka hin dandeenye BBCtti himan.

Yakka akka akkaan itti muramee yeroo hidhaa isaanii ka xumuran lammiileen Itoophiyaa kunniin, gara biyyaa deebi'uu dadhabuu isaaniin rakkoo hamaa keessa jirra jedhan.

Namoonni lakkoofsi isaanii 750 ol tahu kunniin, biyyattiitti yakkoota daddabarsa qorichoota sammuu hadoochaniifi kaaniin himatamuun haga waggaa 15 kan itti murtaa'uufi yeroosaanii akka xumuran isaan keessaa BBCtti dubbatan.

Nigus (maqaansaa kan jijjiirame) ''Ganna 5 haga 15 nutti murtaa'ee, adabbii xumurre. Gara biyyaa deebi'uuf galmoofnee, gucas guunne. Achii booda garuu oggaa gaafannu, 'mootummaan keessan hin fudhadhu jedheera' nuun jedhan,'' jechuun dubbata.

Lammiin Itoophiyaa maqaasaa himachuu hin barbaanne biraa gamasaan: ''Yeroo hidhaa keenyaa waan xumurreef, mana hidhaa itti turre keessaa baasanii, bakka biraa nu geessan. 'Amma booda bilisa waan taataniif gara biyya keessanii deemuu dandeessu' jedhaniitu kan adda nu baasan. Tahus haga hardhaa namni nuu dhaqqabe hinjiru,'' jechuun dubbata.

''Itti gaafatamaa olaanaan mana hidhaa dhufee nu dubbisee, ayyaanaan booda akka deemnu nutti hime. Iidaan booda eegaa turre, garuu wanti haaraa hinjiru,'' kan jedhu Yoohannis (maqaan kan jijjiirame), bakka turanirraa bakka hammaataa biraatti akka geeffaman BBCtti hime.

''Mana hidhaa turre keessaa bakka bishaan hin jirreefi kuusaa meeshaalee waraanaa bakka ture nu geessan. Ifaas hinqabu. Maaliif jennee gaafannaan, 'Dhimmi keessan nun hin ilaallatu. Yeroo hidhaa keessanii waan obbaastaniif mootummaa biyya keessaniitu ilaallata,'' nuun jedhan,'' jedha.

'Haala hamaa keessa jirra'

Namoonni dubbisne kun mana hidhaa keessa turan irraa, Jizaan keessa mana hidhaa Ewaa jedhamu argamutti geeffamuu isaanii himu.

750 ol kan tahan galma tokko tajaajiloota bu'uuraa itti hin arganne keessa rukkatanii akka jiran himuun, haalli keessa jiran dhukkubaa fi du'aaf saaxiluu himu.

''Guyyuu namoonni nu jalaa du'u. Ganama har'aa qofa namoonni lama du'aniiru. Dheengaddas akkasuma lama. Namoota 17 kana morman gara alaa baasuun hidhaniiru,'' jedha Yohaannis.

Isaaniin 'karra rurrukuttan' jechuun kan adda baasan ennaa tahu, namoonni adda baafamanis 'namni gaafa nu jalaa du'u maal haa goonu?' jechuun akka deebisanis hima.

Eegdoni hidhatanii jiranis ''karra cabsuu yaaltan'' jechuun jara kana alatti baasanii akka hidhan hima.

Nigusuun gamasaatiin ''namoonni fayyaan sammuu isaanii hammaateefi qullaa buusanii kan deeman jiru. TB fi dhibee sukkaaraas kan qaban jiru. Yaaliin fayyaa hinjiru, qarqaarsi biroo hinjiru. Maal balleessine?'' jechuun gaddaan hima.

Lammiin Itoophiyaa isaan wajjin jiru biraas, isaan keessaa kanneen lubbuu ofii baasan akka jiranis dubbata.

''Dhukkubootaaf saxilamneerra. Qarqaarsi hospitaalattis argannu hoomtuu hinjiru. 'Mootummaa keessantu isin dagate, nuti omaa hin goone' nuun jedhu,'' jechuun hima.

Mootummaan Itoophiyaa quba qabaa?

Hojjetaan duraanii Qontsilaa Itoophiyaa amma Saawudii jiraatan, dhimmi hidhamtoota kanaa akka beekamu BBCf mirkaneessan.

Namni maqaan isaanii akka dhahamu hin feene kun, jarri kun gara biyyaa akka deebiyaniif yaaliin sanada imalaa qopheessuu akka ture yaadatu.

Namoonni hidhaa jiran kunniin gamasaaniin, adabbii isaanii erga obbaasanii ganna tokkoo ol tahus, gama qontsilaanis tahe mootummaa Itoophiyaa irraa, xiyyeffannoo homaatuu akka hin arganne kaasu.

''Wayita ambaasaaddarichatti bilbillu hin kaasu. Bakka bu'oonni garana dhufan 'kana goona' jedhanii waadaa seenu. Rakkoon mootummaa Sa'udii bira akka jirus himu.

Mootummaan Sa'uudis rakkoon kan jiru mootummaa keessan bira nuun jedha. Kana gidduutti miidhamne,'' jedha kanneen BBCn dubbise keessaa tokko.

Miseensonni qontsilaa dhimmichi isaan ilaallatu haalasaanii akka beekan kan himu Nigusuun, irra deddeebiin hojjettootaaf bilbilanis deebii akka dhaban hima.

''Yeroo murtaa'ef dhufanii nu ilaalaniiru. Tahus 'har'a dhufna, boru deebina' jechaa erga bahanii duuba, simuullee kaasaa hinjiran,'' jedha.

Embaasii Itoophiyaafi Ministeera Dhimma Alaattis bilbilanis deebii argachuu akka hin dandeenye hima Yohaannis.

''Qondaaltota Sa'udiif 'maal goonu?' jennee wayita gaafannutti, 'Callisaa taa'aa, mootummaan keessan yoo fedhe dhufee isin fudhata. Tahuu baannaan Fannoo Diimaan ni dhufa,'' nuun jedhu.''

''Asitti haalli mormii itti dhageessifnu inni tokko, lagannaa nyaataati. Kanarra humna hinqabnu.''

Namoonni hidhaa keessa jiran kun qondaaltota siviilii fi waraanaa Saawudii Arabiyaatiin hordoffiin akka isaanirratti godhamu himatu.

'Kaameraa eegumsaa qabu. Nyaata lagachuun mormuuf gaafa yaallu dhufanii 'ni hiikamtu' nuun jedhu. Bilbila mobaayilaa hinqabnu, odeeffannoo argachuu hin dandeenyu.

Keenyan mana hidhaa kanarra bilbila jiruuni BBCtti bilbiluu kan dandeenye. Egereen keenya maal akka tahu hin beeku...'' jedha Yohaannis miira bo'ichaan.

Dhimma lammiilee kanaarratti odeeffannoo argachuuf waajira qontsilaa Itoophiyaa Jiddaa jirutti marroo hedduuf bilbillus, qunnamuu hin dandeenye.

Kana malees waajira dubbi-himaa Ministeera Hajaa Alaatti bilbillee kan gaafanne oggaa tahu, gaaffii keenya imeelaan akka barreessinu nu gaafatan.

Akkuma jedhame guyyoota 10n dura imeela kan ergine oggaa tahu, haga ammaa deebii hin arganne.

Yoo deebii kan nuu ergan taate kan dhiyeessinu taha.