Namichi du'i itti murtaa'ee akka hafu godhame mana hidhaatti du'uunsaa dheekkamsa kaase

Madda suuraa, SHARGH
Jaavad Rouhi hiriira mootummaa mormuurratti hirmaatee yakkamaa jedhamuun duuti itti murtaa'ee guyyaa du'a isaa eeggataa ture. Boodarra manni murtii waliigalaa Iraan murtiin du'aa kun akka hafu godhe.
Manni murtii olaanan Iraan Jaavad akka hin ajjeefamne murteessus inni garuu du'uunsaa hin hafne.
Namni kun murtee du'aa jalaa bahus, mana hidhaa keessatti du'uu manni murtii biyyattii beeksise.
Javaad Rouhi du'a Maasaa Amiinii hordofee hiriira mormii Iraan keessatti dhoheeni qabamee mana hidhaatti kan darbatame. Namni kun hospitaalatti waldhaansi sirnaan waan hin godhamneefif du'e jedhan anga'oonni.
Aktivistoonni Iraanitti mirga namaaf falman garuu du'a Jaavadif qondaalotuma mootummaa himatu.
"Ogeeyyin fayyaa deeggarsa godhaniifis [Jaavad] du'uurraa hin hafne, sababa du'a nama kanaa qorachuuf himanni seeraa banameera," jechuun barreesse marsariitin 'Mizan' jedhamu.
Aktivistoonnifi Iraan keessatti kanneen mirga namaaf falman, nama manni murtii du'a itti murtaa'e irraa hambise kan ajjeese humnoota nageenyaa biyyattii akka ta'e miidiyaa hawaasaa irratti barreessaa turan.
Maasaa Amiinii, shamarreen ganna 22, hijaaba godhachuu didde jechuun reebicha mana hidhaa keessatti irra gaheen erga duutee booda, Iraan keessatti hiriirri mormii lubbuu namoota hedduu galaafate yeroo dheeraaf gaggeeffamee ture.
Kana hordofee namoonni hiriira kana qindeessan fa'aa mootummaarratti hokkara kaasan jechuun hidhamanii hedduuttis duuti murtaa'era.
Jaavad Rouh hiriira kana qindeessuufi hiirira irratti Qur'aana gubeera himanni jedhu irratti dhihaatee duuti itti murtaa'ee ture.
Haa ta'u garuu, aktivistoonni viidiyoo inni bara darbe mormiirratti hirmaataa ture gadi lakkisaniin osoo Qur'aana gubuu osoo hin taane osoo shubbisuu fa'aa mul'ata.
Aminestii Intarnaashinal akka jedhetti, Jaavad mana hidhaa keessatti reebicha hamaa, mana cabbii keessa kaa'amuu, elektirikiin guggubuufi hiraarsi garaa garaa irra gaheera.
Jalqabarratti yakka Qur'aana gubuu, qabeenya barbadeessuu, nageenya biyyooolessaarratti nama kakaasuun yaaddoo uumuudhaan du'i itti murtaa'e.
Boodarra garuu, ji'a Caamsaa keessaa manni murtii waliigalaa adabbii du'aa manni murtii gara gadii murteesse kufaa taasisee ture.












