Taatoon Chaayinaa butame kaampii lammiileen Itoophyaa dirqamaan yakka itti raawwatan keessatti argame

Taatoon lammii Chaayinaa baayyee hin beekamne tokko Taayilaand keessatti guyyaa lamaaf bade. Jaalalleensaas miidiyaa hawaasaa irratti barbaacha eegalte.

Jaalalleen Waang Shiing miidiyaa hawaasaa Chaayinaa irratti ''sagalee keenya dhageessisuu malee filmaata biraa hin qabnu'' jette.

Dhimmi kunis biyyattii keessatti erga lammiileen biyyattii bebbekamoon qoodanii booda ijo dubbii ta'e.

Dargaggoon waggaa 31 Waang xiyyeeffannaa mootummaafi lammiilee biyyatti argate.

Haaluma kanaanis Muddee 7, 2024 bakka turtii yakkamtoota intarneetiin waliin dhahaniifi daangaa Miyaanmaaritti argamu keessatti argame.

Akka tasaatti argamunsaa garuu gaaffii kaase. Carraan namoota jidduugalawwan yakkamtootaan bulchaman kanneen keessatti qabamanii falmisiisaadha.

Namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman humnaan fudhatamuun karaa intarneetiin yakka akka raawwataniif dirqisiifamu.

Isaan keessaa kanneen karaa dallaalootaan gowwoofamanii gara kaampiiwwan kanneeniitti ergaman keessatti Itoophiyaanonni hedduun ni argamu.

Gabaasa dhiheenya kana BBC hojjate keessatti lammii Itoophiyaa maallaqa kanfaluun kaampicha keessaa bahe dubbisuun ni yaadatama.

Lammiileen Chaayinaa kaampiiwwan kanneen keessatti firoonisaanii jalaa to'atam mootummaan jidduu akka galuuf mallattoo walitti qabuun gaafatan.

Hanga ammaattis kan firri jalaa achi keessatti to'atamu ibsan namoota 600 yoo ta'an, lakkoofsi kunis dabalaa jira.

Waang poolisiitti akka himeetti kaampicha keessa lammiileen Chaayinaa 50 to'atamaniiru.

''Chaayinoota hafan kanneen poolisiin baraaruu danda'aa kan jedhu nu yaaddeessaa jira. Namoonni kaampicha keessatti to'ataman kaan lubbunsaanii gatii hin qabu'' jechuun fayyadamtoonni miidiyaan hawaasaa Chaayinaa Webo kan barreessan.

Waangi kan butame Muddee 3, 2024 magaalaa daangaa Taayilaand Maayi Soot keessatti yoo ta'u, eddoon sunis namoota karaa seeraan alaatiin gara Maayinaamaariitti dadabarsuun beekama.

Poolisiin Taayilaand akka jdheetti, Taatoon kunis gara Baankoogiitti kan imale hojii fiilmii miidiyaa hawaasaa Chaayinaa -Wichit irratti argate keessatti hirmaachuuf ture.

Bara 2018ttis Taayilaand keessatti hojii fiilmii keessatti hirmaatee sababii tureef waamichi amma taasifameef kunis dhugaa akka ta'e amane. Wayita Taayilaand qaqabuuttis konkolaataan tokkotu isa eege. Gara Maayaanmaariitti geeffame.

Riifeensa isaa dirqiin irraa haaduun attamiin karaa intarneetiin namoota gowwoomsu akka qabaatu irratti leenjii kennaniif.

Bilbila bilbiluun namoota gowwoomsuun maallaqasaanii saamu. Jaalalleensaa sagaleensaa baduu miidiyaa hawaasaa irratti barreessite.

Obboleessa taatoo kana waliin ta'un barbaadanis argachu akka hin dandeenye barreesite.

Poolisiinis odeeffanno omaa kennuufi hin dandeenye. Imbaasiin Chaayinaa dhimmacha poolisii Taayilaand bira dhaquub galmeessise.

Miidiyaan hawaasaa biyyattii irratti namoonni taatoo kana barbaadan daballaan, aanga'oonnis caalaa wal ta'u eegalan. Poolisiinis dhiimichaaf xiyyeeffannaa kennu ibse.

Guyyaa ittaanuttis aanga'oonni Chaayinaafi Taayilaand Waang argamu beeksiisan.

Garuu attamiin argamu akka danda'erratti ifatti wanti himani hin jiru. Kaampii kam keessatti to'atamee akka tures ifa hin taane.

Oggeessi namoota kanaan dura to'atamanii gadi dhiifaman keessatti kan hirmaateefi maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko akka jedheetti,gareen yakkamtootaa taatoo kana gadi lakkiisuuf kan waliigalan erga waa'ee isaaniirratti odeeffannoon akka hin baane mirkanneessanii booda ta'u danda'a.

Kaampiin dirqamaan keessa tursifaman kunneenis saaxilamurraa Waangiin gadi lakkisuu filachu hin oolle jedhe tilamaama.

Namoonni taatoo kana barbaadan baayyachunsaa gochaa kaampiiwwan yakkaa kanneen kan rakkoo itti uumuu ta'e argataniiru.

Mootummaan Chaayinaatis ummanni gaafachuu akka dhaabuufi taatoo kana barbaaduu keessatti mootummaan gaheesaa bahu akka hubatan barbaada.

Bara darbe gamtaa Chaayinaafi garee hidhattootaa tokkootiin bulchiinsa Shaan kan Miiyaanmaar keessatti jidduugalawwan gareewwan yakkamtootaa karaa intarneetiin namoota dirqamaan maallaqa akka saaman taasisuu cufuuf sochii taasiisee ture.

Haata'u malee, jidduugalli yakkaa kunneen gara naannoolee baadiyaatti babal'ataa jiraachu dhaabbanni miti-motummaa tokko BBCtti himeera.

Daangaan Taayilaandii fi Maayaanmaar jidduugala yakka karaa intarneetiin kana ta'eera. Rakkoo siyaasaa naannicha jiruutti fayyadamuun yakki kun babalateera.

Namoota dirqiin hojii keessa galchuun saamicha keessa galchun kanneen beekkaman keessaa tokko dhabbata daangaa Taayilaand, magaalaa Maayaawaadiitti argamudha.

Haalli kunis Taayilaan biyyi galii turiistoonni Chaayinaa fi biyyoota biraarraa gara sana dhaqaniin misoomte tarkaanfii akka fudhattuuf kan dirqisiisuudha.

Erga taatoon kun butameen booda lammiileen Chaayinaa gara Taayilaand imaluun bashannanuun akka isaan sodaachise dubbatu.

Waangi Taayilaand keessatti to'atamee wayita tureetti sooranni nyaatu baayyee xiqqoo akka tureefi mana fincaanii dhaquuf yeroon akka hin kennamneef dubbachun gabaafameera.

Taatoonni kaanis erga yaada sobaa hojiin jira jedhuun gara Taayilaand erga imalaniin booda, harka yakkamtootaatti kufuu dubbataa jiru.

Poolisiin Taayilaand akka jedheetti, Waangi to'atamee kan ture lammiileen Taayilaandiin miti.

Dhimmi moodeelii erga hojiidhaaf gara Taayilaandiitti afeeramuun deemteen booda daangaa Taayilaandiifi Maanyaamaar jidduutti bakka buteenshee dhabame tokkoos poolisii Chaayinaatiin qoratamaa jira.

Waangi caroomuun poolisootaan harka yakkamtootaatii bahu danda'eera.

Chaayinaa, Taayiwaan, Maaleeshiyaa fi Singaapooriin alattis lammiileen Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa hedduu kumaatamaan lakkaa'aman ammaan tana jidduugalawwan dirqii kanneen keessatti to'atamaniiru.