Dippiloomaatiin duraanii Somaaliyaa, Somaalilaand bulchuuf filaman eenyu?

Hogganaan paartii mormituu, Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii (Irroo jedhamanis beekamu), pirezidantii haaraa Somaalilaand ta’un filatamaniiru.

Erga mo’un isaanii mirkanaa’e booda ‘’Hunda keenyatu mo’e, Somaalilaanditu mo’e,’’ jechuun tokkummaa labsaniiru.

Filannoo bulchiinsa Somaaliyaarraa walabummaa labsatte kanatti taasifameen ummanni 650,000 ta’u sagalee kenneera.

Obbo Abdirraahimaan paartii isaanii Waadaanii bakka bu’uun pirezidantii Somaalilaand bara 2017 eegalee aangoorra jiran, Musee Bihii Abdii, mo’atan.

Guyyaa Kibxataa Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa Somaalilaand Obbo Abdurraahimaan sagalee 63.92%’n mo’achuu labse.

Marsaa lammataaf Somaalilaand bulchuuf kan dorgoman, Musee Bihiin, sagalee 34.81%’n lammaffaa bahuun injifachuu dhaban.

Namni siyaasaa gameessii ganna 69 bulchiinsa Gaanfa Afrikaa bulchuuf jedhan garuu eenyu?

Waamicha tokkummaa

Obbo Abdirraahimaan injifannoo gonfachuun isaanii kanneen sagalee kennan jijjiirama fedhuu isaanii agarsiisa.

Haa ta’u malee, erga injifachuun isaanii ibsame booda ummataaf ergaa kan dhaaman namni siyaasaa kuni tokkummaa labsan.

‘’Guddina keenyaaf mee haa tokkoomnu. Lammiilee Somaalilaand tokkooman malee anaafi si hin jiru.

‘’Kunif filannoo warra mo’ataniifi mo’aman miti garuu kan obbolummaafi tokkummaati,’’ jedhan.

Pirezidantii Somaalilaand Musee Bihiis galateeffataniiru.

Filannoo Sadaasa 13 taasifame kana dippiloomaatonni biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa sagal taajjabaniiru.

Dippiloomaatii duraanii Somaaliyaa

Hargeessatti bara 1955 kan dhalatan Obbo Abdurraahimaan mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Somaaliyaatti xumuran.

Eegasii gara Ameerikaatti imaluun barnoota ‘Business Administration’ jedhamuun digirii lammaffaa isaanii barataniiru.

Bara 1981, hojii isaanii jalqabaa dippilomatii Embasii Somaaliyaa Moskoo argamutti eegalan.

Yeroo walwaraansa waliinii Somaaliyaa bara 1991’tti, Gamtaa Sooviyeetitti yeroof ambaasaaddara Somaaliyaa ta’un tajaajiluu eegalan.

Eegasii booda gara Finlaanditti ce’un maatii isaanii Somaaliyaatii baqatan waliin jiraachuu eegalan, lammummaa Finlaandiis argatan.

Bara 2002 gara Somaalilaand deebi’anii paartii mormituu ‘Justice and Welfare Party (UCID)’ jedhamu nama siyaasaa biroo waliin hundeessuun siyaasa seenan.

Bara 2005 hanga 2017 af-yaa’ii Paarlaamaa Somaalilaand ta’un tajaajilaniiru.

Bara 2012 paartii UCID jedhamu keessaa bahuun paartii Waadaanii jedhamu hundeessan, beekamtiin paartii kanaas guddachaa dhufe.

Filannoo bara 2017 irratti paartii hundeessan bakka bu’uun pirezidantii ta’uf dorgoman. Garuu Musee Bihiidhaan mo’aman.

Filannoo bara 2024’n deebi’anii dorgomanii injifataniiru.

Musee Bihiin keessumaa sababa rakkoo dinagdeen hammi bituu maallaqa bulchiinsatti dadhabuu isaa hawaasi yoo komatu callisanii waan ilaalanif mo’aman jedhu qeeqxonni.

Kaan bulchiinsi Musee Bihii Somaalilaand qoqqoode jechuun qeequ.

Museerraa maaliin adda ta'an?

Yeroo duula filannoo dorgomtoonni dhimma beekamtii idil-addunyaa argachuu, dinagdeefi dimookiraasii kaasuun wal dorgomaa turan.

Lammiin Ertiraa ogeessa seeraa ta’aniifi kana dura gorsaa mootummaa Somaalilaand ta’an, Musee Efireem, Obbo Abdurraahimaan Musee Bihiirraa maaliin adda ta’an isa jedhu akkana jedhu.

‘’Dippiloomatii waan ta’aniif hiree dhagahamuu guddaa qabu. Namoota beekumsa qabanitti dhiyaachuun dhageeffachuu danda’u. Kanaaf akkasumatti itti fufu jedheen yaada.

‘’Pirezidantiin duraanii Musee Bihii ammoo loltuu turan, Irroon ammo dippiloomatii waan ta’aniif ilaalchi siyaasaa isaanii gargar ta’a.

‘’Abdurahimaan akka warri lixaa jedhan ilaalcha Sochaal Dimookraat jedhamu qabu,’’ jedhan waan beekanirraa yoo dubbatan.

Gama kaaniin, namni siyaasaa kuni Gaanfa Afrikaas hubatu jedhu.

‘’Somaalilaand qofa osoo hin taane, Somaaliyaas sirriitti beeku. Dippiloomasiifi dhimma siyaasaa naannoo kanaa sirriitti nama hubatanidha.

‘’Dhimma Gaanfa Afrikaa, kan Itoophiyaa, Eertiraa, Jibuutii, Somaaliyaa, Sudaan sirriitti beeku. Nama siyaasni sirriitti galuuf waan ta’aniif haalota tasgabbiin ilaalu.

‘’Kanaaf siyaasa Somaalilaandiifi Gaanfa Afrikaaf barbaachisu tarkaanfachiisu jedheen amana.’’

Namni pirezidantii haaraa Somaalilaand ta’uf filaman Somaaliyaa waliin mari’achuu akka fedhan kana dura ibsaniiru.

Qormaata gara fuulduraa

Namni siyaasaa suuta dubbatan yoo aangotti dhufan rakkoowwan kana dura turan baay’ee dhaalu.

Erga Somaalilaand waggoota 30 ol dura walabummaa labsatte, biyyi beekamtii idil-addunyaa kenneef hin jiru.

Waggoota muraasa darban, Somaalilaand waliigaltee invastimantii erga tolfachuu eegalte booda Somaaliyaa waliin muddamni cimeera.

Kuni Waliigaltee Ulaa Galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaand waliin mallatteessan ni dabalata.

Akkaataa waliigaltee kanaan Pirezidant Musee Bihiin qarqara galaanaa 20km dheeratu biyyi ulaa galaanaa hin qabne Itoophiyaan buufata dooniifi waraanaaf akka fayyadamtu waliigalan.

Faallaan, Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii ni kenniti jedhan. Kuni ifatti Itoophiyaadhaan hin mirkanoofne. Waliigalteen guutuus ummataaf ifa hin taane.

Somaalilaand akka qaama ishiitti kan ilaaltu Somaaliyaan waliigaltee kana akka weeraraattin ilaala, birmadummaa kiyyas sarba jettee mormite.

Pirezidantiin haaraa rakkoo hojii dhabdummaafi qaala’insa gatii olaanaas walumaan dhaalani.

Ejjennoo waliigaltee ulaa galaanaa irratti

Obbo Abdurraahimaan egeree waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaand mallatteessan irratti yoo gaafataman jecha dippiloomasii fayyadaman.

Waan jijjiiran akka qaban akeekan.

Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaand deebi’anii akka keessa ilaalaniifi mootummaa Somaaliyaa Moqadiishuu jiru waliin marii akka eegalan dubbatan.

Daarektara Akkaadaamii Nagaafi Misoomaa buufata isaa Hargeessaa godhate kan ta’an Mohaammad Faarah Hersii, pirezidantii ta’uf kan dorgoman sadanuu waliigaltee kana hin mormine jedhu.

Ta’us, ‘’Waadaaniin hojiirra oolmaa waliigaltichaarratti ilaalcha adda ta’e qabu,‘‘ jechuun ibsu.

Marii Somaaliyaa waliin gochuu yaadan irrattimmoo xinxalaan kuni akkana jedhan;

‘‘Ajandaa lama erga takkaa raawwachuu hin danda‘an. Gara Itoophiyaa yookiin gara Somaaliyaa goruu qabu.’’

Somaaliyaan Somaalilaandiif beekamtii kennuu hin feetu, Somaalilaandis qaama Somaaliyaa ta’u hin feetu.

Somaalilaand bakka adda lafaa taatedha. Jechuunis ulaa Galf of Adeen fi Galaana Diimaatti galchutti argamti.

Somaaliyaarra tasgabbii qabaattus, filannoos yeroo yeroon gaggeeffattus, beekamtii idil-addunyaa garuu hin qabdu.

Pirezidantii ta’un kan filaman Abdurraahimaan hariiroo Somaalilaand Taayiwaan waliin qabdu akka itti fufan himaniiru.

Bulchiinsonni lamaan bara 2021 yeroo hariiroo tolfatan Chaayinaafi Somaaliyaan mufii ibsanii turan.