Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoon Somaalilaand waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaaf maal akeeka?
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Filannoon pirezidaantii Somaalilaand yeroo afraffaaf taasiste kan yeroo kamuurraa adda. Itoophiyaanis yeroo kamuu caalaa itti dhiheenyaan hordofaa jirti.
Wanti ijoo immoo filannoon kuni yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu hammaatetti adeemsifamuu isaati.
Pirezidantiin Somaalilaand kan Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessanis filannoo itti qoramanidha.
Somaalilaand sababa waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin mallatteessiteef Somaaliyaan guddoo mufatteetti. Akka weeraraattin ilaala jechuunis ibsite.
Tarkaanfii dippilomasii, waraanaafi siyaasaas gaggeessuun Itoophiyaan akka waliigaltee adda kuttu taasisuuf yaaltus Itoophiyaan tole hin jenne.
Bulchiinsi waggoota 33 dura Somaaliyaarraa walabummaa labsatte garuu hanga yoonaa beekamtii idil-addunyaa kan hin qabne Somaalilaandis ejjennoo hin jijjiirre.
Filannoo muddamni Gaanfa Afrikaatti yeroo uumame jiru kanatti adeemsifamaa jiru kuni egeree Somaalilaandis ta’e dhimma muddama kaaserratti waan akeeku qaba.
Filannoon kuni maal fidee dhufuu danda’a? Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaan itti cichiteefoo maal jechuudha?
Dorgomtoonni eenyu?
Filannoon pirezidantii kanaan namni bulchiinsa beekamtii idil-addunyaa argachuuf waggootaaf qabsaa’aa jirtu kana waggoota shanan dhufuuf bulchu ni beekama.
Akka Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa Somaalilaand jedhetti taanaan filannoo kanaaf namoonni miiliyoona tokko ol galmaa’aniiru.
Nama pirezidantii ta’e isaan bulchu akkasumas paartiis filatu.
Pirezidantii ta’uf namoota sadiitu dorgomaa jira. Sadanuu filannoo 2017’n kanneen dorgomanidha.
Pirezidantiin biyyattii Musee Bihii Abdii paartii Kulmiyyeerraa marsaa lammataaf biyyattii bulchuuf ni dorgomu.
Silaa filannoon kuni bara 2022 taasifamuu qaba. Ta'us, yeroos Boordiin Filannoo Somaalilaand dhimma ‘’maallaqaafi teknikaan’’ filannoo dheeresse.
Aangoon pirezidantiifi miseensota paarlaamaas waggoota lamaaf dheerate. Kunis paartilee waliin muddama uumee ture.
Inumaa paartileen pirezidantii ta’uf dorgomaa jiran Musee Bihiitiin si’achi akka pirezidantiitti hin ilaallu jedhaniis turan. Booda mariin furame.
Akkaataa heera Somaalilaandiin pirezidantiin tokko marsaa lamaaf aangoorra turuu danda’a.
Morkataan isaanii ijoo Abdirraahimaan Mohaammad Abdillaahi jedhamu. Maqaa masoo ‘’Irro’’ jedhamuunis beekamu.
Paartiin isaanii Wadaanii jedhama. Filannoo bara 2017 dorgomee mo'ameera.
Morkataan sadaffaa paartii 'Justice and Development' jedhamurraa Fayisal Alii Waraabeetu dorgoma.
Obbo Fayisal waggoota dheeraaf hogganaa paartiichaati. Filannoo pirezidantii sadiirratti hirmaatanii hin injifanne.
Ajandaan isaaniiwoo?
Dhimmi ulaa galaanaa Itoophiyaan Somaalilaand waliin mallatteessitee ‘’ajandaa ijoo filannichaati’’ jedhu xiinxalaan BBC’n dubbise.
Daarektara Akkaadaamii Nagaafi Misoomaa buufata isaa Hargeessaa godhate kan ta’an Mohaammad Faarah Hersii, waggoota 25 darbaniif filannoon dimookiraatawaa Somaalilaand keessa gaggeeffamuu ibsu.
Haa ta’u malee, hawaasi idil-addunyaa ‘’waan Somaalilaand keessa jiru osoo hin taane waan Somaaliyaa keessa jiruuf xiyyeeffannoo kenna’’ jechuun komatu.
Ummannis filannoo naga-qabeessa gaggeessuun hawaasa baha Afrikaa sababa bu'aa filannoon walitti bu'u keessatti dimookiraasiin qaroomuu isaanii mul’isuu fedhu.
Sababa kanaaf dhimmi ijoo biraa, akkuma filannoo bara kaan turanii, waa’ee beekamtii idil-addunyaa argachuurratti kan xiyyeeffatedha.
Somaalilaand waggoota 33 dura ani biyya jechuun labsituus biyyis ta’e dhaabbati idil-addunyaa beekamtii idil-addunyaa kenneef hin jiru.
Ta’us, akka biyya of dandesseetti of ilaalti. Maallaqa, waraana, paasportiifi kaan kan ofii qabdi.
Dhaabbilee siyaasaafi dimookiraasii ofiis ijaarratteetti. Filannoo naga-qabeessa gaggeessuun karaa nagaan aangoo walirraa dabarsitis.
Sababa kanaaf dhimmi ijoofi hordoftoonni isaaniis dhagahuu fedhan nama siyaasaa beekamtii idil-addunyaa isaan argamsiisu filachuudha.
Ummanni Somaalilaandis eenyus injifatu fedhiin isaanii ijoo beekamtii idil-addunyaa argachuudha.
Ajandaan isaanii biroo dimookiraasii fi dinagdee cimsuu fa’i akka ta’an yeroo duula filannoo isaanii ibsaniiru.
Loltuun duraanii, Musee Bihii, waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin mallatteessan hojiirra oolchuun waan dura aantummaan dalagan akka ta'e dubbatan.
Somaalilaand beekamtii idil-addunyaa akka argattu gochuufis waadaa seenaniiru.
Morkataa ijoo
Morkataan ijoo Pirezidant Musee Bihii bakka bu'aa paartii Waadaanii Obbo Abdirraahimaan Mohaammadidha.
Kana dura waggoota 11'f af-yaa’ii mana maree biyyattii ta’un kan tajaajilan Obbo Abdirraahimaan bulchiinsi isaanii beekamtii idil-addunyaa akka argattu akka hojjetan waadaa seenaniiru.
Qondaalli kuni mariin kana dura Somaalilaand 'biyya walabaa' ta’u ishee ilaalchisee mootummaa Somaaliyaa waliin taasiste irra deebiin ilaaluu barbaadu.
Somaaliyaa waliin taa’anii mari’achuun akka barbaachisuufi yoo filamanis kana akka godhan waadaa seenan.
Qondaalli kuni kana dura dippiloomaatii Somaaliyaa ta’un tajaajilaniiru. Eegasii Somaalilaanditti deebi'un Paartii Waadaanii hundeessan.
Waa’ee waliigaltee ulaa galaanaa ilaalchisee yeroo gaafatamanitti Somaalilaand biyya kamuu waliin waligaltee waloo raawwachuuf mirga akka qabdu dubbatani.
Bakka bu’aa Paartii 'Justice & Development' kan ta’an Faayisal Aliin mootummaa tokkummaa biyyaalessaa ijaaruun beekamtii idil-addunyaa argachuuf akka dalagan waadaa seenan.
‘’Waggoota torban darban aangoorra kan turan Pirezidant Bihiifi paartiin isaanii ammas aangootti yoo deebi’an filattoota Somaalilaandiif filmaata gaarii hin ta’u.
‘’Yoon filatame daandii badhaadhinaa haaraan beekamtii akka argattu nan hojjedha,’’ jedhan.
Itoophiyaaf maal jechuudha?
Waliigalteen ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaand gidduu mallattaa’e duubatti harkifateera.
Kunis, sababa naannichatti ‘’muddamni’’ dhalateefi jedhaniiru Pirezidant Musee Bihiin BBC’tti yoo dubbatan.
Akkuma waadaa seenan waliigalteen kuni akka hojirra oolu hojjechuuf immoo filannoo kana injifachuu qabu.
Qeeqxonni Pirezidant Musee Bihiitiin gosa qoodaniiru, walitti bu’iinsaa fi qaala’insa jireenyaa hammeessan isaan jedhu.
Ta’us, Musee Bihiifi morkataa isaanii ijoo gidduu garaagarteen jiru hammana miti jedhu xinxalaa siyaasaa Guled Ahimad Jamaa jedhaman.
‘’Paartilee lamaan gidduu gama ilaalchaan garaagarteen guddaa hin jiru. Garaagarummaan nameenya dorgomtootaa gidduu jira.
‘’As Somaalilaanditti wanti guddaan isadha,’’ jedhan yeroo AFP’tti dubbatan.
Wanti tokko ifa. Dorgomtoonni pirezidantii sadeenuu waliigaltee Somaalilaand Itoophiyaa waliin mallatteessite hin morman.
Ta’us, Mohaammad Faarah yaada kanarraa xiqqoo adda ta’e qabu.
‘’Waliigaltee hin mormine [morkattoonni sadanuu]. Ta’us Waadaaniin hojiirra oolmaa waliigaltichaarratti ilaalcha adda ta’e qabu,‘‘ jechuun ibsu.
Somaaliyaan Somaalilaandiif beekamtii kennuu hin feetu, Somaalilaandis qaama Somaaliyaa ta’u hin feetu.
Paartiin Waadaaniin sagantaa siyaasaa isaanii keessatti Somaaliyaa waliin dhimma walabummaa haasa’uf yaada akka qaban ibsaniiru.
Mariin akkanaa waggootaaf irra deddeebiin taasifamus ija godhatuu hin dandeenye.
‘‘Ajandaa lama erga takkaa raawwachuu hin danda‘an. Gara Itoophiyaa yookiin gara Somaaliyaa goruu qabu,’’ jechuun ibsu xiinxalaa kan ta’an Mohaammad Faarah.
Inni ijoo biroo filannoon baranaa kan kana duraarraa adda ta’u himu.
‘’Itoophiyaa waliin waliigalteen ulaa galaanaa mallattaa’ee fi qaamoleen naannichaa waliigaltee kanaan gammachuu hin qabne nageenya biyyaalessaa Somaalilaand irratti yaaddoo uumaniiru.
‘’Yaaddoon tokko finxaaleessitoota al-Shabaabidha,’’ jechuun ibsu. Sababa kanaaf waan ta'uf deemu ''bu’aa filannootu murteessa’’ jechuun dubbatu.