Utaalloon 'cimaa' tibbana Itoophiyaa bakka garagaraatti mul'achaa jiru maali?

Utaalloo hamaan Itoophiyaatti hammaate

Madda suuraa, Getty Images

Torbeewwan muraasaa as utaalloon 'cimaan' kutaalee biyyattii garagaraatti mul'ateera.

Hoo'a qaamaa olaanaa, qufaa, bowwoo mataa, dadhabbii, qaama caccabsuu akkasumas axxiffachiisuun mallattoolee namoota dhukkubichaan qabaman baay'eerratti mul'atanidha.

Namoonni heddu mallattooleen dhukkubichaa cimaa ta'uusaa eeruun dhibee Koovid-19 ta'uu akka danda'u yaada kennaa jiru.

Haata'u malee, Hospitaala Kompireensivii Ispeeshaalaayizdii Asallaatti Hakiima waliigalaafi Yunivarsiitti Arsiitti barsiisaa kan ta'an Dr. Abarraa Girmaa, mallattooleen utaalloo kanaa kan dhibee Koovid-19 waliin wal yaa fakkaatan malee Koovid-19 miti jedhu.

Vaayirasoonni dhukkuba utaalloo fidan garagaraa 200 ta'an jiraachuu kan himan ogeessi kun, utaalloon kun gosa vaayirasii 'Rhinovirus' jedhamuun kan dhufe akka ta'e dubbatu.

"Inni kun 'Rhinovirus' kan jedhamuun kan dhufe fakkaata. Sababnisaas utaalloon vaayirasii kanaan dhufu waqtii birraan kan walqabatedha" jedhan.

Utaalloon kun tamsa'uu kan eegale barattoonni gara mana barumsaatti erga deebi'anii booda ta'uu kan himan ogeessichi, "waqtii birraa roobni yemmoo caamufi ijoolleen mana barumsaatti yemmuu deebitu wanti kun salphumatti tamsa'a. Waqtii birraa sochiin namaas ni dabala" jedhan.

Gosti vaayirasii 'Rhinovirus' jedhamu yeroo baay'ee utaalloo waqtiileedhaan walqabatu kan fidu akka ta'es ogeessichi dabaluun himaniiru.

Utaalloon kun hagam yaaddessaadha?

Utaalloon kun hanga guyyoota torbaa namarra turuu akka danda'u kan himan Dr. Abarraa Girmaa, "utaalloo kanaan dura barrerraa adda kan ta'e miti" jedhu.

Haata'u malee, utaalloon kun namoota dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu qaamasaanii dadhabaa ta'efi daa'imman dhukkuba biraaf (superimposed) saaxiluu akka danda'u kaasu.

Akka fakkeenyaattis utaalloon kun namoota kunneen dhukkuba akka daranyoo sombaaf (pneumonia) saaxiluu akka danda'u himan.

Haata'u malee, carraan bifa kanaan dhukkuba biraaf saaxilamuu baay'ee xiqqaafi namoota muraasa mudachuu kan danda'u akka ta'e himaniiru. Kanaafis yaala argachuun barbaachisaa ta'uu dubbatan.

Gama biraatiin namoonni dhukkuba akka sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa qaban ofeeggannoo gochuu akka qaban kan himan ogeessichi, "mallattoolee utaalloo kanaa yoo qabaatan boqonnaa fudhachuufi gara mana yaalaa deemanii ilaalamuu qabu" jedhan.

Dhukkubicharraa bayyanachuuf…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni utaalloo kanaan qabaman miirawwan dhukkubbii sababa utaalloo kanaan dhufanirraa bayyanachuuf maloota garagaraa fayyadamuu akka danda'an Dr. Abarraan himu.

Haata'u malee, dursa namoonni dhukkubichaan qabaman dhukkubichi gara namoota birootti akka hin daddabarreef ofeeggaannoo gochuu qabu jedhu.

"Yoo danda'ame naannoo manaa turuu qabu. Sababnisaas dhukkubni kun isaanirra darbee nama biraatti tamsa'uu danda'a.

Erga manatti hafaniimmoo bishaan haalaan dhuguufi boqonnaa gahaa ta'e fudhachuu qabu" jedhan.

Dhangala'aa akka bishaanii haalaan fudhachuun dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa akka jabeessus eeran. Kana malees haalaan soorachuunis barbaachisaa ta'uu dubbatan.

Gama biraatiin mallattoolee dhukkubichaa akka qaama caccabsuu, hoo'I qaamaa dabaluu fi bowwoo mataaf immoo qorichoota sasalphaa akka 'paracetamol' fudhachuun akka danda'amus himu.

"Kanarraa kan hafe qorichi biraan barbaachisu hinjiru. Ajaja ogeessa fayyaan ala qoricha biraa fudhachuu hinqaban" jechuunis himan.

Dhukkubichi guyyoota torbaa ol yoo namarra tures gara mana yaalaa deemuun yaalafi gorsa ogeeyyii fayyaa fudhachuun barbaachisaa akka ta'es himaniiru.

Gama biraatiin tamsa'ina utaalloo kanaa ittisuuf kunneen dhukkubichaan qabaman malee dhukkubichaan hinqabamnes ofeeggannoo gochuu akka qaban Dr. Abarraa Girmaa himaniiru.