Waa'ee weerara vaayirasii haaraa Taanzaaniyaan mirkaneessite maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidaantiin Taanzaaniyaa weerarri vaayirasii 'Maarbarg', vaayirasii Iboolaa fakkaatu mudachuu beeksiisan.
Kunis erga ministirri fayyaa biyyattii namoonni vaayirasichaan qabaman akka hin jirre haaltee torban tokko boodadha.
Prezidaant Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhu Hassan, ibsa gaazexeessitootaaf Wiixata darbe kennaniin akka jedhanitti, aanga'oonni fayyaa naannoo kaaba lixa Kaageraa keessatti nama tokko 'Marburg'n qabamuusaa mirkaneessaniiru.
"Qormaata kana ammas akka to'annu amantaa qabna," jedhan Saamiyaan, weerara koovidi kan waggoota lama dura Taanzaaniyaa keessatti mul'ate eeruudhaan.
Amajjii 14 Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) weerarri vaayirasii 'Maarbarg' jedhamuun shakkame biyyattii keessatti guyyoota shan keessatti naannawa Kaageraatti namoonni sagal vaayirasichaan qabamanuufi saddeeti kan biraa guyyaa shan keessatti du'u galmeessee jira.
Haata'u malee Ministirri Fayyaa Taanzaaniyaa, Jeenistaa Mhaagaamaa ibsa kennaniin, saamuda namoonni vaayirasichaan shakkaman irraa fudhamee xiinxalameen hundi Marburg irratti negaatiivii ta'eera.
Ibsa guyyaa Wiixataa kan dhabbatta WHO fi Pirezidanti Saamiyaan waloon kennan irratti, mootummaan isaanii yaalii taasisu cimsuufi gareen deebii atattamaa dhimmoota shakkamoo irratti hordofii akka taasisaniif bobbaafamu himaniiru.
Marburg baay'ee kan daddarbu yoo ta'u, mallattoon isaas ho'a qaamaa, dhukkubbii maashaalee, garaa kaasaa, haqisiisaa fi yeroo tokko tokko ammoo dhiiga garmalee dhabuun du'a dabalatee.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Dhabbata Fayyaa Addunyaatti, giddu galeelaan namoota vaayirasichi qabe keessaa walakkaansaanii ni du'u.
Biyyattiin akka jettutti, nama tokko vaayirasichaan qabamuunsaa mirkanaa'e waliin, aanga'oonni namoota biroo 24 kanneen Marburg qabaachuun shakkaman irraa saamuda fudhateera. Isaan kun hundi qorannoon isaanii negaatiivii ta'eera.
Gama biraatiin ammoo, sababni du'a namoota saddeet kanneen WHOn gabaase hanga ammaatti hin ibsamne.
Taanzaaniyaan weerarri Marburg yeroo jalqabaaf Bitooteessa bara 2023 keessa ture kan kutaa Bukobaatti mudatte. Yeroo sanattis namoota jaha kan ajjeese yoo ta'u, gara ji'a lamaatiif ture.
Daareektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa addunyaa Dr Teediroo Adihaanoom balaan weerara amma Taanzaaniyaatti mute kun addunyaaf qabu ''gadaanaadha'' jedhan.
''Wllaansi ykn talaalliin mirkannaa'e jiraachu baatulleen, eerarri atattaaan dhaabbuun ni danda'ama'' jedhan. ''
"WHOn uggurri akka hin kaa'amneef gorsa. Yeroon walta'iinsaa amma."
Kamisa darbe ammoo ejensiin fayyaa hawaasaa Gamtaa Afrikaa Afrikaa (CDC)n namoota 300 ol kanneen walitti dhufeenya qaban qorannoo dabalataaf adda baafamuu ibseera.
Isaan keessaa hojjettoonni fayyaa 56 yoo ta'an, tarree kana keessaa 16 isaanii ammoo namoota Marburg qabaachuun shakkaman waliin kallattiin kan wal qunnamtii qaban ta'u beeksise.
Dambii Fayyaa Idil-addunyaa (IHR) bara 2005 bahe, biyyoonni taateewwan fayyaa hawaasaa fi balaawwan tasaa daangaa qaxxaamuruu danda'an akka gabaasan dirqisiisa.
Kagera giddugala geejjibaa yoo taatu, namoonni hedduun gara Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Yugaandaa, Burundii fi Ruwaandaatti imalanii fi deebi'an karaa sana darbu.
Ji'a Muddee keessa biyyi ollaa Ruwaandaan weerarri vaayirasii namoota 66 qabuun 15 ajjeese akka dhaabbachuu labsiteetti.
Vaayirasiin Marburg kun simbira halkanii irraa gara namaatti kan darbu yoo ta'u, sana booda karaa dhangala'aa qaamaatiin namoota dhukkubsatan irra nama kaaniitti daraba.
Yaaliin taasifamaa jiraatuulleen, wallaansi ykn talaaliin addaa vaayirasii kanaaf taasifamu hin jiru.
saamuda xiinxalamee ture, namoonni vaayirasichaan shakkaman hundi Marburg irratti negaatiivii ta'uun isaanii argameera.












