Abuuna Maatiyas rakkooleen marii nagaan furmanii biyyi boqonnaa akka argattu gaafatan

Abuune Maatiyaas

Madda suuraa, EOTC Broadcasting Service

Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas dhimmoonni irratti waliigalan barbaadamanii "rakkooleen karaa nagaatiin akka mariin furaman gochuun biyyi boqonnaa akka argattu akka godhamuuf gaafatan.

"Sababoota gara garaatiin" qaamoleen Sinoodosii keessaa bahan akka deebii'an gochuun "ergama angafaa" Kora Sinoodosii Bataskaanattii ta'uusaas Paatiriyaarkichi beeksisaniiru.

Paatiriyaarkiin Bataskaanattii waamicha kana kan dabarsan kora waggaa Sinoodosii Caamsaa 14, 2025 jalqabamerratti haasaa taasisaniinidha.

Korri kun raawwiiwwan "hojii hafuuraa, hawwasummaa, dingdeefi bulchiinsa bataskaanittii gamaggamudhaan hojii gara fuula duraatiif kallattii kan kaa'u ta'uu Paatiriyaarkichi haasaa baniinsaa isaaniirratti ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa kutaaee addunyaa hundarratti akka argamtu dubbiin Abuune Maatiyaas miidiyaa hawaasaarrati qoodame ni mul'isa.

"Teessoon Sinoodosichaa bakka itti argamu dachee Itoophiyaarratti yeroo kamirrayyu caalaa hojii fooyyee qabu hojjechuun Waaqayyoof ajajamuun ummaticha tajaajiluun nurra jira," jechuun miseensota Sinoodosicha ayaadachiisaniiru.

Abuuna Maatiyaas haasaa isaanii kanaan, "sababa gar garaatiin" qaamoleen Sinoodosicha keessaa bahan jiraachuu eeraniiru.

"Akkuma hundi keenya hubannu qaamoleen baayyeen Sinoodosii keenya keessatti hin hammatamiin biyya keessa ni jiru; qaamoleen kunneen tokko tokko sababoota garagaraatiin kan nurraa bahanidha," jedhan.

Paatiriyaarkichi Sinoodosicharraa bahaniiru qaamolee jedhan adda baasanii eeruu baatanis abootiin Bataskaana Ortodoksii Tigiraayitti argaman Mana Lubummaa ofiisaanii akka hundeeffatan ni beekama.

Abbootin amantaa Mana-lubummaa "Bataskaana Ortodoksii Tigraay teessoo Abuune Salaamaa" jedhamu kan hundeessan waraana Tigraay hordofee garaagarummaa uumameenidha.

Waliigalteen Piritooriyaa Waraanichi akka dhaabbatu godhe mallattaa'uun booda Abuuna Maatiyaas gara Tigiraay deemanii kan turan ta'us abbotii Tigraay jiran waliin araara buusuuf yaaliin taasifame hin milkoofne.

Abuuna Maatiyaas haasaa isaanii har'aatiin warra Sinoodosii keessaa adda bahan deebisuun "ergama angafa" kirichaa akka ta'e dubbataniiru.

"Kanneen deeman akka gara manasaaniitti deebiyan, warri kaanis akka karraatti deebiyanii makaman cimee hojjechuun hojii kora kana aisa angafaati; sababiin isaa ammoo ayyaanaafi ergama ta'uu kan fudhanneef kana gochuufidha," jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abuna Maatiyaas haasaa baniinsa isaanitiin, dhimmoota haala waqtawaa biyyattii ilaalatan kaasaniiru.

Tajaajilli abbootiin amantaa gumaachan ''karaa afuuraatiin qofaa osoo hin taane karaa damee diinagdee fi hawaasummaatiinis'' akka dabalatu ibsaniiru.

Ummannii ''tajaajila hawaasaa fooyya'aa akka argatu, gama diinagdeetiinis iyyummaa keessaa akka bahuuf, akkasumas nageenyiifi tokkummaansaa akka eegamuuf'' hojjachuu akka qaban dubbatan.

Abbootiin amantaa itti gaafatamummaa kana ''barsiisuudhaanis ta'e qabatamaan keessatti hirmaachuudhaan dureewwan ummataafi fakeenya'' ta'anii raawwachu akka qaban kaasaniiru.

Abuna Maatiyaas itti dabudhaan, ''keessatti dhabiinsa nageenyaatiin kan ka'e ummanni keenya miidhamaa jiruu nagaafi haqa akka argatuuf kadhannaa fi barumsaan, gorsaanis cimsnee hojjachuu qabna'' jedhan.

''Ummanni Itoophiyaa dararaa irraa kan itti bilisa ta'e yeroo baayyee akka hin taane'' kan yaadatan Abuna Maatiiyaas, ummanni biyyattii ''kan rakkoof saaxilamaa jiru harki ormaa nurraa adda bahu baatulleen yeroo baayyee harkuma ijoollee isaatiin'' jechuun ibsaniiru.

''Yoo ati harka ijoolleesheetiin dararamtu arguun baayyee gaddisiisaadha'' jedhan itti dabaluun.

Haala akkasii ''sirriitti itti hin yaadamne kana gadi fageenyaa fi qalbii diddirannaan sirreessuun injifannoo malee mo'amu'' akka hin agarsiifne kan kaasan Paatiriyaarikichi, ''akka itti yaadamu gorsina'' jedhan.

Abuna Maatiyaas qaamooleen ''haala kanaatiin 'Itoophiyaan gara misoomaafi guddina fooyya'aatti ceesifna' jettanii dadhabaa jirtan maaloo beetteetti deebii'aatii kan haati keessan ittiin dararamte ilaaluun ni gaha jedhaa'' jechuun waamicha dhiyeessan.

''Dhimma hunda irratti waliigalchu barbaadaatii karaa marii nagaatiin furaa, haati biyyaa karaa kanaatiin boqonnaa akka argatu taasisaa'' jechuun filmaata nagaatiin waamicha dhiyeessan.

Filmaata kana hordofuu, ''akka beenyaa haadha qaaliif taasifamuutti ilaalaa'' kan jedhan Abuna Maatiiyaas, ''waamichiifi ergaa yeroo bataskaanittii'' kana ta'u beeksiisaniiru.