Umurii atileetota biratti falmisiisaa ta'e akkamiin karaa saayinsiin adda baasu?

Nama tokko fuula keessa ilaalanii umuriin kee meeqa jechuu dandeenya. Tilmaamuus dandeenya ta'a.

Karaa saayinsawaan garuu malli itti baramuu danda'u akka jiru beektuu?

Kanaaf kan ka'umsa kan nuuf ta'e qorannoo Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa atileetotarratti taasisedha.

Waggoota dheeraaf atileetonniifi taphattoonni kubbaa miilaa Itoophiyaa umrii isaanii gad cabsu jedhamanii qeeqamu.

Qorannoon kunis kanuma saaxile.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Abukutaa biyya Naayijeeriyaatti adeemsifamuuf federeeshinichi atileetota 76 qorachiise.

Dorgommiin kuni umurii 18 gadiifi umrii 20 gadi taasifama.

Haata'u malee, umuriin atileetota sirrii ta'e atileetota 22 qofa ta'u Itti gaafatamaan waajjiraa federeeshinichaa Obbo Yohaannis Ingidaa BBC'tti himaniiru.

'Waan hamaadha'

Umurii waliin dhahuun biyya keenyatti ''waan baay'ee hammaate'' jedhu Dr Ayyaaloo Xilaahuun. Isaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatti ogeessa fayyaa olaanaadha.

Inumaa atileetota 76 keessaa 22 yoo darban 'nan aare' jechuun BBC'tti himan, rakkoo wal xaxaa waggootaaf isaan rakkise eeruun.

Atileetonni Itoophiyaa 19 dhimma umuriifi kaaniin walqabatee dhimmi isaanii seeraan ilaalamaa akka jirus himan.

Miidhaan kunis ''dopping irraa hin xiqqaatu'' jedhu qoricha si'eessu atileetonni fudhataniifi ittiin himataman eeruun.

Atileetota karaa ammayyaan umurii isaanii qorachiisuun kana dura ture, hin fullaane malee.

'Ijumaan agarree umrii beekna'

Dr Ayyaaloo fa'i leenjii fudhataniin ''ijumaan arganii'' umurii atileetota tilmaamu ture. Kanas, ALI bara 1985 eegalee hojjechaa turan.

''Anikkoo nama medikaalaati, baradheera. Osoo MRI hin dhufiin dura qorannoo anatu taasisa [ijumaan argee],'' jedhan.

''Nuyi qama qorachuufi umrii kan ilaallu. Guddinni ilkaanii, guddinni rifeensaa, guddinni buusaa ni ilaalama, ..isa ilaalleetii umuriin nama kanaa akkana jennee kan tilmaamnu.

''Nuyi qorannoo 'physical test' kan goonu. Gurbaan ni dhufa. Kilinika seena. Uffata baasa. Fuula ilaalla, ilkaan ilaalla, rifeensa fuulaa ilaalla, rifeensa laphee, rifeensa harka jalaa ilaalla.

''Rifeensa qaama saalaa ilaalla, guddina qaama saalaa ilaalla, hakiimonni gadameessaa jiru guddinni gadameessaa ni qoratama,'' jedhan.

Eegasii booda umriin nama kanaa hammana jedhama ykn asii hammasii tilmaamama jedhu.

Tooftaa haaraa dhufe

Inni ammayyaa garuu maagneetiv weev erguun buusaan isaa wal qunnameeramoo hin qunnamne jedhee gad fageenyaan qorata jedhan.

Morma jala, gateettii, ciqilee, barruu harkaa akkasumas jilbas ilaala.

Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa bakki qorannooo MRI taasifamu danuu ta'us, federeechinichi Hopsitaala Poolisii Federaalaa akka fayyadaman ibsu.

Dur tekinolojii osoo hin taane nama qorannoo tekinolojii taasifame sirriitti ibsu rakkanna ture jedhu. Amma garuu Poolisii Federaalaatti furmaata argatuu himu.

Fakkeenyaaf achitti namni tokko umrii isaa yeroo qoratamuu deemu seenaa galmeessu, yoom dhalatte, ragaan kee maali jedhu.

Achii ''Guddina lafee ilaalu, guddina buusaa ilaalu, guddina ilkaanii ilaalu, koorniyaallee ilaalu,'' jedhan.

Akkaatuma kanaan haala ammayyaa ta'en qorannoon umrii akka taasifamu dubbatu. Ta'us atileetonni komii qaban dhaqanii iyyachuu danda'u.

Maaliif didu?

''Bara Hayileefi Daraartuu nuyi jajjaboodha guddattoota hin fiignu kan jedhutu baay'ata ture,'' jechuun amma garuu ''dhaloota faallaatu'' dhufe jedhu.

''Maaliifi? Carraa dorgommii alaa argachuufi. Dorgommiiwwan umuriin kan daanga'anidha. Dorgommiiwwan gurguddoo maanaajaraan yoo ta'e malee akka garaa hin argamu.

''Sababni isaas humna jabaa barbaada. Kanaaf asiin qaxxaamuranii adeemuu barbaadu. Irrattimmoo yoo umurii malee dhufe ni injifata.

''Atileetiin wagga 32 atileetii wagga 16 jedheeti kan dhufu. Dhugaan sitti himaa jira. ..Animmoo baay'ee isaanii waanan beekuf yeroon isaan argu nan rifadha.

''Badii kana kan dalagan immoo leenjistootadha. Badhaasni lafaafi miindaa argachuuf jecha gareen koo cimaadha jechuuf dorgommii barbaadu.

''Homaa biyyaaf waan hin fayyadne. … Siviilonni nuyi qondaala poolisiiti jedhanii fa'i dhufu. Biyya keenyatti poolisiinis ta'e raayyaan ittisaa umrii 18 ol qacara.

''Achiitii umurii 16dha jedhee kan dhufutu jira. Waggaa jaha torba tajaajilee umuriin kiyya 18 jedha.''

Dr Ayyaaloon namoonni kana raawwatan maal argachuufi isa jedhus qorachiisaniiru. Ta'us, faayidaama xixiqqoo malee waan guddaa miti jedhu.

Qondaalonni dhimma kana hordofan walgahii gubbaa waan akkanaa balaaleeffatu, garuu hojiirra hin oolchan jedhaniis qeequ.

Wantoonni kun immoo ol adeemonni carraa akka hin arganne dhorka. ''Bakka hunda dhaqi jaarsatu dhufa,'' jedhu.

''Waan nama dhibu nama qaamaan beekutu si arrabsa. Waa'eekoo maaltu si dhibe siin jedha.

''Sibeeka mitimoo? Biyya alaayyuu dorgomtee dhufte mitimoo yoo jette maaltu si dhibe jedha.''

Si'achi shaampiyoonaa guddatoofi dargaggoo irratti naannoleen atileetota isaanii qorannoo umurii gochisiisanii akka argaman federeeshinichi murteessuu BBC'tti himaniiru.