Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waggaan afurtammaffaa Pireezidantii Kaameruun itti aangoo qabatan kabajame
Maanguddoo ganna 89 ammallee aangoo pireezidantummaa Kaameruun harkaa qaban Pool Biyyaa waggaa 40 aangootti koran kabajuuf guutuu biyattiitti sagantaan qophaaye.
Magaalaa guddoo biyyattii Yaawundeetti uummatni adda babayii guddichatti bahee gammachuu ibsachaa oole.
Biyyaan duree Afrikaa baroota hedduu aangoorra turan ta'uun sadarkaa lammataarra jiru.
Seenaa Afrikaa keessatti pireezidantii Ikuwaatoriyaa Giiniitu Teodoro Obiang Nguema Mbasogo bara dheeraaf aangoo olaana biyyaarra turuun Afrikaa keessaa sadarkaa jalqabaarra jira. Bara 1979'tti aangoo pireezidantummaa qabatan.
Deeggartootni pireezidantichaa dhaadannoo ''pireezidantii addaa jedhu'' qabatanii yaadanno kanaaf bahan. Pireezidantichi garuu sirna kanarratti hin argamne.
MHogganaan mormituu isaanii Maurice Kamto Kaaameruun bulchiinsa Pool Biyyaa jalatti kan malaammaltummaan itti baayyate, mirgi namoomaa kan itti sarbamee fi bulchiinsa badaa agartee jedhu.
Keessumaa bara 2017'tti finxaaleyyiin bulchiinsa Kameruun afaan Ingilizii dubbatan keesatti qabsoo eegalanii cunqursaan cimeera jedhu.