'Ammallee reeffa funaanaa jirra' - jiraattota Aanaa Hawwaa Galaan haleellaa irraa hafan

Haleellaa Lixa Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa galaan keessatti raawwatameen daa'immanifi dubartoota dabalatee namoonni hedduun ajjeefamuu kanneen ijaan argine jedhan BBC'tti himan.

Ajjeechaan Wiixata barii sa'aatii 12 irratti eegalee, saa'atii sadiif walitti fufiinsaan raawwate, Aanaa Hawwaa Galaan gandoota dhalattoonni Amaaraa waggoota dheeraaf qubatanii keessa jiraachaa turanitti akka ta'e jiraattonni himaniiru.

"Ammallee reeffa funaanaa jirra. Manneen 50 hanga 70 ta'an gubataniiru. Namoonni 40 ta'an madaa'anii gara kiliniikaa geeffamaniiru. Dargaggootni 25 ammo gara bosonaa geeffamanii ajjeefamaniiru, amma yoonaa reeffa isaanii hin argine," jedha jiraataan iddicharraa Wiixata galgala BBCtti dubbate.

Lakkoofsi namoota ajjeefamanii 150 gahuu akka danda'u jiraattonni lama BBC'n dubbise himaniiru.

MM Abiy Ahimad ergaa marsaalee hawaasaa isaanii irratti barreessaniin hidhattoonni lammiilee nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu himan.

"Gareen Shanee dullaa qaamolee nageenyaa jalaa baqate... lammiilee irratti miidhaa geessisaa baqachaa jira" jedhan.

"Lammiilee... irratti dhumaatiin raawwatameera" jechuun lakkoofsi namoota ajjeefamanii olaanaa ta'uu akka hin oolle akeekan.

Ajjeechaan kun Aanaa Hawwaa Galaan gandoota dhalattoonni Amaaraa waggoota dura qubatanii keessa jiraachaa turanitti akka raawwate jiraattonni himaniiru.

"Gidiraa lammiilee keenyarra gaheen gaddaa, garee shororkeessaa kana uummata keenya waliin hamma dhumaatti hordofnee ni dhabamsiifna" jedhan MM Abiy.

BBCn aanga'oota godina Qeellam Wallagga akkasumas kan naannoo Oromiyaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne.

Haata'u malee Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa haleellaan haaraan raawwatamuu quba qabaachuufi dhimmicha qulqulleessaa akka jiru himeera.

"Namoota baqachaa jiran irraa haleellaan raawwatamuu dhageenyee jirra, miidhaa dhaqqabee fi odeeffannoo dabalataa hin arganne," jechuun battala ajjeechaa raawwatamuun dhagaahametti komiishinarri komiishinichaa Dr Daani'eel Baqqalaa BBC'tti himaniiru.

Naannoo haleellan kun itti gaggeeffametti bara 1977 A.L.I tti beela biyyattii mudateen namoonni sabaan Amaara ta’an lakkoosi isaanii muraasa ta’e achi qubsiifamanii turan.

Namoonni ijaan arguu himan maal jedhu?

Namoonni ijaan argan BBCn dubbise akka jedhanitti haleellan kun kan raawwate Wiixata ganama sa’aatii 11:30 irraa kaasee lafa sabni Amaaraa itti heddummatu Mandara 20 jedhamutti raawwachuu eegale.

Jiraataa Mandara 10 kan ta’an namni tokko, mandara 20 ajjeechaan itti raawwate erga gahanii booda waan argan gaafa himan, “waantin ija kootin arge gaddisiisadha. Daa’imman ji’a lamaa fi sadii, ijoolle fi haati gara jabummaan ajjeefamaniiru,” jedhu.

Akka namni ijaan arge kun himutti namonni 150 hanga 160 akka du’an BBC tti himeera.

Mandaricha keessatti kan ajjeefame daa’imman, dubartoota fi jaarroliidha.

Dargaggoota ammoo humnaan fuudhanii gara bosonaa geessan jedhama. Garuu hanga ammaatti hin deebine,” jedhuun dubbatu.

Haleellicha kan raawwate Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)- mootummaan kan “Shanee” ittiin jedhu akka ta’e dubbatu namoonni naannichaa ijaan argine jedhan.

“Humni addaa kan seene erga haleellichi raawwateen booda,” jedhu.

Akka namoonni kun jedhanitti hidhatoonni muraasni milishoota achi turan wajjin dhukaasa yeroo walitti banan, warri kaan ammoo mana namaarra deemanii nama ajjeesaa turan.

Namoonni BBCn dubbise akka jedhanitti humni addaa naannoo Oromiyaa sa’aatii 4:00 tti iddoo buufata isaa Machaaraa irraa yoo dhufu humni waraana federaalaa ammoo sa’aatii 8:00 tti achi qaqqabe.

Naannicha hidhattoonni socho’aa akka turanii fi isaan sodaachisaa akka turan, kana irraa kan ka’e nageenya isaanif sodaa qabu akka turan jirattonni kun BBC tti himaniiru.

Namoonni haleellicha irraa hafan heddu gara iddoo birootti akka baqatan dubbatu namoonni kun.

MM Abiy Ahimad haleellaa kana raawwate jechuun kan himatan Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) aanga'oonni mootummaa 'Shanee' ittiin jedhan ajjeecha kana humnootuma mootummaatu raawwate jedhe.

Dubbi himaan idil-addunyaa WBO Odaa Tarbii bakka ajjeechaa kun raawwate humni raayyaa ittisa biyyaa akka tureefi wayita milishoonni mootummaa uummata jumlaan ajjeesan tarkaanfii homaa hin fudhanne jechuun tiwiitarii irratti barreessan.

Qorannoon walabaa akka godhamus irra deebiin waamicha dhiyeessee jira.

Torban lama dura haleellaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii ganda Toleetti raawwatameen namoonni 338 ajjeefamuu mootummaan Itoophiyaa himeera.

Ajjeechaa dhalattoota saba Amaaraa irratti raawwatame kanaan lakkoofsi namoota du'anii kan mootummaan ibseen ol ta'uu jiraattonni ni himu.

Jiraattonniifi mootummaan haleellaa kana Waraana Bilisummaa Oromootu raawwate jechuun himatu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin haleellaa kana humnoota mootummaa 'Gaachana Sirnaa' jedhamantu raawwate jechuun, qorannoon walabaa akka godhamu gaafatee ture.

Ajjeechaa kana hordofee hidhattoota irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu eegaluu kan ibse mootummaan godiinota akka Qeellam Wallagaa, Wallagga Lixaa fi Horroo Guduruu guutummaatti to’adheera jedhee erga beeksisee guyyaa shan booda ajjeechan Qeellam kun raawwate.

Paartilee mormituu biyya keessaa akka ABO fi KFO dabalatee dhaabbileen idil-addunyaa akka UNs qorannoon walabaa akka godhamu gaafataniiru.

Mootummaan erga yeroo dhiyoo as tarkaanfii haala qindaa'een hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo irratti fudhachaa jiruun milkaa'aa jiraachuu hima.

Hidhattoonni namoota nagaa irratti ajjeechaa raawwatanis kanneen tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru dura dhaabbachuu hin dandeenyedha jedha.