Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masriitti siidaan bara impaayera Roomaa 'fuula nama kolfu' fi qaama leencaa qabu argame
Masiriitti siidaan fuula nama kolfuufi qaamni isaa biraa boca leenca fakkaatu qorattoota arkiyoolojin qotamee lafa keessaa argamuu ministeerri hambaa durii biyyattii beeksise.
Siidan durii kun mana sagadaa bara durii Kibba Masiriitti argamu keessaa argame jedhame.
Iddoon sagadaa kun Manni Sagadaa Hazroon (Hathor Temple) jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, hambaalee durii Masiriin qabduufi sirriitti kunuunsitu keessaa tokkodha.
Siidaan bara durii argame kun dhagaa booralee irraa kan bocame yoo ta'u 'Sifiniiksii' fuula nama seequufi qaamni biraa ammoo boca leencaa qabuudha.
Sifiniiksiin afoola warra Giriikii keessatti boca fuula dubartii qabu ta'ee qaamni biraa leenca ta'eefi waan nama sodaachisu akka bulguu wayiitti fudhatama.
Siidan kun Impaayera Roomaa Kilaawodiyos kan jedhamu bakka bu'a jedhamee amanama.
Siidaan ykn Sifiniksiin mootii Roomaati jedhame kun Sifiniksii Piraamiidii Masirii keessatti argamu irraa xiqqaadha jedhameera.
Hambaaleen durii qorattoonni arkiyoolojii argan kun awwaala mana sagadaa keessaa kan argame yoo ta'u bulchiinsa Qeena kan Kaayiroo irraa gara Kibbaatti 450km fagaatee argama.
Bulchaa Impaayera warra Roomaa kan ture Mootii Kilaawudiwoos, siidaan argame kan isaa ta'uu hin oolu kan jedhame, dhaloota Kiristoos dura bara 41 hanga 54 kan bulche.
Kilaawudiwoos bulchiinsa impaayera isaa hanga Kaaba Afrikaatti diriirsee ture jedhama.
Ministeerri Hambaalee Durii Masirii akka jedhetti arkiyoolojistoonni mallattoolee siidaa kana irratti argaman caalmaatti ni qoratu.
Siidaa fuula namaafi qaama leencaa fakkaatu kan bareedee bobbocame kana cinaatti ammoo dhagaa xuubii bara impaayera Roomaafi barreeffamoota herogiliifiksii fa'aa arkiyoolojistoonni kun argataniiru.
Manni sagadaa dhagaa booralee irraa ijaarame ammoo darbii lama kan qabuufi jalli isaa xuubii biyyoo irraa kan hojjatameefi kan bara Baayizantaayiniidhas jedhame.
Argannoon haaraan kun turizimii Masirii haalaan dabala jedhamee abdatamee jira.