Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni Maqaleetti hiriira mormiif bahan poolisiin bittinfaman
Hiriirri mormii guyyaa Kamisaa magaalaa guddoo Naannoo Tigraay Maqaleetti paartileen mormituu gaggeessuuf waamame humnoota nageenyaan bittinnaa’e.
Paartileen siyaasaa sadii naannicha keessa socho’an jijjiiramni siyaasaa barbaachisa jechuun, darbees ‘‘hanqina dandeettii bulchiinsa’’ amma aangorra jiru eeruun hiriira guyyaa sadiif turu waaman.
Haa ta'u malee, Bulchiinsi Yeroo Tigraay hiriira mormii gochuuf ‘’yeroo sirrii miti,’’ jechuun dursee dhorkee ture.
Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Getaachoo Radaa mormiin waamame akka haqamu sababiin ijoo taasifameef haala nageenya Magaalaa Maqalee keessa jiru jechuun dubbatan.
Kanneen mormii kana qopheessan keessaa tokko BBC’tti yeroo dubbatan: ‘’Hiriira nagaa gochuuf addabaabayii hiriirri waamametti wal geenyus bakkicha loltuu baay'etu buufatee nu eege,'' jedhan.
‘’Nama mormiif bahe hunda hidhaatti guuraa jiru,’’ jechuun dubbatan.
Hooggantoonni paartilee siyaasaa afur, barsiisonni yunivarsitii Maqaleefi rogeeyyiin kaan poolisiin hidhamanii turan.
Kamisa ganama dargaggoonni mormiin adabaabaayi Romaanaat jedhamuutti walitti qabamu yaalan yeroo gabaabaa keessatti bittinnaa’aniiru.
Mormiin guyyaa sadiif waamame hordofee Magaalaa Maqaleetti sochiileen daldalaa dhaabbataniiru.
Humnootiin nageenyaa hidhatan hedduun konkolaataafi miilaan magaalattii keessa socho’aa turan.
Obbo Getaachoon yeroon kan mormii osoo hin taane yeroo waraana waggaa lamaaf tureen kanneen miidhamaniif midhaaniifi qoricha yeroo itti dhiheessani jedhan.
Sababi biraa mormiin kuni itti dhorkame paartileen siyaasaa bu’uura seeraa waan hin qabneefi jechuun Obbo Getaachaw dubbataniiru.
Dhimma kana ilaalchisuun Roobii ibsa kennaniin “hiriira nagaa eeyyamuu ykn dhorku wanti jedhamu akka hin jirree hooggantoota paartilee waliin waliigalleerra. Ta’es iddoo hiriirichaa murteessuun gahee paartilee miti,'' jedhan.
“Bu’uura seeraa isaanii gama ilaallattuun mormii keessa akka hin seenneef dhiifne malee, paartiileen kunneen seera boordii filannoo amma jiruutiin walgahiin galma keessaa waamuun alatti hiriira adabaabaayii waamuudhaa mirga hin qaban,'' jedhan.