Israa’el guyyaatti boba’aa konkolaataan lama Gaazaa akka seenu eeyyamte

Konkolaataa boba'aa fe'ee Gaazaa seenaa jiru

Israa’el dhiibbaan US irraatti jabaannaan guyyaatti konkolaattonni boba’aa fe’an lama Gaazaa akka seenan nan hayyama jette.

Qondaalli Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa tokko guyyoota lama keessatti boba’aan liitira 140,000 akka eeyyamamu himan.

Boba’aa sana keessaa harki caalaan konkolaattota fe’iisaa gargaarsa geessaniif oola, akkasumas bishaanii fi qulqullina naannoo akka eeegamu deeggaruuf kan yaadame ta’uu qondaalli kun himaniiru.

Boba’aan kanarraa hafe ammoo tajaajila bilbila harkaa fi intarneetii, sababa hanqina boba'aarraa maddeen addaan cite deebisuuf oola.

Jimaata darbe dhaabbati tajaajila bilbilaaafi qunnamtii Gaazaa kennu boba’aa xiqqaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensii Baqattootaa Filisxeem UNRWA erga argateen booda tajaajilli bilibilaa deebi’aa akka jiru ibse.

Qondaalli Ameerikaa kun akka jedhanitti, Waashingitan dhimma boba’arratti akka waliigalamu Israa’el irratti dhiibbaa guddaa uumuu himan.

Waliigaltichi torban muraasa dura akka qajeelfamatti irratti waliigalamee ture jedhan qondaalli kun.

Garuu sababoota lamaaf Israa'el duubatti harkifte jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaaltonni Israa’el akka UStti himan, boba’aan kibba Gaazaa keessatti akka hin dhumne, akkasumas dursa dhimma namoota Israa’elirraa butamaniirratti mari’achuuf ture jedhame.

Hogganaan Ejensii Baqattootaa Filisxeem UNRWA Kamisa darbe dhaabbatichi sababa hanqina boba’aa irraa kan ka’e hojiisaa hunda addaan kutuuf dirqamuu malu akeekkachiisan.

Ejensichi "hojiiwwan gargaarsa namoomaa bu'uuraatiif guyyaatti boba'aa liitira 160,000" akka barbaadu tibbana ibse – boba’aan kunis kan waliigalteerra ga'ame dachaa ol ta'a.

Kanaan dura qondaalli Israa’el tokko akka jedhanitti, boba’aa kun Hamaasif akka hin kennamne, karaa qaxxaamuraa Raafaa gara ummata nagaa kibba Gaazaa jiraataniif gama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin kennama.

Qondaalli Israa'el kun akka jedhanitti, boba'aan kun sirna tajaajila bishaanii fi balfa dhabamsiisu fi qulqullina naannoorratti deeggarsa ''xiqqaa'' kenna.

Dhaabbileen namoomaa idil-addunyaa haala namoomaa Gaazaa keessatti mul’achaa jirurratti yaaddoo guddaa qabaachuu irra deddeebiin ibsan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) haalli Gaazaa keessa jirtu tatamsa'ina dhukkubaaf"yaaddessaa" ta'uu akeekkachiise.

Hanqinni boba'aa fi halleellaan boombii Israa'el sirna eegumsa fayyaa fi dhaabbilee qulqullinaa naannoo eegan haalaan laamshesse.

Jimaata darbe Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti bakka bu’aan naannoo lafa Filisxeem Riichaard Peeperkorn, namoonni 70,000 ol dhibee sirna hargansuu cimaan qabamuu fi namoonni 44,000 ol garaa kaasaan qabamuu himan,

Gabaasni Rooyitarsi akka jedhutti lakkoofsi kun kan tilmaame caala.

Gaazaatti boba’aan bishaan soogiddarraa adda baasuuf, manneen jireenyaa fi hospitaalotaaf ibsaa dhiyeessuu, geejjibaa fi tajaajila qunnamtiif dhiyeessuuf barbaachisa.

Kana malees, boba’aan gargaarsa namoomaa raabsuuf barbaachisa.

Israa’el boba’aan Gaazaa akka hin seenne dhorkaa turte, Hamaasiin hatee waraanaaf oolchuu danda’a jettee falmaa turte.

Waraana dura Israa'el humna ibsaa Gaazaa harka caaluf dhiyeessa turte, annisaa gariin ammoo humna elektiriikaa achuma Gaazaa keessaa maddaa ture yoo ta’u, amma tajaajila kennuu dhaabeera.

Kun haala kanaan otoo jiruu, haleellaa xiyyaaraa Israa’el kaampii baqattootaa Balataa jedhamu, magaalaa Weest Baank Nablus keessatti raawwatteen Filisxeemoonni shan ajjeefamaniiru.

Waraanni Israa’el gabaasicha nan qulqulleessa jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken Israa'el Weest Baankii keessatti muddama dhalate qabbaneessurratti tarkaanfii ''atattamaa'' akka fudhattu gaafatan.

Haleellaan xiyyaaraa kun kan qaqqabe waraanni Israa’el Weest Baankii keessatti waldhabdee adda addaa lama irratti yoo xiqqaate hidhattoota torba ajjeese jedhee erga ibsee guyyaa tokko boodadha.