Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhiiroota 64 shamarree umurii waggaa 13 irraa kaasuun gudeeduun himataman keessaa 28 to'ataman
Shamarreen yeroo ammaa umuriin ishee ganna 18 taateefi jiraattuu kibba Indiyaa kutaa biyyaa Keeraalaa irraa taatee tokko dhiironni 64 umuriishee waggaa 13 irraa kaasee miidhaa saalaa irratti raawwachuu himatte.
Dhimma kanaan walqabatees hanga ammaatti poolisiin namoota 28 to'annaa jala oolcheera. Haata'u malee, poolisiin namoota kanneen to'annaa jala oolchulleen dhimmicharratti ibsa ummataaf hin kennine.
Dhiiroonni gochaa kana raawwachuun himatamanis kan umriin iaanii ganna 17 hanga 47 gidduutti argamudha.
Isaanis ollaa dubartii kanaa, leenjistoota ispoortiifi hiriyyoota abbaashee akka ta'an poolisiin BBC'tti himeera.
Shamarreen kun miidhaan jedhame kun irra gahu kan gabaaste erga gareen gorsitoota mootummaa jalatti hojjetan manashee daawwatanii booda ture.
Shamarreen kun hawaasa biyyattii loogiin irra gahuun moggeeffaman keessaa kan Daaliit jedhamuun beekamu tokkooti.
Poolisiin seera yakka garaagaraa Indiyaa, akkasumas seera Scheduled Castes and Scheduled Tribes (Prevention of Atrocities) kan seera yakka namoota gosa xiqqaafi gosa ilaalchi gadaanaan kennamuuf irratti raawwatamu ittisuuf seera bahe jalatti dhimmoota gara 18 galmeessee jira.
Gosti Daaliitiis sadarkaa gosa Hinduu jalatti kan gadaanaa yoo ta'u, seerri isaan eeguuf ba'ulleen biyyattii keessatti loogii cimaatu isaan mudata.
Miidhaan amma shamarree kanarratti raawwatame kunis yeroo shamarreen kun daa'ima umriinshee hin geenyetti waan irratti raawwatameef, Seera Yakka Saalaa daa'immanirraa ittisuu jalattis galmeen himannaa banamuusaa qondaalli olaanaa poolisii Naandaakumaar S BBC Hinditti himan.
Poolisiin ammalleen dhimmicha qorataa waan jiruuf guyyoota itti aanan keessatti galmeen dabalataa ni banama jedhamee eegama. Dhimmicha qorachuufis gareen miseensota 25 qabu hundeeffameera.
Miidhaan himatame kunis yeroo shamarreen kun waggaa 13 jirtu kan eegaleedha jedha poolisiin. Warri ollaa ishee ijoolluummaa miidhaa saal-qunnamtii irratti raawwachuun alattis suuraa qullaashee kaasaniiru jedhuun gabaasee Marsariitiin News Minute jedhamu.
Akkasumas, ollaan ishee wayita isheen mucaa waggaa 16 taatuus deebiisanii quunnamtii saalaa irratti raawwachuun viidiyoo waraabuun kanneen waggoota heddun duubartii kanarraan miidhaa gahuu itti fufan waliin qoodee.
Oggeessi seeraa koree eegumsa daa'imannii aanichaa kan dursan, gaazexaa Express India jedhamutti akka himanitti, shamarreen kun atileetii sababii taateef kaampiiwwan ispoortii hedduu keessatti hirmaateetti, kunis miidhaaf ishee saaxileera jedhan.
Poolisiin akka jedhetti, dubartiin kun waggoota shanan darban keessatti yeroo sadii miidhaa saal-qunnamtii gareedhaan irratti raawwatameera.
Namoonni miidhaa irraan gahan kunneenis karaa bilbila harkaa abbaasheetiin sababii bilbilaniif, isheenis lakkoofsa isaanii galmeessaa turte. Poolisiinis lakkoofsa sana ka'umsa godhachuun himatamtoota adamsaa jira.
Maatiin shamarree kanaa garuu miidhaa isheerratti raawwatame kana hin beekan jedhameera.
Dhimmi kun ifatti kan bahe yeroo gareen gorsitootaa baatii darbe keessa mana intala kanaa dhaqan ture.
Gorsitoonni kunneenis Koree Eegumsa Daa'imanii (CWC)tti erga beeksiisanii booda, shamarreen kunis haadha ishee waliin koree fulduratti akka dhiyaattu taasifamte.
''Gorsi erga kennameefiin booda ogeessa xin-sammuu fuulduratti, miidhaa saal-qunnamtii waggaa 13 isheerraa kaasee irratti raawwatamaa ture hunda dubbatte'' jedhan dursaan CWC.
Itti dabalunis, yeroo ammaa shamarreen kun eegumsa isheetiif jecha gara dahannoo koree Eguumsa Daa'immaniitti geeffamtetti jedhan.
Himannaan dubartii kanaatis biyyattii guutuutti naasuu kan uumee yoo ta'u, bal'ina miidhaa irra gahe qondaala polisii dubartiitti akka himutu eegama.