Dubartii obboleessashee badii malee duuti itti murtaa'e baraaruuf waggaa 56 falmite

Manguddoon umrii waggaa 91 Hideko Hakamata umriishee walakkaa ol obbolessashee adabbii du'aa jalaa baraaruuf faccisuutti dabarsite

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Manguddoon umrii waggaa 91 Hideko Hakamata umriishee walakkaa ol obboleessashee adabbii du'aa jalaa baraaruuf faccisuutti dabarsite

Fulbaana darbe manni murtii Jappaan namni Iwaho Hakamata jedhamu walaba ta'uu wayita murteessu, inni gonkumaa hubachuu hin dandeenye, battala sanas gammachuun hin simanne.

Namoota mana hidhaatti duuti itti murtaa'ee guyyaa eeggatan keessaa Jappaan keessatti kan hamma nama kanaa yeroo dheeraa mana hidhaa ture hin jiru.

''Bilisa baate jedheen itti hime, inni garuu ni callise,'' jette obboleettiinsaa maanguddoon waggaa 91 Hideko Hakamata.

Dubartiin kun manashee Jappaan, Hamamatsu keessatti argamurraa wayita BBC'tti dubbattu ''hubachuu fi dhiisuu isaallee ibsuu hin danda'u,'' jette.

Hideko Hakamata erga obboleessishee bara 1968 yakka ajjeechaa sadiin himatamee duuti itti murtaa'ee himata kana irraa faccisaa yoona geesse.

Fulbaana 2024 obboleessishee kun umriisaa waggaa 88tti bilisa jedhame.

Wanti Iwaho Hakamata mudate raajiidha. Ammoo sirni hacuucaan biyyattii seera haqaa biyyattii akkamiin akka gadi qabaa ture mul'isa.

Kan baayyee nama gaddisiisuu fi nama rifaasisu namoonni duuti itti murtaa'e waggaa dheeraa mana hidhaa turu.

Guyyaan itti fannifaman erga sa'atiiwwan muraasi hafanii itti himamu, garuu namoonni kunneen umriisaanii hanga mana hidhaatti dabarsan kana amma amma fannifamna jechaa rifaatuudhaan jiraatu.

Iwao Hakamata erga bara 2014 dhimmi isaa irra deebiin akka ilaalamuuf manni murtii murteessee mana hidhaatii gadhiifamee obboleettiisaa bira jiraata
Ibsa waa'ee suuraa, Iwaho Hakamata erga bara 2014 dhimmi isaa irra deebiin akka ilaalamuuf manni murtii murteessee mana hidhaatii gadhiifamee obboleettiisaa bira jiraata

Falmitoonni mirgoota namoomaa kun gocha dhala namaaf hin malledha jechuun qaata balaaleffachuu eegalan.

Kun xiinsammuu hidhamtootaa tuquun dhibee sammuu hamaaf isaan saaxila jechuun waywaataa turan.

Iwaho Hakamata umriisaa walakkaa ol mana hidhaatti, yakka hin hojjenneef guyyaa fannifamuusaa eeggachaa, dabarse.

Kun isaaf ba'aa guddaadha, baayyee ulfaata.

Erga bara 2014 manni murtii dhimmi isaa irra deebiin akka ilaalamuuf carraa kenneefii mana hidhaatii gadhiifamee eegumsa obboleettiisaa, Hideko, jala jira.

Iwao Hakamata wayita nama haaraa argu ni wareera, namaan walitti madaquu hin dandeenye jette Hakamatan.

Waggoota hedduuf ''addunyaa mataasaa keessa ture,'' jette.

''Kun waan gargaarsaan sirratus natti hin fakkaatu. Wayita mana dhiphoo keessatti waggootaaf sitti cufamee yerookee dabarsitu akkana taata. Waggaa afurtamaa oliif akkasitti ture,'' jechuun haala obboleessashee ibsite.

''Akka bineensaatti akka inni jiraatu taasisan.''

Jireenya raawwii murtii du'aa eeggachuutti dabarse

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gosa ispoortii buunyaan beekamaa kan ture Iwaho Hakamata osoo inni warshaa keessa hojjetuu reenfi hoogganaa isaa, haadha warraa hoogganaasaa fi ijoolleesaanii lamaa bakka inni jiruu argamu.

Namoonni kunneen afran meeshaa qara qabuun waraanaman.

Isa booda aanga'oonni naannawaa sanaa Iwaho Hakamata ajjeechaa maatii kanaan himatan. Mana isaa guban, maallaqa doolaara Ameerikaa 556 saaman.

''Waan mudate homaa quba hin qabnu turre,'' jechuun waan guyyaa poolisiin obboleessashee qabuuf bara 1966 mana dhufan ture sana ibsite.

Manni maatii sakatta'ame, manni obboloota durbaa hangafaa isaa ta'anii lamas akkasuma. Iwaho Hakamata fuudhanii deeman.

Jalqaba himata irratti dhihaate haalee ture, booda garuu ni amane. Kana amanes reebichaa fi gaaffilee jajjabduu isa hiraarsaniin dirqamsiifamee akka ta'e ibse.

Hidhamee waggaa lama booda ajjeechaa namaan yakkamaadha jedhamuun du'i itti murtaa'e.

Adabbiin du'aa itti muramee guyyaa eeggachuuf erga mana hidhaa seenee booda guyyaa sanarraa amalli Iwaho Hakamata geeddarame.

Keessattuu waan inni guyyaa tokko wayita isheen daawwachuu deemte itti hime hin dagattu.

''Kaleessa namni ajjeefameera, nama kutaa itti aanee jirutti hidhame naan jedhe,'' jette.

''Anis akkan of eeggadhu natti hime, achirraa eegalee xiinsammuunsaa guutumaatti geeddarame, nama akkaan callisaa ta'e,'' jechuun waan guyyaa sana ture yaadatti.

Mana hidhaa Jappaanitti qaamaa fi qalbiin kan cabe Iwaho Hakamata qofa miti, hidhamtoonni ganama wayita ka'an dabareen ajjeefamuu kan isaanii ta'uu fi dhiisuu hin beekan.

''Ganama sa'aatii 2:00 fi 2:30 gidduun yeroo murteessituudha. Yeroo hidhamtoonni ajjeefamuunsaanii itti himamuudha,'' jedha Menda Sakaye.

Namni kun ofiisaatiis adabbiin du'aa itti murtaa'ee waggaa 34'f guyyaa dhumaa eeggachaa ba'ee dhumarratti walaba jedhame, muuxannoosaarratti kitaaba barreesseera.

''Yaaddoo, dhiphina hamaa keessa seenta. Yoom akka dhufanii balbala kee dura dhaabbatan hin beektu. Miira hamaa akkamii akka ta'e ibsuunuu ni ulfaata,'' jedhe.

Jeemsi Weelshi namoota bara 2009 dhimma mana haala kanaan hidhattoota qabatee jiruurratti gabaasa Amnastii Intarnaashinaal barreessan keessaa nama dursu ture.

''Guyyuu doorsisi ajjeechaa baayyee hamaadha. Waan dhala namaaf malu miti, suukanneessaadha,'' jedhe.

Gabaasichi namoonni haala kanaa mana hidhaa turan dhibee sammuu hamaaf saaxilamuu mul'ise.

Hideko Hakamata wayita mana hidhaatti obboleessi ishee dhibee sammuu akkaan hamaa ta'eef saaxilamu ilaaluun ala homaa gochuufii hin dandeenye.

''Guyyaa tokko akkas jedhee na gaafate 'Eenyu akkan ta'e na beektaa?' Eeyyee jedheen deebiseef. Ati Iwao Hakamata.''

''Lakki naan jedhe. Asitti nama biraadha kan ati daawwattu. Kana qofa jedhee gara mana hidhaatti deebi'e.''

Hideko Hakamata obboleessashee biraa hin hafne, sagalee ta'uufii ittuma fufte. Garuu jijjiiramni bu'uuraa bara 2014 booda dhufe.

Maanguddoon umrii waggaa 91, Hideko Hakamata yeroo hunda obboleessashee quxixuu baraaruu yaaddi
Ibsa waa'ee suuraa, Maanguddoon umrii waggaa 91, Hideko Hakamata yeroo hunda obboleessashee quxixuu baraaruu yaaddi

Ragaan Iwao Hakamata irratti argame inni ijoon uffata dhiigaan laaqame kan warshaa inni keessaa hojjetu keessatti argamedha.

Kunis inni qabamee waggaa fi ji'a lama booda argame. Uffatichis kansaa ta'uu himati mirkaneesse.

Garuu gareen abukaatoo Iwao Hakamata ragaan qaccee sanyii [DNA] dhiiga uffatarraa jiru irraa argamee fi kan himatamaa kanaa tokko akka hin taane waggootaaf falmaa turan.

Ragaan sobaan akka irratti qindaa'es himataa turan.

Haala kanaan osoo jiranii bara 2014 abbaa seeraa amansiisuun mana hidhaatii gadhiisisan. Manni murtiis dhimmi isaa irra deebiin akka ilaalamu murteessuun akka gadhiifamu jala murtii kenne.

Akkaataa adeemsa seeraa yeroo dheeraa fudhatuu kanaan himati irra deebiin taasifamu kun Onkoloolessa darbe keessa gaggeeffama ture.

Wayita dhaddachi kun eegalu kan mana murtii dhihaatte Hideko Hakamata dha. Jireenya obboleessashee baraaruuf jecha akka dhaddacha dhaabbattuuf iyyachuun ture.

Hireen Iwao Hakamata dhiiga uffatarratti argame sanarratti rarra'a. Keessattuu yeroo dheeraa booda waan inni ta'e.

Kanneen nama kana himatan wanti uffatarratti argame jalqaba wayita argame halluu diimaa qaba ture jedhan, abukaatoon himatamaa ammoo halluun dhiigaa sun yeroo dheeraa booda gara gurraachaatti geddarame jechuun falman.

Kun abbaa seeraa Koshi Kunii amansiisuuf ga'aa ta'ee argame. Innis ''aanga'oonni qorannoo gaggeessaa turan dhngala'aa akka dhiigaa uffatatti dhangalaasuun warshaa sana keessa dhoksan,'' jedhe.

Abbaan seeraa Kunii itti fufuun ragaan fakkeffamee qindeeffameera jedhe. Boodarra Iwao Hakamata bilisa jechuun murtee dabarse.

Haqa uggurame

Manni murtii ragaan Iwao Hakamata irratti dhiyaate dharaan qindeeffameeti yaada jedhuun goolabuusaatti gaaffiin hedduun ka'eera.

Jappaan murtii kenname keessaa dhibbeentaa 99 raawwachuun beekamti, sirna haqa ukkaamsuu ''Hostage Justice'' jedhamuunis beekamti.

Akka daarektara Jaarmiyaa Mirga Namoomaa Jappaan Kaanaayee Dooyitti sirni kun ''mirga namoonni hidhaman walaba ta'uuf qaban haguuga. Akkasumas mirga wabii isaanii sarba. Gaaffii dhiyaateef deebii kennuuf gorsa akka hin argannes danqa.''

Deevid T Joonsan yuniversitii Hawaayi Manowaa keessatti argamutti pirofeesara sooshiyooloojiiti.

Hojiin isaa dhimma haqa namoota yakkaan himatamaniirratti xiyyeeffata, dhimma Iwao Hakamata waggaa 30f hordofeera.

Ragaan ijoon dhihaate sirriitti kan ifatti ba'ee barame bara 2010 booda jedhe.

Kufaatiin kun ''qaanessaa fi rifaasisaadha,'' jechuun BBCtti hime Aab Joonsan.

''Abbootiin murtii dhimmicha lafarra harkisaa turan.''

Iwao Hakamata, waggaa 88, Fulbaana darbe bilisa jedhame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Iwao Hakamata, waggaa 88, Fulbaana darbe bilisa jedhame

Hideko Hakamata haqi bakki itti dabe wayita obboleessi ishee dirqamaan yakka raawwachuu amansiifamee fi dararaa inni keessa darbeedha.

Iwao Hakamata erga bilisa jedhamee booda abbaan murtii himata irra deebiin dhihaatee hordofaa ture adeemsi dheeraa yeroo dheeraa fudhachuusaatti dhiifama gaafateera.

Yeroo xiqqoo booda hoogganaan poolisii Shizuoka manashee daawwachuun ishee fi obbolaa ishee gadi jedhanii dhiifama gaafate.

''Waggoota 58 darbaniif dhiphinaa fi ba'aa hamaa isinirra keenyeef dhiifama,'' jedhe Takayoshi Tsuda.