Dubartii ajjeechaa hin raawwanneen hidhaa waggoota 43 booda bilisa baate

Madda suuraa, Innocence Project
Dubartiin Ameerikaa kuni ajjeechaa hin raawwanneen waggoota 43’f mana hidhaa keessa erga turtee booda bilisa baate.
Saandiraa Heema umrii 20’tti ture hojjettuu mana kitaabaa bara 1980 waraantee ajjeefte jedhamuun yakkamtuu kan jedhamte. Hidhaan umrii guutus itti murtaa’e.
Galmeen ishee akka agarsiisetti Saandiraan mana yaalaa sammuu keessatti qoricha hadoochu kennameef osoo jiruu jecha kenniteen ala ragaan biraa hin turre.
Yeroo ammaa umrii 64 yoo taatu dogoggoraan waggaa dheeraa hidhaa keessa turuun kan ishee caalu hin jiru jedhan kanneen isheef falman.
Gareen ogeeyyii seeraa ishee dhaabbata ‘Innocence Project’ jedhamu keessa dalagan maatiisheetti makamuu isheen gammaduu ibsan.
Ammas isheef falmuu akka itti fufan ibsan.
Yeroo ammaa dubartiin kuni mana hidhaa keessa hin jirtu, garuu dhimmi ishee ilaalamaa jira.
Akka gabaafametti taanaan abukaatonni Aadde Saandiraa ragaa ishee bilisa baasu yeroos ogeeyyii seeraa isheef falmanif hin kennamne akka qaban himan.
Ragaan booda kana ogeeyyiin mana murtiitti dhiheessan ajjeechaa dubartiin kuni itti yakkamte miseensi poolisii raawwachuu hin oolle jedha.
Namichi kuni yakka biraan mana hidhaa seenee 2015’tti lubbuun isaa darbeera.
Miseensi poolisii Maaykil Holmaan jedhamu guyyaafi bakka ajjeechaan raawwatame konkolaataan isaa mul’atee ture.
Ta’us, bakka ajjeechaan raawwate jiraachuu isaa mirkaneessuu hin dandeenye.
Eegasii kaardii baankii dubartii duute yeroo fayyadamu argameera. Inni lafaan argadhe jedhe.
Haa ta’u malee, poolisiin dubartii sammuu dhukkubsattee hospitaala turte, Saandiraa, irra deddeebiin qorate.

Madda suuraa, Getty Images
Saandiraanis qoricha hadoochisu liqimsitee osoo jirtuu yakkicha raawwachuu ishee erga amante booda hidhaan umrii guutuu irratti murtaa’e.
Haati seeraa dhimmicha qoratte, Raayan Horsimaan, murtee fuula 118 dheeratu keessatti Saandiraan waggoota 43 dura yeroo itti murtaa’u akka ofirraa ittistu carraan hin kennamneef jechuun dubbatan.
''Ragaan dhihaate qulqulluu ta’u ishee akka deeggaru manni murtii hubateera,'' jechuun haatii seeraa dubbataniiru.
Saandiraan Jimaata hidhaa waggoota hedduuf keessa turterraa baatee maatii isheetti makamteetti.
Obboleettii, intalaafi akkawoo ishee yoo dhungattu mul’atteetti.












