Lammiin Iraan yakka waraanaatiin umurii guutuun itti murtaa'e wal jijjirraa hidhamtootaan bilisa bahe

Madda suuraa, HANDOUT
Lammiin Iraan biyya Siwiidin keessatti yakka waraanaatiin yakkamaa jedhamuun hidhaan umurii guutuu itti murtaa'ee ture tokko waljijjiirraa hidhamtootaa biyyoota lamaan gidduutti taasifameen bilisa ba’e.
Lammiin Iraan Haamiid Nuurii kan mana hidhaa Siwiidiin keessatti hidhaarra tures wal jijjiirraa hidhamtoota lamaatiin bilisa baafamuun gara Iraaniitti ergame.
Iraan ammoo gamasheetiin dippilomaatiicha, Joohaan Filodars fi kan lammuummaa biyyoota lamaanii (Iraaniifi Siwiidin qabu) Saa'id Aziizii gadhiisuudhaan Samabata kaleessaa galgala Istookholm qaqaban.
Lammiin Iraan Nuuriin bara 2019tti erga Siwiidin keessatti to'annoo jala oolfameen booda, ajjeechaa jumlaa waggaa soddomaan dura hodhamtoota siyaasaa Iraan irratti raawwataame keessatti hirmaachuudhaan balleessaan itti murtaa'e ture.
Dippilomaati Filodars ammoo waggaa lamaan dura himannaan yakka basaasummaa irratti dhiyaachuun Iraan keessatti hidhaarra ture.
Namni lammii biyyoota lamaan qabu Aziizi ammoo baatii Sadaasaa keessa mana murtiitti dhiyaachuun hidhaan waggaa shanii itti murtaa'ee ture.
Siwidiin erga lammii Iraan Nuurii irratti hidhaan umurii guutuu murteessiteen booda walitti dhufeenyi biyyoota lamaan jidduu badee ture.
Ministirri Mummee Siwidiin wal jijjirraa hidhamtoota kanneeniis ilaalchisuun ibsa kennan, Ulaf Kariistersan, Iraan Nuurii bilisa baasuuf jecha lammiilee Siwidiin lama hidhuu dubbatan.
Ministirri Mummee kunis Haamiid Nuuriin ''yakka cimaa baroota 1980 keessa iraaniitti raawwatameen yakkamaadha'' kan jedhameedha jechuun, ''yakkamaa kana bilisa baasuufis'' lammiilee Siwidin lamarratti himannaa sobaa dhiyaatera jedhan.
Gama biraatiin ammoo Barreessaan Olaanaan Kaawunsilii Mirgoota namoomaa Iraan, Kaaziim Gaahaariibaabaadii, toora X isaanii gubbaatti, Nuuriin kana karaa ''seeraan alaatiin'' Siwiidiinitti hidhamee ture bilisa baheera jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka abbaa alangaa Siwidiiniitti, Nuuriin bara 1988 irratti wayita hojjataa mana hidhaa Guhaardishat Iraan keessa tureetti yakka waraanaa raawwateera.
Yeroo sanattis kanneen diina mootummaa Iraan jedhamaniifi namoonni 2,800 hanga 5,000 ta'an ajaja dursaa amantaa Ayaatoolaah Keeyimiiniitiin ajjeeffamusaanii kanneen mirga namoomaatiif falman ni tilamaamu.
Nuuriin waggaa muraasaan dura Siwiidiin keessatti to'annoo jala kan oolfame, xiyyaara Iraanii ka'e yaabbachuun erga Isookholm qaqabeen booda ture.
Gaheessi umuriin waggaa 63 kunis himmannaawwan irratti dhiyaatan hin fudhanne. Haata'u malee Nuuriin himannaa irratti dhiyaateen yakkamaadha jedhamuun waggaa muraasaaf Siwiidiin keessa hidhaarra tureera.
Dippilomaatiin waggaa 33 Filodars ammoo wayita bashannanaaf gara sana ilamalee tureetti bara 2022tti yakka basaastummaatiin shakkamuun erga to'annoo jala oolfameen booda murteen du'aa irratti murtaa'u dana'a jedhamuun yaadda'amee ture.
Aziizii kan umuriinsaa jalqaba waggaa 60motaarratti argamuufi lammii Siwidiiniifi Iraan qabu ammoo, namoota ijaaruudhaan tika biyyaaleessa Iraaniin himatame ture.
Wal jijjirraan hidhamtootaa kun akka dhugoomuuf Omaan gahee olaanaa bahuun himameera.












