Manni-murtii ragaa golgaa duubaa Obbo Kiristaan irratti dhiyaachuuf ture dhorke

Madda suuraa, HOPR/FB
Manni-murtii Waliigalaa Federaalaa adeemsa ragaa dhagahuu golgaa duubaa Obbo Kiristaan Taaddaleerratti gaggeeffamuuf ture akka dhorkamu ajaja dabarse.
Manni-murtii Waliigalaa Federaalaa Yakka Lammaffaa Dhaddachi Ol Iyyannoo ajaja kana kan dabarse Obbo Kiristaan karaa abokaatoowwan isaatiin ol iyyannoo erga dhiyeesseen boodadha.
Abokaatoowwan kunneen murtii manni-murtii gajjallaa kenneen mufachuun ol iyyannoo kan dhiyeessan torban tokko dura A L I Adoolessa 8, 2017 ture.
Himatamtoonni galmee Obbo Yohaannis Bohaayaaloofaa jalatti himanni irratti baname komiiwwan furmaata akka argatuuf mana murtiitti dhiyeessan fala argachuu baannaan dhaddacharratti akka hin dhiyaannes beeksisanii ture.
Himatamtoonni kunneen kana kan beeksisan iyyata barreeffamaan torban drbe walakkeessarra mana-murtii olaanaatti dhimmoota heera mootummaafi yakkawwan shorokkeessummaa dhimma isaanii ilaaluuf dhiyeesaniinidha.
Adoolessa 15, iyyata dhaddachaaf dhiyaate kanarratti mallatteessuurratti himatamtoonni hunduu hirmaataniiru.
Himatamtootaa waggaa tokkoofi ji'a sagal dura abbaan alangaa himata irratti bane keessa himatamtoonni 52 kan hjiran yoo ta'u, himatamtoonni dhimmisaanii mana amala sirreessaa keessa taa'anii hordofaa jiran garuu 16 qofaadha.
Ragaan abbaa alangaa dhumaa golgaa duubaan dhaga'amuuf ture himatama lamaffaa Obbo Kiristaan Taaddaleerratti akka dhaga'amu beellamni qabamuu abokaatoon himatamtootaa Obbo Salamoon Gazzaaheny BBC Amharic'tti himanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himata BBC'n arge kana keessatti himatamtoonni, "Adeemsi haqaa har'aa hanga boruutti ni fooyya'a jennee eegnus . . . sarbamni mirgaa fi dhiittaa bal'aan himatamtoota irratti raawwatamaa jira" jedhan.
Dhimma "dhaddacha itti quufinsa dhabuu keenya ibsuu" irratti, iyyaat "rakkina" himatamtoonni qaban, hariiroo isaanii irraa kaasee hanga ragaa fuudhutti jiru tarreesseera.
Himatamtoonni kunneen"dhaddachi guutummaatti mootummaa fi paartii biyya bulchuu kan loogudha" jedhan. Kanaanis "dhiibbaa fi murtiin sababa hin qabne irra deddeebiin nu irratti murtaa'eera" jechuun himataniiru.
Himatamtootni ol iyyannoo dhiyeeffatan kunneen himannaa isaanii keessatti "murtii haqa hin qabne" kudhan manni murtii kenne bal'inaan ibsaniiru.
Himataan dura ji'ootaaf kaampii waraanaa keessa tursiifamuu isaanii yaadachiisuun manni murtichaa gaaffii "namootni isaan ugguran" seeraan itti gaafatamuu fi "hidhamuun isaanii akka dhaabbatu" dhiyeessan tuffachuudhaan hidhaa itti fufeera'' jechuun himataniiru.
Akkasumas, manni murtii mirga wabiitiin ol'iyyannoo isaanii "sababaa gahaa malee" "guutumaan guututti daangeessuu" fi "himatamtoota yeroo dheeraaf hidhaa keessa tursuu isaa komii isaanii dhiyeessaniiru
Himatamtoonni kunneen manni murtichaa "dhiittaa mirga namoomaa hamaa raawwatamuu eeran
Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa dhiittaa mirga namoomaa ilaalchisee gabaasa isaa baatii sagal dura baaseen, ajaja manni murtiitiin mana murtiif dhiyeessee akka ture ni yaadatama.
Komishinichi gabaasa isaa keessatti "himatamtoonni sarbama mirga namoomaa adda addaatiin akka raawwataman amanuuf sababoonni gahaan" akka jiru ibseera.
Komishiinichi gabaasa fuula 21 qabu keessatti "humnoota nageenyaa sarbama mirga namoomaa raawwatan hunda irratti qorannoon akka godhamuu fi itti gaafatamummaa seeraa akka mirkanaa'u" yaada dhiyeesse..
Himatamtoonni himannaa isaanii keessatti manni murtii "gabaasa komishinichaa ilaaluu fi murtoo kennuu dhabuu isaa eeruun" komataniiru.
Kana malees, himatamtoonni "haleellaa irra deddeebi'amee fi sarbama mirga namoomaa" manneen hidhaa keessatti poolisii federaalaa fi humnoota tikaatiin isaan mudate irratti "tuffatee murtoo kennuu dadhabe" jechuun himaytan.
Manni murtiis "deebii osoo hin kennin komii keenya tuffate" hanga yoonaa turee jedhan.
Himatamtoonni galmee isaan irratti dhiyaate ilaalchisee komii qaban ibsuun, "Manni Murtii Olaanaa, murtii mana murtii gadii dhimmi abbaa alangaa sirrii akka hin taanee fi fooyya'eera jedhee kenne kuffiseera" jedhan.
Dhimmi biraa himanni kun irratti dhiyaate ragaa abbaa alangaa ilaallata.
Himatamtoonni kunneen, manni murtii maqaa fi eenyummaa ragaa abbaa alangaa galmee dhimmicha keessatti dhiyaatan akka hin ibsine gaaffii abbaa alangaa fudhachuun "mirga himatamtootaa sarbe" jechuun himataniiru.
Kana malees, abbaan alangaa ragaaleen kun "eegumsa akka barbaadan" ibsuus, himatamtoonni himannaa isaanii keessatti ragaaleen hanga ammaatti mana murtiitti dhiyaatan "miseensota poolisii ittisaa fi federaalaa waan hin taaneef eegumsa addaa akka hin barbaanne" akeekaniiru.
"Manni murtii haqaa sirrii ta'e kennuu akka dadhabe ni hubanna," akkasumas adeemsa dhaddachaa hordofaa akka turan "carraan fooyya'iinsaa yoo jiraate carraa fooyya'iinsa nuuf haa kennuu" jedhan.
Ibsa isaanii keessattis ejjennoo isaanii ibsuun, "hanga rakkoon kaasne furmaata argatutti dhaddacha kana irratti dhiyaachuuf qophii miti" jedhan.
Abbootiin murtii yaada kana erga dubbisanii booda abbaan seeraa Solomoon BBC'tti akka himanitti, "[yaadni] kun mana murtiitti hin dhiyaannu jechuudha; kanaaf kana hin fudhannu; abbootii murtii irratti mormii yoo qabaattan abbootiin murtii akka jijjiraman gaafachuu dandeessu"jedhamu BBC tti himan
Yeroo kanatti Ato Yohaannis Buhayalew "yaadni keenya komii keenya ilaaltanii akka furtan. Himannaan keenya yoo furmaata hin arganne deebi'ee mana murtiitti hin dhiyaannu jechaa hin jirru" jedhan.
Himatamaan sadaffaan miseensi Mana Maree Magaalaa Finfinnee Dr. Kassa Teshager itti dabaluudhaan, "Ejjennoo himannaa hin dhiheessinu jedhu murtii dhumaa osoo hin taane, haal-dureedha. Wantoonni achitti ibsaman furmaata argachuu qabu" jedhan.
Abukaatoon himatamtootaa obboo Solomon BBC'tti akka himanitti, "Kana booda manni murtii iyyata kana fudhateera. Kanaafuu, himannaa dhiyaate irratti murtii kennuu fi dhiisuu isaa dhaddacha itti aanu irratti ni ilaalla."
Abbaan alangaa obbo Yohaannis Buhayalew irratti dhiheesse "yakka" seera yakkaa fi Labsii Shororkeessummaa To'achuu fi Ittisuuf bahe cabsuun raawwatame ilaallata.
Himannaan abbaa alangaa himatamtoonni "ilaalcha siyaasaa humnaan hojiirra oolchuuf yaadamee" walitti qabamuu fi gurmaa'aniiru jedha.












