Puuntilaand doonii Somaaliyaaf meeshaalee waraanaa feete to'achuun muddama uume

Doonii Sii World jedhamtu

Madda suuraa, Puntland government

Ibsa waa'ee suuraa, Dooniin Puutiilaandiin to'atamte tunis alaabaa Komoroos kan mirmirsitu turte

Bulchiinsa Somaaliyaa tokko kan taatee Puutilaand doonii meeshaalee waraanaa olaanaa mootummaan Somaaliyaa Tarkii irraa bitate to'achuun qaamoolee lamaan jidduutti falmii kaaseera.

Kanaan kan ka'e mootummaan Somaaliyaa bulchiinsa Puutilaand doonii meeshaalee waraanaa feetee turte tibbana to'achuunsaa sarbama heera mootummaa biyyattii fi yakka galaana irraa raawwattee jirti jechuun himateera.

Ministeerri Beeksiisaa mootummaa federaalaa ibsa baaseen, dooniin to'atamte meeshaalee waraanaa haaluma waliigaltee walta'insa waraanaa Tarkii waliin taasifameetti qabeenyaa buufata leenjii waraanaa(Turkisoom) kan ta'eedha jedheera.

Aanga'oonni biyyattii meeshaaleen fe'amanii turan seera qabeessaa fi kan seeroota biyyattiifi idil-addunyaas hordofeedha jedhan.

Suuraaleen miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaman humnootiin Puuntilaand doonii fe'uumsaa alaabaa Komoroos qabdu konkolaattoota waraanaa fi yeroo balaa deebiin ittiin kennamu feetee mul'atti.

Dooniin tunis poolisii humnoota galaanaa Puuntilaandiin kan to'atamte yoo ta'u, guyyaa Adooleessa 18, 2025 naannoo murteessaa buufata kaaba bahana Alulaa Distiriikiitti qarqara galaanaa Galoo Galaana Edan irratti akka dhaabbattu taasifamteetti.

Ministeerri Beeksiisa Puuntilaand tarkaanficha deeggaruudhaan, meeshaalee waraanaa yaaddoo nageenyaa taasifamuun ilaalamu danda'an waan qabatteef karaa seeraan alaatiin gara bulchiinsa Somaaliyaatti galfamuun seeroota galaanaa idil-addunyaa cabsiiteetti jechuun ibseera.

Puuntilaand kana malees, doonittiin kan sochootu qaxanaa walitti bu'iinsa gareewwan shororkeessitoota idil-addunyaa jedhamuun farajame keessa yoo ta'u, kanaanis tasgabbii fi nageenya Puuntilaand irratti yaaddoo kallattii uumeera jedheera.

Meeshaalee waraanaa dooniin to'atamte feetee keessaa konkolaattoonni waraanaa ni argamu

Madda suuraa, Rich Tedd/X

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaalee waraanaa dooniin to'atamte feetee keessaa konkolaattoonni waraanaa ni argamu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Walitti bu'iinsichis mootummaa federaalaa Somaaliyaa fi biyyoota miseensa federaalaa jidduutti wal dhabdee hin baramnee fi cimaa ta'e uumuu agarsiisa.

Waldhabdee kanaanis mootummaa federaala Somaaliyaa yeroo jalqabaatiif humnoota bulchiinsa miseensa biyyattii ta'an kan yakka galaanarraan himatte.

Dooniin Sii World jedhamuun waamamtu tunis ''haalduree tokko malee, atattamaan'' akka gadhiifamtu mootummaan Somaaliyaa ibsa baaseen akekkachiiseera.

Itti dabalunis, Doonittiin ''fe'umsa seera qabeessa kaayyoo ittisaaf'' oolu qabachuu ibsuudhaan, kaayyoonsaas ''Puuntilaand dabalatee biyyattii keessatti tasgabbiifi nageenya buusuuf'' kan karoorfame ta'u beeksiisera.

Mootummaan Somaaliyaa Puuntilaand dabalatee naannooleen miseensoota federeshinichaa ta'an hundi bulchiinsa galaanaa fi ittisa ilaalchisee akka heera mootummaa biyyattii kabajaniif waamicha dhiyeesseera.

Bulchiinsi Puuntilaand dooniin meeshaa waraanaa fi konkolaattoota waraanaa feete tun ''karaa seeraan alaatiin gara naannoo galaanaa biraa seenuun akka hin danda'amne kan ibsu seera idil-addunyaa cabsiiteetti, keessttuu meeshaalee waraanaa yaaddoo nageenyaa uumuu danda'an ifatti feetee'' jechuun ibseera.

Mootummaa federalaa Somaaliyaafi bulchiinsa naannoo Puuntilaand jidduutti wal dhabdeen umamuun muddama keessa seenanii kan turan yoo ta'u, rakkoon jidduusaanii ammalleen hin furamne.

Somaaliyaan bara darbe Tarkii waliin walta'insa waraanaa fi diinagdee taasisuun isaanii kan yaadatamu yoo ta'u, yeroo garaa garaattis meeshaaleen waraanaa Tarkii irraa dooniifi xiyyaarotaan dhiyaataafii jira.