Poop Firaansiis bara phaaphaasummaa isaanii waggoota 12 keessatti maaliif biyya isaanii Arjentiinaatti hin deebine?

Madda suuraa, Getty Images
Luba Olaanaan duraanii Buyinoos Eeris, Joorji Maariyoo Bergogiliyoon magaala guddoo Arjantiinaa yeroo dhiisanii bahan yaa'ii Vaatikaanotaa kan nama Poop Benedikt 16ffaa bakka bu'u filachuu irratti hirmaachuuf ture.
yeroo dhumaatiif biyya isaaniitii bahaa akka jiran garuu hin hubanne ture.
Akka Xinxaaltoonni jedhanitti, Poop Firaansiis yeroos ganna 76 yoo ta'an poopii isaan dura turanii fi hojii gadhiisuuf iyyatan waggaa tokkoon caalu.
Yeroo sanatti nama bakkichaaf ni madaala jedhamee yaadame hin turre.
"Yeroo yaa'ii sanarratti hirmaachuuf Buyinoos Eeris dhiisanii bahan waan aaran fakkaatu ture. Isaan yeroo sana manuma lubootaa Buyinoos kan ollaa Filoorsitti argamutti soorama isaanii bahuuf qophaa'aa turan," jechuun mana amantaa Guddaa Buyinoos Eerisitti Luba kan ta'an, Guleermoo Markoo gaazexaa Arjentiinaa Kilaarinitti himan.
Bergogiliyoo kan mudate garuu isaanis addunyaas kan raaje ta'e. Achumaan hojii phaaphaasummaa waggoota 12 fulla'e jalqaban.
Hiriyaan dhihoo Bergogiliyoo, Gustaavoo Veraa ''isaan yeroo hojii phaaphaasummaa gabaabaa ta'e hojjechuuf yaadanii ture,'' jechuun BBCtti himan.
"Sababa Umrii isaaniitiin waggaa afur akka hojjetan yaadanii ture," jedhan Veraan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Veraan Arjentiinaa keessatti dhaabbata La Alameda jedhamu, kan farra daddabarsa namoomaa fi gabrummaa ittisuu irratti xiyyeeffate hogganu.
Bergogiliyoo waliin kan walbaran yeroo isaan luba olaanaa turanitti.
Erga isaan Poop Firaansiis ta'aniis xalayaalee hedduu waliif erganiiru.
Phaaphaasichi waan biyya isaa keessatti ta'utti gammachuu akka qaban ibsaafiis turan.
"Yeroo tokko tokko kubbaa miilaa irratti yaada kennu, yeroo kaan ammoo taateewwan aadaa irrattis yaada isaanii kennu," jedhu hiriyaan isaanii Veeraan.
Isaan waa'ee biyya isaanii sirrumatti hordofu ture jechuunis himan.
"Firaansiskoon Arjantiinaa waliin hariiroon isaanii cimaa ture. waggoota 12 phaaphaasummaan tajaajilan kanattis sagantaa isaanii keessatti lammiilee Arjantiinaa hedduu saganteeffatanii qunnamaniiru," jedhan.
Faallaa kanaa garuu wanti raajii ta'e Poop Firaansiis waggoota phaaphaasummaa isaanii 12 darbe kana keessatti si'a tokkoyyuu biyya isaanii Arjantiinaa hin daawwanne.
Poop Firaansiis biyyoota Arjantiinaan daangessitu shan keessaa biyyoota afur dhaqanii daawwataniiru.
Biraaziil ammoo biyya isaan jalqaba daawwatani. Akkuma aangoo kana argataniin ji'a sadii booda bara 2013 Biraaziil daawwatan.
Itti aansuun Booliviyaa fi Paaraaguwaayi bara 2015, chiilii ammoo bara 2018 daawwatan.
Kana malees Biyyoota laatiin Ameerikaa kanneen akka Kuubaa, Ekuwaadoor, Meeksikoo fi Peeruus daawwataniiru.
Biyya dhaloota isaanii kan deemuu dhiisan maaliif ture?
Deebiin gaaffii kanaa hariiroo gaarii hin taane kan Poop Firaansiis biyya dhalootaa isaanii faana qaban kan mul'isuudha.
Biyya dhaloota isaaniitti kanneen isa jaalatan hedduudha. Amma yeroo isaan du'aan boqotan kanattis dukkaana buufatanii kan gadda taa'aa jiran heddu. Garuu namootni baayyeen isaan nama beekamaa waliinsaanii hin beekamneetti quba qabu.
Lammiilee Arjantiinaa hedduu kan boonse lammiin Arjantiinaa biyyoota Laatiin Ameerikaa keessaa aangoo Phaaphaasummaa kan amma dura waggootaaf abdii itti kutatanii ture dhaaluu isaati.
Erga isaan aangoo Phaaphaasummaa qabatanii garuu qorannoo taasifameen kanneen Phaaphaasii kanaaf ilaalcha gaarii qaban bara 2013 harka 91 kan ture bara 2024 gara harka 64tti gadi bu'e. ilaalcha gadhee kan isaanii qaban ammoo harka 3 irraa gara harka 30tti guddate.
Biyyoota laatiin Ameerikaa Ja'a saamudni yaada namootaa kuni irraa fudhatame keessaa ammoo ilaalchi gaariin Phaaphaasichaaf qaban haalan kan itti gadi bu'e Arjantiinaadha.
Gareen kaan phaaphaasichi ilaalchota aadaa kan hawaasni ittiin boonu gadi qabu jedhanii qeequ. Kaan ammoo jijjiirama qabatamaa ni fidu jedhanii abdachaa turan.
Yeroo hedduu waa'ee bakka itti imalanii yeroo gaafataman Firaansiiskoon yeroo hunda deebii ifa hin taane kennuun beekamu.
"Deemee ilaaluun qaba. Uummata kooti. Ta'ulleen hanga ammaa hin karoorfanne. Isaan duratti wantootan qixeeffadhu hedduutu jira," jedhan Fulbaana darbe yeroo daawwannaa Eeshiyaan Paasifik irraa deebi'an uummata duratti gaafatamanii.
Lammiileen Arjantiinaa yaada shakkisiisaa isaanii kana hubachuuf ni rakkatu.
"Atileetiin tokko waltajjii idiladdunyaa irratti injifannoo argatee yeroo jedhu hojiin jalqabaa inni taasisu biyya isaatti deebi'ee lammiilee biyyasaa waliin injifannoo sana kabajuudha. Garuu Bergogiliyoon waggooat 12 kana keessatti biyya isaatti takkaa hin deebine. Kuni waan hedduu hima," jechuun X irratti barreessan namni Alan Brando jedhaman.
Yeroo dhihoo keessa phaaphaasichi ija uummataa duraa dhabamuun lammiilee Arjentiinaa biratti xiyyeeffannaa guddaa hin arganne ture.
lammiileen biyyattii raafama dinagdee keessa jiru. Qaala'iinsi jireenyaa harka 300 gahee hiyyummaan haalan dabaleera.
Akka Veraan jedhanitti sababni biraan Firaansiis biyya dhaloota isaaniitti osoo hin deebi'in hafan biyya deemanii dhufaatiin isaanii siyaasaaf akka hin oolleef.
"yeroo hunda 'Arjentiinaa kanan deemu yeroon tokkummaa biyyaalessaa fiduuf gumaachuu nan danda'a jedhee amanetti' jedhu. Qoqqoodama dhabamsisuun lammiileen Arjentiinaa tokkummaa akka qabaatan fedhu," jedhan Veraan.
Arjentiinaa keessatti 'Rift' kan jedhamuu fi waggoota hedduuf siyaasa biyyattii keessatti deeggartootaa fi mormitoota gidduutti falmii jiru kan ibsu.
Gochi 'peronism' jedhamuun ibsamu kuni bara 1940 pirezidaantii biyyattii Ju'an Peeroodhaan jalqabame.
Biyyattii keessattis lammiileen Arjentiinaa hedduun phaaphaasichi Ilaalcha 'peronist' jedhamu kana deeggaru jedhamuun qeeqamanilleen kitaaba bara 2023 waggaa 10ffaa mudama isaanii kabajuu irratti eebbifame irratti qeeqa kana haalaniiru.
"Ani paartii 'Peronist' jedhamu kana keessaa hin qabu. Karaa kamiinuu keessattis hin hirmaanne. Haa ta'u malee yoo ilaalcha siyaasaa 'Peronist' kana qabaannehoo rakkoon isaa maali?" Jechuunis gaafatan.
Yaanni isaanii kuni garuu deeggartoota Pirezidaantota lamaan, kan ilaalcha 'Peronist' hin deeggarree Marisiyoo Makri fi Javiyer Mileeyi hin amansiisne.
Pirezidaantiin Arjentiinaa amma aangoorra jiran Mileeyiin, utuu aangoo hin qabatin dura "Poop Firaansis bakka bu'aa hafuura hamaa dachiirra jiranidha," jedhaniinii ture.
Erga aangoo qabatanii garuu sagalee qeeqa isaanii laaffisaniiru.
Lammiileen Arjentiinaa miidiyaa hawaasummaa fayyadaman paaphaasicha "Firaansis K" jechuun waamu.
Kunis hariiroo isaan nama bara 2007 hanga 2015 pirezedaantii Arjentiinaa turan Kiristinaa Fernandees De Kirchiner, kan ilaalcha 'Peronism' hordofan faana qaban ibsuufi.
Akka Veraan jedhanitti garuu phaaphaasichi nama hunda waliinu walqunnamaa turan.
"Lammiilee Arjentiinaa ilaalcha siyaasaa fi hawaasummaatiin osoo adda hin qoodne," jedhan.
Lammii Addunyaa
Veraan ''lammiileen Arjentiinaa Poop Firaansiis Biyya isaanii daawwachuu dhiisan jennee qeequurra akka phaaphaasiin biyya keenya daawwataniif maal hojjenneerra jennee ofgaafachuu qabna,'' jedhan.
Hiriyaa phaaphaasii tibbana boqotan kanaa kun, phaaphaasichi miidiyaa irratti fi magaalotatti kan qeeqaman ta'anilleen, kutaalee biyyattii hedduu keessati garuu ni jaalatamu ture.
Veraan, ''Poop Firaansis biyya isaanii daawwachuuf hawwii qabu ture. Nattilleen hin himne, garuu bara hojii isaanii gara xumuraa godhachuuf Arjentiinaa yaadanii ture natti fakkaata," jedhan.
Poop Firaansiis biyya isaanii Arjentiinaa waliin hidhata gaarii qabaachaa turanilleen, erga aangoo kanatti dhufanii lammii biyya tokkoo godhanii ofyaaduu akka hin barbaannes himan Veraan.
"Lammiileen Arjentiinaa inni lammii Arjentiinaati jedhanii yaadu. Garuu dhugaan qabatamaan isaan lammii Addunyaati," jedhan.












