Jibuutiin namoota hayyama malee jiran ari'uurratti yaada Itoophiyaan dhiyeessite kuffifte

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Jibuutii yeroo lammiileen biyya alaa hayyama malee keessa jiraatan gara dhufanitti akka deebi'an kenne akka dheeressu gaaffii Embasiin Itoophiyaa dhiyeesse kufaa godhe.
Embasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru murtee mootummaan Jibuutii dabarse hordofee yeroon kenname ji'oota sadiif akka dheeratu aanga'oota biyyattii waliin dubbatee akka ture ibsa baaseen beeksiseera.
Haata'u malee aanga'ootni Jibuutii lammiileen alaa hanga Caamsaa 2, biyyaa akka bahan yeroon kenname ''biyya kamiinuu ilaalcha keessa galchuun kan fooyyeffamu miti'' deebii jedhu kennuu ibseera.
Jibuutii lammiileen biyya alaa hayyama jireenyaa malee seeraaan ala daangaashee keessa jiraatan Ebla 3 hanga Caamsaa 2 biyyaashee gadhiisanii hin bahan yoo ta'e Poolisiidhaan qabdee akka deebiftu beeksiftee ture.
''Yeroo kenname keessatti fedhaan gara dhufanitti akka deebi'an yoo ta'uu baate ammoo humna Poolisiitiin biyya dhufanitti akka deebi'an godham'' jechuun ejjennoo mootummaa Jibuutii qabate Embasiin Itoophiyaa ibseera.
Biyya Baqattootni Itoophiya ahedduun haala adda addaa keessa jiraatan kun akka itti jiran sirreeffachuuf yeroon kenname gahaa waan hin taaneef qondaaloti Embasichaa Wiixata darbe aanga'oota Ministeera dhimma biyya keessaa waliin dubbachuu ibseera.
''Kanneen hayyama jireenyaa hin qabne hedduu waan ta'aniif, ijoolleen namoota barnootarra jiranii barnoota akka adda hin kunne, daldaltootni meeshaaleesaanii dafanii akka gurguratan, namoota bakka adda addaa dalaganiifi miindaan hin kaffalamne akka miindaa argataniif, warra dhimma mana martii qaban kaasuun yeroon itti gara biyyaa galan yoo xiqqaate ji'a sadiin haa dheeratu'' jechuun gaafachuu Embaasichi ibseera.
Deebiin aanga'oota Jibuutiirraa argame yeroon kenname yeroon kenname ''biyya kamiinuu ilaalcha keessa galchuun kan fooyyeffamu miti'' kan jedhu ta'uu ibseera.
Dabalataan abbootiin daldalaa hayyam hin qabne haalli itti qabeenya itti horatan kan qoratamu akka ta'eefi abbootiin daldalaa hayyama jireenyaa hin qaban ta'e hanga hayyama argatanitti 'manni daldalaa isaanii adaraan akka eegamuuf'' ibsameera.
Dhaabbileen miidnaa hojjettootaa osoo hin kaffaliin kuusan yoo jiraatanis dafanii akka kafalan qajeelfamni akka bahu aanga'ootni kun ibsuu Embasichi beeksiseera.
Kanneen mana murtiirraa dhimma qaban ragaa eembaichi dhiyeesusun dhimmisaanii saffisaan akka ilaalamu akka godhamus ibsameera.
Bu'uuruma kanaan Embasichi namoota mana murtiirraa haajaa qabaniin ragaa keessaan koottaa dhiyeessaa jedheera.












