Waliigalteen daldalaa Itiyoo-Keeniyaa hawaasa daangaarra jiraatuuf maal buusa?

Waliigaltee daldalaa hawaasa naannoof bu'aa buusa jedhamee abdatamu kana qondaalota daldalaa biyyoota lamaaniitu mallatteesse
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Moyaalee

Itoophiyaa fi Keeniyaan waliigaltee daldala naannoo daangaa biyyoota lamaanii si'eessa jedhamee abdatamu xumura torbee darbee walii mallatteessan.

Akkaataa waliigaltee kanaan namni tokko gaala lama fi re'oota shan dabalatee walumatti meeshaalee gatiin isaa Doolara Ameerikaa kuma tokko hin caalle daangaa qaxxaamurse gurguraachuu danda'a.

Ministirri Daldalaa fi walitti hidhata naannoo Dr Kaasahuun Gofee hawaasa naannoo daangaa biyyoota lamaniif meeshaalee bu'uuraa itti fufiinsaan dhiyeessuuf akka fayyadu himan.

Waliigaltee kana Ministeera Daldalaa Itoophiyaa fi Ministeera Daldalaa fi Indastirii Keeniyaatu walii mallatteesse.

Ittigaafatamaan Waldaa Daldalaa Keeniyaa Biiroo Moyaalee Obbo Ahimad Alii turtii BBC waliin taasisaniin, hawaasni Keeniyaa daangaarra hanga km 100 fagaatan kanneen Itoophiyaa keessa hanga km 50 irratti argaman waliin akka walitti daldalan gargaara jedhan.

Akka yaada isaaniitti waliigalteen kun harka-qal'eeyyii caalatti fayyada.

''Uummanillee wal keessa yaa'ee akka daldalatu taasisa'' jedhan.

Hawaasni naannichaa gammachuun waliigaltee kana simachuullee itti dabalanii ibsan Obbo Ahimad.

Gaala fi re'oota shan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka waliigaltee kanaatti hawaasi naannoo daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa jiraatan kun waan gatiin isaa doolara Ameerikaa kuma tokko hin dabarre walitti daldaluu danda'u jedhan Obbo Ahimad.

Waliigaltee kana keessatti gaala lama, re'oota shan fi lukkuu daangaa qaxxaamursanii walitti gurgurachuun eeyyamameera.

Dabalataan waan nyaatamu kan akka qurxummii, fuduraalee fi kuduraalee walitti gurguratu.

Naannoo daangaa kanaatti hawaasa horsiise bulaatu jiraata.

Obbo Ahimad waliigalteen kun naannoo daangaa kanatti nageenya buusuuf faayidaa akka qabu ibsan.

Kanaan dura naannoo daangaa kanatti walitti bu'iinsi akka ture kaasuun, mootummoonni biyyoota ollaa kun nagaan akka bu'u waliigaluun ''Akka malee gammachiisaadha'' jedhanii ibsan.

Kanaan dura namoonni seera qabeessaan daangaa Moyaaleerratti walitti daldaluu akka hin dandeenye dubbatan.

Moyaaleen ulaa meeshaaleen kontiroobaandii gara biyyoota lamanitti qaxxaamuru ta'uun eeramti.

''Amma waliigaltee mallatteeffame kanarratti hundaa'uun namoonni hojjachuu danda'u,'' jedhanii ibsan.

Daangaan Itoophiyaa fi Keenyaa iddoo rakkoo nageenyaa qabuu fi sochiin hidhattootaa irraa hin fagaanne ture.

Ji'otooa sadiin dura naannoo Kibba Itoophiyaa aanaa Daassanachiifi biyya ollaa Keeniyaa hawaasaTurkaanaa gidduu walitti bu'insa mudateen gama Itoophiyaan namoonni 13 ajjeefamuu bulchaan aanichaa yoo himan, gama Keeniyaan ammoo namoonni 20 ajjeefamuun gabaafameera.

Ulaa daldalaa biyyoota lamaanii jabduu kan taate magaalaa Moyaaleettis walitti bu'iinsa yeroo adda addaatti mudatuun lubbuun namootaa darbuu gabaasaa turuun keenya ni yaadama.