Leenjisaan Baarseloonaa, Raashifoord 'Awurooppaa keessatti jifataa hamaa ta'eera' jedhe

Eerik Teen Haagiifi Maarkuus Raashifoord

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Baarseloonaa Zhaavii Hernaandees, leenjisaan Maanchistar Yunaayitiid Eerik Teen Haag Maarkas Raashifordiin gara ''jifattoota hamoo amma Awurooppaa keessa jiran keessaa tokkotti geeddareera'' jedhe.

Zhaaviin yaada kana kan kenne kilabni isaa Baarseloonaan Kamisa har'aa tapha Yiruuppaa Liigii dhaqaa galaa tapha isa jalqabaan Maanchistar Yunaayitidiin Kaamp Nuutti simachuuf wayita qophaa'aa jiruudha.

Zhaaviin leenjisaa lammii Dach gara Old Tirafoord erga dhufee Yunaayitidiin daandii injifannootti deebisee xumura waancaa Kaarba'oon gahe Teen Haagiin jajeera.

''Teen Haag leenjisaa jabaadha. Sammuu koo keessatti haala Yunaayitiid keesssa ture jijjiiruun hojii salphaa miti jedheen amana ture, inni garuu milkeessaa jira.''

Jijjiirmni Maanchistar Yunaayitiid keessatti dhufe gama ittisaa, jifachuun, gama hundaan, hunduu gaarii hojjechaa jira kan jedhu Zhaaviin, ''nuuf morkattoota cimoodha'' jedhe.

Addatti Raashfoord irratti xiyyeeffannaa jedha leenjisaan Baarseloonaa Zhaaviin.

''Ce'uumsa kana keessa inni baayyee baayyee hamaadha, kanaaf hunda isaaniirratti eeggannoo gochuu qabna, addatti ammoo Raashfoord.''

''Ammaan tana inni taphattoota akkaan hamoo Awurooppaa keessa jiran keessaa tokko.''

Dhugumattis leenjisaa Teen Haag gara Yunaayitiid erga dhufee Raashfoord gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa, taphataa cimaa liigichaa ji'a darbee ta'uunis filatameera.

Erga Waancaa addunyaa booda taphoota 15 irratti hirmaatee goolii 13 lakkoofsiseera.

Dorgommii erga waancaa addunyaa booda gaggeefaman irratti jifataan hamma isaa galche Awurooppaa keessa hin jiru.

Tapha Yunaayitidiifi Baarseloonaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baarseloonaa fi Yunaatiid waggoota 40'n darban waltajjiiwwan dorgommii Awurooppaa irratti yeroo sadii tapha xumuraa, yeroo lama nuusa xumuraa, yeroo tokko ammoo walakkaa xumuraa irratti wal-arganiiru. Kana gidduuttis yaadannoowwan hin dagatamne qabu.

Tapha har'aa kana Baarseloonaan dursaa taphattootaa Serjiyoo Buuskeetiifi Osmaan Dembeelee malee Yunaatiditti qormaata ta'uuf qophaa'e.

Baarseloonaan ammaan tana Laaligaa Ispeen shaampiyoonaa bara darbee Riyaal Maadriidiin garaagarummaa qabxii 11 dursaa jira. Taphoota saddeet darban hundas injifateera.

Zhaaviin kan jajame Teen Haag yaada Ispeenii kenneen innis Baarseloonaa daandii sirriirra qajeelchaa jira jedhe.

Kilabootni lameen amma Yurooppaa Ligii irratti hirmaachaa jiraatanus kaayyoon isaanii Shaampiyoonsi Liigii ta'uu dubbate Teen Haag.

Deebisanii of jabeessuuf dorgommii kanarratti wal-arguun isaanii gaarii ta'us dubbate.

Yunaatiid taphoota xumuraa sadii Baarseloonaa wajjin wal-argee ture keessaa kanneen jalqabaa lamaan kan injifate ta'us, jaarraa kana keessa garu olaantummaa kana argachaa dhufe Baarseloonaadha. Taphoota dhiyoo keessa walitti dhufan afur irratti Baarseloonaatu injifate.