Emiirri Kaataar Maanchistar Yunaayitiid bitachuuf paawundii biiliyoona 4.5 dhiyeesse

Loogoo Maanchister Yuunaayitid

Madda suuraa, Maanchister Yuunaayitid Feesbuuk

Emiirri ykn bulchaan Kataar Sheek Tamiim bin Hamaad al-Taanii kilaba piriimiyeer Liigii ingilizi, liigicha yeroo 20 injifate Maanchistar Yunaayitiid bitachuuf paawundii biiliyoona 4.5 dhiyeesse.

Waggoota 17 darbaniif abbaa qabeenyaa kilabichaa kan ture Glazer Family kilabicha gurguuruuf yaada akka qabu ibsee bittaa kilabichaafis gatii paawundii biiliyoona jaha baaseera.

yaadni gurguramuu Maanchistar Yunaayitiid erga dhagaahamee biiliyeenarrii lammii Ingilaand Sir Jim Ratcliffe ji'a darbe kilaba biyya isaa kana bitachuuf fedha qabaachuu ibsee ture.

Maanguddoon ganna 70 kun kaampaniin isaa Ineos jedhamu kilaba inni ijoollummaa irraa deeggaraa ture bitachuu akka fedhu kan beeksise ji'a darbe ture.

Glazer Family kilabicha gurguruu akka malu kan beeksise ji'a Sadaasaa darbe ture.

Bittaafi gurgurtaa kilaba Cheelsii kan olaantummaan hooggane dhaabbanni Raine Group abbootii qabeenyaa Yunaayitiidiin tajaajila gorsa faayinaansii akka kennu qacaramuu The Guardian gabaaseera.

Bulchaan Kataar kun amma dura Kilaba biyya Faransaay PSG bitatee jiraachuun Yunaayitiid warra Kataar harka gala taanaa waldaan Kubbaa miilaa Awurooppaa seera isaa fooyyeessuuf waliigaluu qabaata.

Inniis Dargommiiwwan kilaboota Awurrooppaa irratti kilabootni abbaa qabeenyaa tokko qaban akka walitti hin dhufne dhorku fooyyessuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana jechuun fakkeenyaaf Yunaayitiid warra Kataariin yoo bitame, dorgommii Chaampiyoonsi Liigii irratti PSG fi Yunaayitiid akka wal hin morkanne isa dhorku jechuudha.

Uefa seera kana wayyeessuuf waliigala moo hin galuu kan jedhu ammattii hin mirkanoofne.

Bulchaan Katara kun bara 2011'rri ture kilaba PSG kan bitatan. Ergasii taphattootni qaqqaaliin kilabichatti dhufanis hanga ammaa shaampiyoona Awurooppaa hin taane.

Dhaabbatni mirgaaf falmu Aministii Intarnaashinaal Kataar Maanchistar Yunaayitidiin bituuf fedha agarsiisuu hordofee yaada kenneen Piriimiyeer Liigiin seera abbaa kilabaa ta'uurratti ''eeggannoo akka godhu akeekkachiisa dhaama'' jedheera.

Dhaabbatich biyyootni Arabaa sarbama mirga namoomaa raawwatan kubba miilaan haguuguuf yaalu jechuun Ronaaldoon kilaba Saawdiif mallatteessuu qeeqee ture.

''Kataar Maanchistar Yunaayitidiin bitachuuf dhiyaachuun qaama duula mootummaan ispoortiin yakka dhokfachuu eegale itti fufsiisuuti'' jedhu daayireektarri dhimmoota diinagdee Aministii damee UK Peter Frankental.