'Kataar Waancaa Addunyaa akka qopheessitu eeyyamuun dogoggora'-Pireezidantii Fifa duraanii

Seep Bilaater, Pireezidantii duraanii Fifa

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidamtiin Fifa duraanii Seep Bilaatar Waancaa Addunyaa bara 2022 Kataar akka qopheessitu murtaa'uun isaa dogoggora ture jedhan.

Maanguddoon ganna 86 Bilaatar, waggaa 12 dura jechuunis bara 2010'tti qopheessituun Waancaa Addunyaa bara kanaa Kataar yeroo filatamtu pireezidantii Fifa, jaarmiyaa kubbaa miilaa addunyaa bulchuu turan.

Biyyi Galoo Galaanaa kun ejjennoo jaalala saala walafakkaataa gidduu jiru, qabinsa mirga namoomaa fi qabinsa warra hojiif godaananiirratti ni qeeqamti.

Bilaatar yeroo murteen darbu san ''garas deemuun irra hin jiru'' jechuun mormuun isaanii sirrii akka ture dubbatan.

Maanguddoon lammii Siwiiz, Bilaater yaada kana kan kennan sagantaa raadiyoo BBC tokkoof ture.

Gaafiifi deebii gaazexaa biyya Siwiiz Tages Anzeiger jedhamu waliin gaggeesaniin ammoo Kataar ''biyya baayyee xiqqoodha, kubbaan miilaafi Waancaan Addunyaa ammoo akkaan itti guddata'' jedhaniiru.

Waancaan Addunyaa guyyoota 10 booda Kataaritti eegalamu seenaa dorgommii kanaa waggoota 92 keessatti yeroo duraatiif biyya gidduugala Bahaa keesssatti kan gaggeefamu ta'a.

Dorgommiin kun waqtii cabbaa'aa biyyoota Hemisfeera Kaabaa keessa argamanitti yeroo gaggefamus kun isa jalqaaati.

Dorgommichi Sadaasa 20 hanga Mudde 18'tti gaggeefama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Murteen carraa dorgommii kana keessummeessuu Kataariif kan kenname miseensota koree hojii raawwachiiftuu Fifa 14 irraa deeggarsa, saddeet irraa ammoo mormii argateen Yunaatiid Isteets caaluun ture. Baruma 2010 Raashiiyaan ammoo isa bara 2018 akka qopheessitu carraa argatte. Bilaatar bara Kataar filatamte isaan pireezidanti ta'aanii sagalee isaanii kan kennan US'f akka ture dubbatanii, pireezidantii qaama kubbaa miilaa Awurooppa bulchuu kan turan Misheel Pilaatiiniitu sagaleen gara Kataar akka goru godhee jedhaniiru.

''Filannoo badaadha akka pireezidantii yeroo sanaatti gaafatamaan anadha.''

''Galatni Pilaatiiniifi garee isaaf haa ta'uutii kunoo Waancaan Addunyaa Yunaatiid Isteets dhiisee Kataaritti deeme'' jechuun cigoon dubbatan.

Murtee bara 2010 kana hordofee ulaagaa biyya dorgommii kana qopheessitu filachuuf dhiyaatu irratti fooyya'insi godhamuu himaniiru.

''Ergasii dhimmoota hawaasummaa ilaalcha keessa galchuun dhimmi mirga namoomaas ni ilaalama.''

Bilaatar pireezidantii Fifa ta'uun waggoota 17'f kan tajaajilan yeroo ta'u bara 2015'ti ture doolaara miiliyoona 2.19 seeraan ala Misheel Pilaatiiniif dabarsuun walqabate kan aangoorraa akka bu'an ta'e.

Sababuma kanaan jalqaba irratti waggoota saddeetiif dhimma kubbaa miilaa keessa akka hin galle dhorkamanii booda adabbiin kun waggaa jahatti gadi siiqeefiira.

Boodas ittiin bulmaata Fifa cabsaniiru jedhamuun ammoo hanga bara 2028'tti kubbaa miilaa keessatti akka hin hirmaanne dhorkamaniiru.

Pilaatiiniif Bilaater waliin dhahuun himatamanii manni murtii Siwiizarlaand bilisa isan godheera.

Murteen bara 2010'tti waancaa Addunya bar 2018 Raashiyaan, kan bara 2022 ammoo Kataar akka qopheessitu darbes malaammaltummaa fi waliin dhahuun kan guute jedhamees himannaan irratti dhiyaatera.