Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoo ganna 24 lafee namaa gurguru
Dargaggoon kuni tarii hojii namoonni baay’ee hin tilmaamne yookiin immoo umrii isaa kanatti irraa hin eegne dalagaa jira ta’a.
Inni garuu gammachuu irraa qaba, beekamtiin isaas dabalaa jira.
Yeroo ammaa lafee dolaara 600,000 caalaa baasu of biraa qaba. Miidiyaa hawaasummaa, TikTok, gubbaas hordoftoota danuu horate.
Jon Pichaayaa Ferii jedhama. Lammii Ameerikaati dargaggeessa umrii 24 dha.
Yeroo ammaa magaalaa Niiw Yoork, safara Biruukiliin jedhamutti kuusaa lafee namaa qaba. Wanti kuusaa kana adda godhu lafeen namaa sirrii argamuu isaati.
Manneen namootaa hedduu keessatti lafeen namaa mana kuusaa, mana duuba bakka baay’ee jira jechuun hima.
Haa ta’u malee, waan ittiin godhan wallaalaniiru jedha wanta hojii kanatti isa qajeelche yoo dubbatu.
Kanaanis, lafee namaa walitti qabuu eegale. Muuziyeemi "The Bone’’ jedhamuus hundeesseera.
"Ameerikaa keessatti haftee namaa itti-gaafatamummaan walitti qabameefi isa guddicha ta’edha,’’ jechuun dubbata yeroo dhaabbata isa kana ibsu.
Lafeen namaa inni walitti qabu kan daldala lafee kana dura tureefi amma baderraa kan argamanidha.
Kanaan achi kan lafa owwaalchaatii kan qotamanii bahanis ta’e kutaa ykn konteenara lafee namoota du’anirraa kanneen dhufan hin fudhatu.
Galmee seenaarraa
Ameerikaafi Awurooppaa keessumaa hanga bara 1980’tti barattooti medikaalaafi pirofeeshinaalonni, barnootaaf lafee namaa isa dhugaa ta’e bituun ni dirqisiifamu ture.
Bara ammaa garuu lafeen dhugaa namootaa harka medikaalota seenaa hin jiru. Gara caalu dhaalaan yookiin dhaabbileetu of harkaa qaba.
Ji’a tokko keessatti ergaa imeelii 30 – 50 ta’aniifi maatiin isaanii erga du’an booda kutaa meeshaa kuusan keessaa lafee namaa isa sirrii arganne jedhanii nuuf barreessu jedha dargaggoon kuni.
"Waan itti goonu wallaalle, nu rifachiise,’’ jedhu jechuun BBC’tti hime.
Sababa kanaaf dargaggoon kuni lafee akkanaa simachuun kemikaalaan akka dhiqaman godha. Qacceen sanyii isaaniis akka hin baramne ta’a.
Akka inni jedhuutti, muuziyeemonni medikaalaa US keessatti argaman gara caalu lafee namaa isa sirrii isa namoota bira jiruufi baay’ee ta’e ofitti fudhachuu hin danda’an.
Awurooppaafi Ameerikaa keessatti jaarraa 17ffaafi 18ffaa keessatti barnootaaf lafeen namaa sirriitti barbaachisa ture.
Sababa kanaaf saamichi lafee namaa keessumaa kan bakkee owwaalchaatti hammaatee ture.
Kana dhorkuuf seerri bahuu jalqabe. Seerri "Murder Act 1751’’ kanneen keessaa tokkodha.
Seerichi nami tokko nama ajjeesuun yoo yakkamaa ta’e, lafee isaa barnootaaf akka oolu ajaja.
Kunis ta’ee fedhii lafee namaa barnootaaf barbaachisu guutuun hin danda’amne. Kanatti namoonni bakka owwaalchaa sibiilaan marsanii ijaaruu jalqaban.
Eegasii seerri "The Anatomy Act of 1832’’ jedhu bahe. Seerri kuni namoonni medikaalaa fi barattoonni isaanii reeffa namaa barnootaaf oolu akka argatan eeyyama.
Hospitaala, manneen hidhaafi kaanitti du’anii reeffi isaanii sa’aatii 48’f tureefi namni fudhachuu dide qorannoof ofitti fudhachuu danda’u.
Dabalataan seerichi maatiin reeffa maatii isaanii du’e qorannoof akka kennan eeyyama.
Kunimmoo daldala lafee namaa 1920 – 1984 turetti qajeelche. Fakkeenyaaf Hindiin bara 1950 keessa biyya lafee hedduu gabaa alaatti ergitu taate.
Yeroos dhaabbileen medikaalaa yoo reeffa maatii keessan qorannoof nuuf eeyyamtan gatii owwaalchaaf oolu isiniif kanfalla jedhu ture.
Daldalli lafee namaa kuni garuu Hindii keessa bara 1985 erga wayii dhalate booda akka dhaabatu ta’e.
"Namni lafee gurguru tokko lafee daa’imman 1,500 kuusaa keessa kaa’ee to’atame. Kunis, guutuu Hindiitti daldalli lafee akka dhorkamu sababa ta’e,’’ jedha Jon Pichaayaa Ferii.
Sababa kanatti dhaabbileen medikaalaa lafee pilaastikarraa tolfame fayyadamuu eegalan.
Yeroo ammaa daldalli lafee namaa bakkatti kanneen kana dura gurguraman deebi’anii itti gurguraman ta’eera.
Ameerikaa keessatti fakkeenyaaf bulchiinsota sadii keessatti yoo ta’e malee lafee namaa gurguruun eeyyamamaadha.
"Maamiltoonni keenya ijoo manneen barnootaafi yunivarsiitiiwwanidha. Kan lammataa immoo miseensota dhaabbata ‘Search & Rescue’ dha.
"Lafee nurraa bitanii saroonni foolii namaa akka adda baasan ittiin leenjisu,’’ jechuun hima.
Dargaggoon kuni lafee walitti qaban ummataaf hin gurguru.
Lafee namaa isa dhugaa walitti qabe kabajaan eegamuu akka qabu dhaama.
"Kuni diikoorii miti. lafee namaa sirrii kabajaan qabamuu qabudha. Kanaaf hanga humni keenya eeyyameen isaan kunuunsuuf dalagna.’’
Dameen saayinsii ostiyoolojii (osteology) jedhamu waa’ee hojii, fi caasaa lafee qo’atudha.